ILQSO
3.74K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 13, Bara 2014 #Adaamaa
Workishoppiin Dhiyeessa Bu'aa Qorannoowwan Seeraa ILQSO guyyoota sadiif magaalaa #Adaamaatti gaggeeffama ture xumuramee jira. Xumura Workishoppichaa irratti Hoggantuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi W/Q/I/A Gumii ILQSO kan Adde Addunyaa Ahimad qorannoowwan guyyoota sadan darban dhiyaatan rakkoolee seeraa, hojimaataa fi bulchiinsa gaarii hawaasa keenya miidhan turan adda kan baasanii fi yaada furmaataa kan kaa'an waan ta'eef qaamni dhimmi ilaalu hundi fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru
#Bitootessa 5 Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna Qallabni Daa'immanii Itti Muramu: Murtiin Duraa fi Murtiin Booda" jedhu irratti Abbootii Murtii sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, Bitootessa 8, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seerota Bulchiinsaa" jedhu irratti Abbootii Alangaatiif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun hubannoo Abbootiin Alangaa Seerota Bulchiinsaa akka waliigalaatti fi Labsii Seera Adeemsa Bulchiinsaa Lakk. 1183/2012 irratti qaban dabaluun seerota kana akka hojiirra oolchan taasisuuf yaadamee kan qophaa'eedha.
#ILQSO, Bitootessa 14, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree Seera Demsa Falmii Hariiroo Hawaasaa jedhu irratti Qaadota Manneen Murtii Shari'aa sadarkaa Aanaa, Ol'aanaa fi Waliigalaa keessatti hojjatan namoota 106 ta'aniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun dhimmoota gurguddoo qajeeltoowwan waliigalaa seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, aangoo manneen murtii, kenniinsa waraqaa waamichaa, hafiinsa falmitootaa fi bu'aa isaa jedhan irratti xiyyeeffatamee kennamaa jira.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwaan "Seerota Investimantii fi Faayidaa Ummataatiif qabeenya (qabiyyee) gadilakkisiisu (expropriation) jedhan irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaa sadarkaa naannoo fi Godinaatti hojjataniif akkasumas Ogeessota Seeraa Biiroo Lafaa fi Komishinii Investimantii keessatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaas hirmaattotni leenjichaa labsiilee kanneen irratti hubannoo gahaa argatanii karaa guutuu ta'een hojiirra akka oolchanii fi rakkooleen gama kanaan qabatamaan mul'achaa turan akka furaman taasisuu akka ta'e ibsamee jira. Keessattuu Oromiyaan giddugala investimantii ta'uu irraa kan ka'e komii fi waldhabdeewwan Investimantii fi qabiyyee gadilakkisiisu (expropriation) wajjiin walqabatan heddu kan jiran waan ta'eef Abbootiin Seeraa fi Abbootiin Alangaa akkasumas ogeessotni seeraa Biiroo Lafaa fi Komishinii Investimantii keessatti hojjatan seerota kanneen sirnaan hubatanii hojiirra oolchuu qabu jedhameera. Leenjiin kun guyyoota 4f itti fufiinsaan kan kennamu ta'uun hubatameera.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Labsii To'annoo Gabaa fi Qulqullina Bunaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaa hirmaattotni leenjichaa haala raawwii Labsii Bunaa sadarkaa federaalaatti bahee fi Labsii Omishaalee qonnaa akka naannoo keenyaatti bahe irratti hubannoo dabalataa fi walfakkaataa akka qabaatan taasisuuf akka ta'e ibsamee jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, Onkoloolessa 8, Bara 2015
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree "Seerota Taaksii fi Gumurukaa" Jedhu irratti Abbooti Alangaa fi Qorattota Poolisii sadarkaa Biiroo hanga Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi hubannoo Poolisii fi Abbaa Alangaa Seerota kanneen irratti qaban dabaluun dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuuf kan qophaa'e yoo ta'u guyyoota sadiif itti fufee kan kennamu ta'a.
#Onkoloolessa 17, bara 2015 #ILQSO Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa mata duree "Seroota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irrattii Abbooti Alangaa fi Qorattota Polisiitiif marsaa 3ffaaf magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufee kan kennamu ta'a.
#Onkoloolessa 18, bara 2015 #ILQSO
Leenjiin mata duree "Seerota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif magaalaa #Adaamaatti kennamaa ture xumuramee jira. Bu'uuruma kanaan Itti Aanaan Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo leenjiin kennamuun galma waan hin taaneef leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiirra oolchuu fi kanneen biroos akka hubatan gochuu qabu jedhaniiru. Xumura leenjichaa irratti argamuun kallattii hojii kan kennan Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa fi hoogganaan Damee Yakkoota Adda Addaa Obboo Kumasaa Araarsaa leenjifamtootni hubannoo argatan hojiitti jijjiiruun tajaajila haqaa si'ataa, haqa qabeessaa fi hannarraa bilisa ta'e kennuu qabu jedhaniiru.
#Sadaasa 16, Bara 2015 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Daldala Seeraan Alaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaa irratti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Sadaasa 20, Bara 2015 #ILQSO
#Hojiirra Oolmaa Qorannoo ILQSO
Qorannoon Mata Duree "Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'elaa: Haala Qabatamaan Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffamee bara 2014 workishoppiif dhiyaatee ture haala hojiirra itti oolu irratti qaamoleen qorannicha hojiirra oolchuuf gahee qaban guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'atan. Bu'uuruma kanaan hirmaattotni marii kanaa rakkoolee seeraa, gurmaa'insaa, hojmaataa fi raawwii diiggaan gaa'elaa akka babal'atuu fi miidhaan akka dhaqqabu taasisan dhuunfaan akka mana hojii isaanittis ta'ee waliin atoomuun akka furaman taasisuun qorannicha hojiirra oolchuuf waliigalanii jiru.
#Sadaasa 22, Bara 2015 #ILQSO
Hoggantootni fi Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa barreeffama mata Duree "Nageenya Waaraa Mirkaneessuun Injifannoo Ummata Oromoo Tiiksina" jedhu irratti guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'ataniiru. Marii kanaarratti hojjattootni Inistitiyuutichaa Naannoo keenya keessatti rakkooleen nageenyaa hawaasa keenya dararaa jiran maqfamanii nageenyi amansiisaa fi fulla'aan akka dhufu gumaacha nurraa eeggamu ni taasifna jedhaniiru.
#ILQSO, Sadaasa 23 Bara 2015

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna fi Dhagahaa Dhimmota Ol'iyyannoo Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa #Adaamaatti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif itti fufee kan kennamuudha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Seerota Yakka Malaammaltummaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Godinaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Bifuma walfakkaatuun magaalaa #Ciroo irrattis leenjiin kennamaa jira. Leenjiwwan kennamaa jiran hundinuu sakatta'iinsa fedhii leenjii irratti kan hundaa'anii fi gahumsa ogeessota keenyaa dabaluuf murteessaa kan ta'aniidha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Adabbii Dhimmoota Yakkaa Murteessu: Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbooti Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Bitootessa 6, Bara 2015 #ILQSO

#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qorannoo yakkoota Malaammaltummaa" jedhu irratti qorattoota miseensota poolisii Komishinii Poolisii Oromiyaa tiif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamuudha.
#ILQSO, Ebla 23, Bara 2015

#Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa fi Karoora Hojii Bara 2016
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2015 fi kallattii karoora bara 2016 Inistitiyuutichaa irratti magaalaa #Adaamaatti marii taasisee jira. Marii kana irratti hojiiwwan Inistitiyuutichi baatiiwwan saglan darban keessatti raawwachaa ture dhiyaataniiru. Kurmaana 4ffaa kana keessattis ciminoota turan itti fufsiisuun dhimmoota har'anii hafan hunda sakatta'uun adda baasuun raawwachuun hojiiwwan bara bara 2015f karoorfaman hunda xumuruun akka kallattii itti aanuutti taa'ee jira. Kana malees kallattiin karoora bara 2016 dhiyaatee irratti mari'atameera. Karoorri bara 2016 karoora hiixataa sadarkaa mootummaa fi tajaajilamtootni keenya nurraa barbaadaniin kan walgitu ta'uu akka qabus himamee jira.
#ILQSO, Sadaasa 12, Bara 2016
Leenjii Moosaajii Qabeenya Galmeessuu
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa haala Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuu irratti, akkasumas haala qabeenyi karaa teknolojiitiin moosajiidhaan itti galmaa'uu fi beeksifamu irratti Magaalaa #Adaamaatti leenjii fudhachaa jiru.