Oromia Legal Training and Research Institute
7.89K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Caamsaa 16/2017
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo seeraa Oromiyaa bara 1999 erga hundeeffamee eegalee hojiilee gurguddoo Riifoormiiwwan qaamolee haqaa naannichaa gama maraan galmaan gahan hojjechaa jira.Hojiilee gurguddoon Riifoormiiwwan qaamolee haqaa naannichaa utubaa jiran kunis

1. Leenjii: Ogeessota seeraa naannichaa gahoomsuuf leenjiiwwan yeroo gabaabaa fi dheeraa kennuun, muuxannoo waljijjiirraa uumuu fi hubannoo seerota haaraa irratti babal’isuun qaawwaa hojirra oolmaa seeraa cimsuu irratti mul'atu akka dhiphaatu gochuun walfakkeenyummaan murtiilee kennamanii akka dabaluuf hojjachaa jira.

2. Qorannoo: Qorannoowwan seeraa garaagaraa geggeessuun, qaawwaa seerotaa adda baasuun, seerota fooyyessuuf gumaacha taasisaa jira. Kana malees, sirna seeraa bu’uura qorannoo fi qo’annoon deeggaru diriirsuu irratti shoora guddaa taphataa jira.
3. Tajaajila Gorsa Seeraa: Qaamolee mootummaa, hawaasa bal’aa fi dhaabbilee miti-mootummaa gorsuun, rakkoolee seeraa furuuf deeggarsa bal’aa kennuu irratti argama.
Hojiiwwan Gaggeeffamaa Jiran:

Gama Qorannoo Seeraa fi haqaan hojiilee gurguddoo hojjechaa jiru irratti dabalataan hojii Joornaalii seeraa beekamtii qabu: Beekumsi qorannoo seeraa akka gara hawaasa addunyaa ce'u taasifachuuf, Oromia Law Journal jedhu bifa joornaalii seeraan sirnaan qophaa’e marsaa 14ffaa gahee maxxanfameera. Joornaalichi, joornaalii seeraa biyyaalessaa fakkeenyummaa qabu ta’ee, marsariitii beekamaa African Law Journal Online irratti maxxanfamuun, qorannoo seeraa Oromiyaa akka sadarkaa addunyaatti beekamu taasiseera.

Siimpooziyeemii Biyyaalessaa: Ogeessota sadarkaa adda addaatti jiran beekumsaan walitti fiduun, sirna haqaa fi seeraa naannichaa deeggaruuf Siimpooziyeemii Biyyaalessaa bara 2015 irraa eegalee qopheessu jalqabee jira. Kaayyoon isaa:

*Beekumsa, muuxannoo fi qorannoowwan adda addaa walitti qindeessuu,
*Rakkoo fi furmaata ilaalchisee marii bal’aa banuu,Yaadoota hojii irra oolan fiduu dha.

Siimpooziyeemiiwwan Biyyoolessaa ILQSO n gaggeesse kunis:

1.Bara 2015: Mataduree "Marii Biyyaaleessaa fi Gahee Qaamolee Haqaa Idilee fi Al-idilee" jedhu jalatti barreeffamoonni dhiyaatanii marii bal’aa irratti gaggeeffamee yaadoota galtee ta'an qaamolee ilaallataniif gumachee jira.

2.Bara 2016: Mataduree "Ce'uumsa Haqa Itoophiyaa:Nageenya Waaraa fi Haqa Mirkaneessuu" jedhu jalatti qorannoowwan dhiyaatanii jiru kunis haala qabatamaa naannoofi biyyaa keenyaa haala agarsiisuun keessattuu qaamoleen haqaa gahee isaanii haala kamiin akka bahuu danda'aaniifi qophaa'ummaa isaanii cimsuuf gumaata guddaa taasiseera.

3.Bara 2017: Mataduree "Facing New Frontiers: Prospects and Challenges of Technology with in Ethipian Legal System" jedhu irratti barreeffamoota dhiyaataniin mariin bal’aan kan irratti taasifamu ta'a.
Kaayyoo guddaan filannoowwan yaadota adda addaa haala galtee sirna haqaa naannoo keenyaaf gumachuun qopheessudha.
Siimpooziyeemii Biyyoolessaa marsaa 3ffaa Ilqson qopheessuuf hojjechaa jiru kun haala addunyaa teeknooloojii keessa jiru keessatti:

*Qaamoleen haqaa Naannoo keenyaa fi biyyatti maal gochuu akka qaban,

*Carraa fi danqaan isaan muudatu maal akka fakkaatu,fi Kallaatii fulduraa irratti xiyyeeffannoo kennuun dhimma qophaa'eedha.
Kunis qaamoleen haqaa naannichaa hojii amantaa uummataa horachuuf hojjechaa jiran akk milkeessan irratti yaadoota fi filannoowwan bu'uuraa dhiyeessuuf karoorfameera.
**
Siimpooziyeemii Biyyoolessaa 3ffaa
#ILQSO #Yaadota Filannoo jijjiirama sirna Haqaaf!