ILQSO
3.74K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#Bitootessa 5 Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna Qallabni Daa'immanii Itti Muramu: Murtiin Duraa fi Murtiin Booda" jedhu irratti Abbootii Murtii sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, #Bitootessa 9, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa baajata mootummaan ramadeef keessaa %2 (qarshii 110,250) baasuun daakuu kuntaala 26 fi kiiloogiraama 25 bituun jiraattota magaalaa Adaamaa sababa dhibee ykn umrii isaanii irraa kan ka'e deeggarsi taasifamuu qabuuf bu'uura qajeelfamaatiin raabsee jira. Deeggarsi taasifamu qaama dhugumatti deeggaramuu qabu bira akka gahu taasisuuf koreen ILQSO, Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii, Waajjira barnootaa fi Waajjira fayyaa irraa walitti dhufuun calalliin deeggaramtootaa of eeggannoon raawwatamuun sirna kenniinsa deeggarsaa kana irratti ibsameera. Namootni deeggarsi kun taasifameefis deeggarsa isaaniif taasifametti kan gammadan ta'uu ibsaniiru.
#ILQSO, #Bitootessa, 10, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moosaajii karoora, gabaasaa fi madaallii hojjattootaaf akka ooluuf qophaa'e irratti hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif Garee TOQ Keennamee magaalaa Bishooftuutti leenjii kennee jira. Leenjiin kun hojjattootni Inistiitiyuutichaa moosaajii kanarratti hubannoo argatanii akka hojiirra oolchan taasisuuf kan kennameedha.
#Bitootessa 26, Bara 2014 #ILQSO
Waltajjiin Marii Raawwii Labsiilee Investimantii irratti xiyyeeffate Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti gaggeeffamaa jira. Kaayyoon waltajjii kanaa waldiddaawwan dhimma investimantii irratti ka'an furuu keessatti gaheen qaamolee Abbootii hirtaa maal akka ta'e adda baasuu fi hanqinaalee gama kanaan jiraniif furmaata waaraa kaa'uu akka ta'e ibsamee jira.
#Bitootessa 27 Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti guyyaan Dubartootaa Addunyaa March 8 bara 2014, Dhaadannoo "Wal-qixxummaan koorniyaa haar'aa itti fuffinsa booruuf"jedhuun bakka keessumoonni gara garaa argamanitti marii fi sirna ho'aan kabajameera.
#Bitootessa 6, Bara 2015 #ILQSO

#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qorannoo yakkoota Malaammaltummaa" jedhu irratti qorattoota miseensota poolisii Komishinii Poolisii Oromiyaa tiif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamuudha.
#Bitootessa 6, Bara 2015 #ILQSO

#Leenjii Hojjattoota ILQSO

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qajeelfama Naamusa Hojjatoota Motummaa Naannoo Oromiyaa fi Qajeelfama Raawwii Hoggansa Qabeenya Namaa Manneen Hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti hojjattoota isaatiif leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaas hojjattootni Inistitiyuutichaa mirgaa fi dirqama isaanii sirnaan hubatanii naamusa olaanaadhaan tajaajila si'ataa, qulqulluu fi haqa qabeessa ta'e akka kennaniif dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuu akka ta'e ibsameera. Leenjiin kun guyyoota lamaaf itti fufee kan kennamu ta'a.
#Bitootessa 7, Bara 2015, #ILQSO

#Deeggarsa Hawaasni ILQSO taasise

Hojjattootni fi leenjifamtootni Sagantaa Leenjii hojiin duraa Marsaa 16ffaa Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hawaasa keenya sababa hoongeetiin miidhameef deeggarsa namoomaa qarshii 378,000.00 (kuma dhibba sadiif torbaatamii saddeet) arjoomanii jiru. Mootummaan naannoo Oromiyaatis deeggarsa taasifameef waraqaa ragaa galataa nuuf kennee jira. Deeggarsa taasiftaniif hundi keessanuu guddaa galatoomaa jenna!