Muddee 7/2017
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjiwwan gaggabaaboon mata dureewwan lama irratti hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif kennameera.
Mata dureewwan leenjiin irratti kenname #Kenna_Tajaajila_Lammiilee_Irratti_Xiyyeeffate_fi_"Tajaajila_Ittisaafi_Too'annoo_HIV/AIDS_Mirga_Namoomaa_Kabaju_Hundaaf" jedhu irratti leenjiin hubannoo cimsu kennamee jira.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa #ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo woyta leenjicha eegalchiisan haasawa baniinsaa irratti akka jedhanitti, kenni tajaajila lammiilee irratti xiyyeeffate kallattii mootummaan yeroo ammaa kana irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiru yoo ta'u, nutis akka mana hojii keenyaatti xiyyeeffannaa kennuun akkaataa tajaajila lammii irratti xiyyeeffate itti kenninu irratti leenjiin kennamu hojii keenna gara fuula duraa hojjannuuf murteessaa waan taheef xiyyeeffannon hordofuun barbaachisaa tahuu ibsan.
Gama biraatiin Guyyaan yaadannoo HIV/AIDS bara 2017 akka addunyaatti yeroo 37ffaa akka Biyyaa fi Naannootti yeroo 36ffaaf kabajamu mootoo "Tajaajila Ittisaa Too'annoo HIV/AIDS Mirga Namoomaa kabaju Hundaaf " jedhuun sadarkaa #ILQSOtti kabajamu ilaalchisee, dhimmi HIV/AIDS dhimma yeroo ammaa kana dagatamaa dhufeefi dhukkubichi garuu yeroo gara yerootti dabalaa deemaa jiru waan ta'eef, hubannee hubachiisuun ofii keenyas ta'ee lammii keenya baraaruu qabna jechuun obboo Sulxaan dhaamanii jiru.
Leenjiin Kenna Tajaajila Lammiilee irratti Xiyyeeffate, Biiroo Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti Daayerekteera Daayrektoreetii Deeggarsa Hordoffiifi Qophii Istaandaardii Kenna Tajaajilaa #Obboo_Taaddalaa_Amansiisaa tiin kan kenname yoo ta'u, Yaadannoo Guyyaa HIV/AIDS ilaalchisee immoo leenjiin gabaabaan hubannoo cimsu ogeessa fayyaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa #Obboo_Yeneneh_Buzaayyoo tiini.