Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Gurraandhala 6/2017
ILQSOn #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa , Fudhatamummaa fi Madaallii jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Jimmaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaan dhiyaate yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.
Bitootessa 4/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii ragaa irratti Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaaleen dhiyaatan yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daarekteera Dayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa #ILQSO Obbo Miilkii Makuriyaa haasaa baniinsaa woyta taasisan," mata duree kana irratti leenjiin bal'aan akka kennamu sakatta'iinsa fedhii leenjii ILQSOn gaggeessen ogeessota seeraa biraa fedhiin guddaan kan ka'e ta'uu ibsuun, hirmaannaa hoo'aan muuxannoo waljijjiiruun hubannoo leenjii kana irraa argamu qabatamatti akka jijjiiran dhaamanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'uu leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.