Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Qorannoo_Yakka_Shororkeessummaa jedhu irratti Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Naannootiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Qorannaa yakkaa keessatti gahee fi Ittigaafatamummaan qorattootni Poolisii qaban maal akka tahee fi maalummaa fi sirna qorannoo yakka Shororkeessummaa #labsii 1176/2020 walqabsiisuun hubannoo uumuun dandeettii raawwachiisaummaa qorattoota poolisii cimsuuf akka ta'e ibsame.

Leenjiin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Haashim_Tunaa tin kennamaa jira.
#Kutaa_4ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 4ffaatin
#Maalummaa_Gibiraa/Taaksii, #Taaksii_Kallattii_fi_Alkallattii jechuun maal akka ta'e, #kaayyoo_Taaksii_Dabalata_Qabeenyaa (VAT) maal akka ta'e, Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa #Obboo_Haashim_Tunaa qabannee dhiyaannee jirra.

Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qaphichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessan dhaamsa keenya.
Bitootessa 28/2017
#Kutaa_9ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 9ffaatin mata duree #Maalummaa_Taaksii,

#Taaksiin_Akkaataa_kamiin_Sassaabbama?

Namoota Nagahee Seeraan alaa Maxxansan irratti Tarkaanfii seeraa akkamiittu fudhatama?#Taaksii_Yeroon_Kaffaluu_Dhabuun_Adabbii_akkamii_qaba?

Kan jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjisaa seeraa #Obboo_Haashim_Tunaa qabannee dhiyaannee jirra.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii fi yaada mata durichaan walqabatu fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.