ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#Hojiirra Oolmaa_ Qorannoo

Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Wixinee hundeeffama manneen murtii aadaa Naannoo oromiyaa ilaalchisee dhiyaate marii hawaasaatiin gabbatee caffeef akka dhiyaatu gaafa 25/10/2013 murteessuun waajjira caffee naannichaatiif qajeelchee jira. Faayidaa fi barbaachisummaa Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti ILQSOn bara 2012 qorannoo gaggeessuun labsiin manneen murtii aadaa sadarkaa naannoo oromiyaatti hundeessu bahuu akka qabu mootummaaf yaada dhiyeessuun wixineen seerichaas akka qophaa'e akka dhiyaatu Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi qaamolee rogummaa qaba waliin hojjachaa turee jira. Hundeeffamuun Manneen Murtii Aadaa kunis aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf, tajaajila haqaa caalmaatti dhaqqabamaa taasisuuf, ragaa sobaa xiqqeesssun dhugaa baasuuf, baasii xiqqaan fi haala salphaan tajaajila haqaa argachuuf akkasumas hawaasni waldiddaa uumamu fayyisuun hawaasni nagaan akka waliin jiraatuuf akkasumas baayina hojii manneen murtii idilee irraa hir'isuuf faayidaa olaanaa kan qabuudha. Argannoo qorannoo kanaa hojii irra oolchuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru baayee gaarii waan ta'eef, jabaatee itti fufuu kan qabuudha.
#Sadaasa 20, Bara 2015 #ILQSO
#Hojiirra Oolmaa Qorannoo ILQSO
Qorannoon Mata Duree "Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'elaa: Haala Qabatamaan Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffamee bara 2014 workishoppiif dhiyaatee ture haala hojiirra itti oolu irratti qaamoleen qorannicha hojiirra oolchuuf gahee qaban guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'atan. Bu'uuruma kanaan hirmaattotni marii kanaa rakkoolee seeraa, gurmaa'insaa, hojmaataa fi raawwii diiggaan gaa'elaa akka babal'atuu fi miidhaan akka dhaqqabu taasisan dhuunfaan akka mana hojii isaanittis ta'ee waliin atoomuun akka furaman taasisuun qorannicha hojiirra oolchuuf waliigalanii jiru.