ILQSO
3.68K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#Bitootessa 7, Bara 2015, #ILQSO

#Deeggarsa Hawaasni ILQSO taasise

Hojjattootni fi leenjifamtootni Sagantaa Leenjii hojiin duraa Marsaa 16ffaa Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hawaasa keenya sababa hoongeetiin miidhameef deeggarsa namoomaa qarshii 378,000.00 (kuma dhibba sadiif torbaatamii saddeet) arjoomanii jiru. Mootummaan naannoo Oromiyaatis deeggarsa taasifameef waraqaa ragaa galataa nuuf kennee jira. Deeggarsa taasiftaniif hundi keessanuu guddaa galatoomaa jenna!
#ILQSO, Ebla 23, Bara 2015

#Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa fi Karoora Hojii Bara 2016
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2015 fi kallattii karoora bara 2016 Inistitiyuutichaa irratti magaalaa #Adaamaatti marii taasisee jira. Marii kana irratti hojiiwwan Inistitiyuutichi baatiiwwan saglan darban keessatti raawwachaa ture dhiyaataniiru. Kurmaana 4ffaa kana keessattis ciminoota turan itti fufsiisuun dhimmoota har'anii hafan hunda sakatta'uun adda baasuun raawwachuun hojiiwwan bara bara 2015f karoorfaman hunda xumuruun akka kallattii itti aanuutti taa'ee jira. Kana malees kallattiin karoora bara 2016 dhiyaatee irratti mari'atameera. Karoorri bara 2016 karoora hiixataa sadarkaa mootummaa fi tajaajilamtootni keenya nurraa barbaadaniin kan walgitu ta'uu akka qabus himamee jira.
#Caamsaa 10, bara 2015, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa galmee jechoota seeraa biyya keenyaaf isa jalqabaa ta'e magaalaa Bishooftuutti ebbisiisee jira. Galmeen jechoota seeraa kun waggoota afran darbaniif hojjatamaa kan turee fi qulqullina isaa eeguuf ogeessota garaagaraatiin ilaalamaa kan ture ta'uu Daayirektarri olaanaan Inistitiyuutichaa Obboo Doobee Dhaabaa ibsaniiru. Gumaachi inni sirna haqaa naannichaas ta'ee guddina afaan oromoo keessatti qabus olaanaadha jedhameera. Galmee jechoota seeraa afaan Oromoo kana kan eebbisiisan kabajamoo Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbasimaal, Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo fi hayyuu siyaasaa gameessa Oromoo Kabajamoo Obboo Leencoo Lataati. Ogeessotaa fi qaamolee hojii kana keessatti hirmaataniifis beekkamtiin kennamee jira.
#Gaaddisa_Seeraa
Gaaddisni Seeraa Sagantaa Raadiyoo #ILQSO deeggarsa maallaqaa #Dhaabbata_Hojii_Addunyaa_(ILO) irraa argatuun Raadiyoo OBN irratti hubannoo seeraa uumuuf eegale dha. Sagantichi torbanitti guyyaa tokko Wiixata sa’aatii 10:20 – 11:20 tti kallattiin kan tamsa’udha.
Torban #2ffaadhaan mata duree “Dirqamoota Ejensiilee Hojii fi Hojjetaa Walquunnamsiisanii” jedhu irratti sagantaa qophaa’e, kunoo caqasaa.
#ILQSO, Fulbaana 9, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin leenjii fi qorannoo seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa Deebisiisuu jedhu irratti Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisii sadarkaa naannootti hojjataniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamuudha.
#Onkoloolessa 16 bara 2016 #ILQSO
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakka malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa ta'e deebisiisuu" jadhu irratti Abbooti Seeraa, Abbooti Alangaa fi Qorattoota Poolisii sadarkaa Godinaatti hojjataniif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kunis guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, Sadaasa 3, bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Malaammaltummaa fi Qabeenya bu'aa Yakka Malaammaltummaa deebisiisuu jedhu irratti Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif Magaalaa #Shaashamanneetti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun yakkoota Malaammaltummaatiin walqabatee keessattuu Qabeenya bu'aa Yakka malaammaltummaa haala itti deebisiisuun danda'amu irratti hubannoo ogeessotaa cimsuuf kan qophaa'eedha.
#ILQSO, Sadaasa 5, Bara 2016
#Raawwii Hojii Projeektii ILQSO
Koreen Pirojeektii ijaarsa Gamoo Mana Kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ILQSO haala raawwii pirojeektichaa daawwatee jira. Daawwannaa taasifameen pirojeektichi yeroo fi qulqullina isaa eeggattee haala gaariin hojjatamaa jiraachuun hubatamee jira. Raawwiin pirojeektichaa yeroo ammaa %25 irra gahee jira. Haalli qulqullina isaas ogeessota ILQSO, Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa fi Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaatiin hordofamaa jiraachuun hubatamee jira.
#ILQSO, Sadaasa 12, Bara 2016
Leenjii Moosaajii Qabeenya Galmeessuu
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa haala Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuu irratti, akkasumas haala qabeenyi karaa teknolojiitiin moosajiidhaan itti galmaa'uu fi beeksifamu irratti Magaalaa #Adaamaatti leenjii fudhachaa jiru.
#ILQSO, Sadaasa 16 bara 2016
#Leenjii Dandeettii Raawwachiisumaa Cimsuuf
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Mindset" jedhu irratti koree manaajimantii, leenjistootaa fi Qorattoota Seeraa Inistitiyuutichaatiif Magaalaa Bishooftutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun dandeettii raawwachiisumaa hoggansaa fi ogeessotaa cimsuuf yaadamee kan kennama jiruudha. Leenjichi barsiisaa Yunivarsiitii Arsii kan ta'an Dr. Robsen Mergotiin kennama jira.
#ILQSO, Sadaasa 17, Bara 2016
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree pirojektii karoorsuu, raawwachuu, hordofuu fi madaaluu/Project Planning, Implementation, Monitoring & Evaluation/ jedhu irratti garee maanajimantii fi ogeessota dhimmichi ilaaluuf guyyoota shaniif leenjii kennu jalqabee jira. Leenjiin kun hubannoo hoggansii fi ogeessotni bulchiinsa pirojektii irratti qaban dabaluun dandeettii raawwachiisumaa isaanii cimsuuf yaadamee akka ta'e ibsameera.
#ILQSO, Sadaasa 19, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraatiif kennamu

Bifuma walfakkaatuun leenjiin mata duree “Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraatiif kennamu magaalaa #Roobeettis kennamuu eegalee jira. Leenjiin kunis guyyoota afuriif kan kennamu yemmuu ta’u seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keessatti dhimmoota hubannoon walfakkaataan irratti uumamuu akka qabu sakkatta’iinsa fedha leenjii taasifameen adda bahan irratti kan kennamu ta’uun ibsamee jira.
#ILQSO, Sadaasa 19, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraatiif kennamu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Mana Murtii Aanaatti hojjataniif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjichi fedhii Abbootii Seeraa irra walitti qabame bu’uura godhachuun kan kennamu akka ta’e ibsamee jira. Leenjiin kun kan marsaa jalqabaa yemmuu ta’u guyyoota afuriifis itti fufee kan kennamu ta’a. Marsaaleen itti aananis kilaastaroota leenjii adda addaa irratti ni kennamu.
#ILQSO, Sadaasa 24, Bara 2016
Leenjii Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa keessatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun deeggarsa maallaqaa dhaabbata ILO jedhamu irraa argameen kan kennamu yemmuu ta’u guyyoota lamaaf kan turuudha.
#ILQSO, Sadaasa 27, bara 2016
Guyyaan Farra Malaammaltummaa fi Ittisa Dhukkuba HIV AIDS sadarkaa ILQSOtti kabjame
Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka naannoo Oromiyaatti marsaa 18ffaaf Mootoo "Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa waan ta'eef Gamtaadhaan irratti Haa Qabsoofnu" jadhuun kabajamu sadarkaa ILQSOtti kabajame. Kaayyoon kabaja guyyaa kanaa miidhaa malaammaltummaan geessisaa jiruu fi geessiisuu danda'u akkasumas tarsimoo yakka kana ittiin ittisan irratti hubanno waliif uumu, waadaa qabsichaa haaromfachuu fi kallatti qabsoo gara ful duraa akeekuuf akka ta'e daayirektarri Ol'aanaan ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa ibsaniiru. Sagantaa kanarratti hojjattoota naamusaan fakkeenya ta'aniif beekkamtii fi badhaasni kennameera. Dabalataaniis, guyyaan Farra Dhukkuba HIV AIDS marii hubannoo uumuutiin kabajameera.
#ILQSO, Muddee 5, bara 2016
Bu'aa Calallii duraa dorgommii Leenjisaa fi Qorataa Seeraa ILQSO
Gita Hojii Leenjisaa Seeraa
1.Obbo Taarikuu Yimar Kubbachee
2.Obbo Taadala Gammachuu Shuguxii
3. Obbo Zawuduu Mulugeetaa Damisee
4. Obbo Shaalloo Huseen Jiiloo
5. Adde Tigist Asfaawu Borgaa
6. Obbo Qiddus Nagaraa Kaasuu
7. Obbo Ashanaafii Warquu Nadhii
8. Obbo Tolosaa Takkaa Gaaddisaa
9. Obbo Birraa Baqqalaa Luuxaa
10. Obbo Amaan Gabii Ida’oo
11. Obbo Mokonnin Dhaabaa Dheeressaa

Gita Hojii Qorataa seeraa IV
1. Obbo Gammachuu Tolasaa Hirphaa
2. Obbo Abdallaa Deebisoo Obsee
3. Obbo Jireenyaa Baqqalaa Fayisaa
4. Obbo Isheetuu Hundee Fayisaa
5. Obbo Yirgaalam Mitikkuu Gabree
6. Obbo Misgaanaa Deebisaa Dooyyoo
7. Obbo Bakar Tisee Bareedaa
8. Obbo Mallasaa Miidhaksaa Mul’ataa
9. Obbo Araarsaa Kabbee Abbabaa
10. Obbo Falmataa Daboo Beeraa
11. Obbo Abdulkariim Huseen Abdallaa
12. Addee Maartaa Dinquu Raadee

Naamusa ogeessota Calallii duraa darbanii ilaalchisee yaada qabdan mala qunnamtii isinitti toleen nuuf erguun deeggarsa nuuf taasisaa.
#ILQSO, Amajjii 25, Bara 2016
#Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa bara 2016
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii Kurmaana 2ffaa bara 2016 Inistitiyuutichaa gamaggamaa jira. Gamaaggamni kun raawwii hojii Inistitiyuutichaa gadifageenyaan qorachuun ciminaalee jiran daran cimsuu fi hanqinaalee jiran fooyyessuun karoora Inistitiyuutichaa milkeessuuf akka ta'e Daayirektarri Ol'aanaan Inistitiyuutichaa Obbo Doobee Dhaabaa ibsanii jiru.
#ILQSO, Gurraandhala 4, bara 2016
#Raawwii Pirojeektii ILQSO
Koreen teknikaa pirojeektii ILQSO raawwii hojii ijaarsa pirojeektii Gamoo Mana Kitaabaa, Gamoo Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsa daawwatee jira. Raawwiin pirojeektichaa maallaqaan parsantii 38.1 fi fiizikaalli parsantii 39 irra gahuu ogeessota pirojeekticha hojjachaa jiranii fi too'achaa jiran irraa hubachuun danda'ameera. Koreen kunis daawwannaa taasiseen pirojeektichi haala gaariin hojjatamaa jiraachuu hubatee jira.
#ILQSO, Gurraandhala 7, Bara 2016
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Magaalaa Dirreedhawaatti
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seerota ijaarsaa" jedhu irratti Magaalaa Dirreedhawaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa fi ogeessota seeraa waajjiraalee mootummaa bulchiinsa magaalaa Dirreedhawaa; Abbootii seeraa fi Abbootii Alangaa Godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Magaalaa maayaa akkasumas Abbootii seeraa naannoo somaaleetiif kannamaa jira.
Leenjiin kun qindoomina ILQSO fi Mana Murtii Ol'iyyannoo Bulchiinsa Magaalaa Dirredhawaatiin kan kennamuudha.
Leenjicha kan jalqabsiisa Afyaa'ii Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Dirredhawaa kabajamtuu Aaddee Faatiyaa Adam yoo ta'an leenjichi dandeettii raawwachiisummaa ogeessota Seeraa cimsuu cinaatti hariiroo ILQSO'n naannolee ollaa waliin qabu kan jabeessuudha jedhaniiru.
#ILQSO, Gurraandhala 15, Bara 2016
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Magaalaa Roobeetti
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seerota ijaarsaa" jedhu irratti Godina Baalee Magaalaa Roobeetti leenjii kennaa jira.