Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn mata duree #Rakkoolee_Seera_Deemsa_Falmii_Siivilii_Seera_Ragaa_fi_Labsii_lakk.216/2011 ,lakk.1234/2013 walqabate jedhu irratti leenjii hojii irraa guyyoota sadiif turu Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti , mata dureen leenjichaa fedhii leenjii Abbootii Seeraa MMWO irraa sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen kan #ILQSOn sassaabe ta'uu ibsuun leenjichi baayyee murteessaa waan ta'eef gadi fageenyan irratti mari'achuun muuxannoo waljijjiiruun hubanoo walfakkaataa ta'e qabaachuun rakkoolee hojmaata keessatti muudatuuf furmaata walitti dhiyaatu kennuu kan isaan dandeessisu tahuu ibsanii jiru.

I/A Pireezidantii MMWO Obboo Badriitamaam Umar, woyta Haasawa baniinsaa taasisan ergaa hirmaattota leenjichaatiif dabarsaniin akka jedhanitti, fedhii leenjii Abbootii Seeraa keenyarraa ka'e irratti hundaa'un leenjii kana qopheessuu #ILQSO galateeffachuun, mata durichi sirna Abbaa Seerummaa keessatti dhiima murteessoo waan ta'eef, akkaataa walitti dhiyeenya qabuun rakkooleen dhimmoota kanneenin walqabatan furuu irratti haala nu dandeessisuun yaada qabnu wal jijjiiruun hubannoo waloo akka horannuuf kan yaadamee kennamaa jiru waan taheef haala hoo'an hirmaachun barbaachisaadha jedhan.