ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#Sadaasa 1, Bara 2014 ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa kanaan dura sababoota adda addaatiin addaan citee ture bara kana itti fufsiisuuf qophiirra jira. Bu'uura kaarikulamii leenjii fooyya'ee baheetiin leenjiin kun ji'oota sadiif kan kennamu yemmuu ta'u bara 2014 kana keessatti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaa hojiirra jiran walumatti ogeessota100 leenjisuuf karoorfamee jira. Leenjichi Sadaasa 13 bara 2014 kan eegalamu ta'uus sagantaan bahe ni agarsiisa.
#Sadaasa 3, bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa, ogeessotaa fi hojjattootaa cimsuuf magaalaa Bishooftuutti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif kan kennamu yemmuu ta'u mata dureewwaan Idileessa Koornayaa, Ittisa dhibee HIV AIDS fi hoggansa karoora bu'aa irratti xiyyeeffate (RBM) irratti kan kennamuudha.
#Sadaasa 4, Bara 2014 ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hoggantoota, ogeessotaa fi hojjattoota isaatiif Hoggansa Bu'aa Irratti Xiyyeeffate (RBM) irratti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun hubannoo hawaasni Inistitiyuutichaa bu'uura RBM tiin karoorfachuu, raawwachuu fi gabaasuu irratti qabu dabaluuf kan kennamuudha.
#Sadaasa 10, Bara 2014 ILQSO
Bu'aan Qorumsa Barreeffamaa Leenjistootaa fi Qorattoota dhaabbii akka armaan gadiitti ifoomee jira. Dorgomtootni qabxii 30 fi isaa ol argattan gaafa 11/03/2014 ganama saa'atii 2:30 irratti Waajjira Muummicha Inistitiyuutichaatti argamuudhaan qorumsa af-gaaffii akka fudhattan isin beeksifna.
#Sadaasa 14, Bara 2014 (ILQSO)
Leenjiin Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaan 13ffaan Jalqabame
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa sababa adda addaatiin addaan cite ture guyyaa har’aa jalqabsiisee jira. Leenjiin kun marsaa 13ffaaf kan kennamu yoo ta’u ji’oota sadan itti aananiif itti fufiinsaan ni kennama. Sirna leenjii jalqabsiisuu guyyaa har’aa taasifame irratti Leenjifamtootni kaayyoo leenjichaa milkeessuuf naamusa leenjichi barbaadu kabajuu fi kabachiisuu, yeroo isaanii guutuu leenjicha qofa irratti dabarsuu, hirmaannaa hoo’aa taasisuun muuxannoo qabanis waliif qooduu, beekkumsa dabalataa, ogummaa fi gahumsa olaanaa horachuuf cimanii hojjachuu qabu jedhameera. Kana malees haala yeroo ammaa biyyi keenya keessa jirtu hubachuun nageenya isaanii eeggachuu fi dhibee KOVID-19 irraayis of eeguu akka qaban ibsamee jira.
#Sadaasa 14, Bara 2014 (ILQSO)
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjistoota seeraa nama sadii fi qorattoota seeraa nama lama dhaabbiidhaan qacarachuuf beeksisa baasee dorgomsiisaa turuun isaa ni yaadatama. Dorgommii taasifame keessatti sadarkaan barnootaa, barreeffamni waraqaa eebbaa, maxxansi (publication), raawwiin hojii fi naamusni iddoo itti hojjachaa turanitti qaban sakatta’ameera. Dhuma irrattis qorumsi barreeffamaa fi af-gaffii kennamee bu’aan isaas akka armaan gadiitti dhiyaatee jira. Haata’u malee dorgomtoota kana ilaalchisee sakatta’iinsa naamusa isaanii Mana Hojii isaan keessatti hojjatan irraa argametti dabalataan yaada ummataa fudhachuun barbaachisaa ta’ee waan argameef namoonni yaada qabdan ifattis ta’ee gama keessaatiin yaada akka nuuf kennitan gaafanna.
#ILQSO, #Sadaasa 16, Bara 2014
#Leenjii Gaggeessummaa /Leadership/ #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree Gaggeessummaa /Leadership/ jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira. Leenjiin kun hoggansa Manneen Murtii fi Waajjira Abbaa Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif kan kennamu yemmuu tau guyyoota sadiif(3) itti fufiinsaan kan kennamu tauun hubatamee jira. Kaayyoon leenjii kanaas leenjifamtootni gaggeessummaa/leadership/ irratti hubannoo gahaa argatanii mana hojii isaanii gahumsaan akka hogganan taasisuu akka tae ibsamee jira. Leenjifamtootnis kaayyoo leenjii kanaa hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hooaa taasisuu fi hubannoo leenjicha irraa argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhameera.
#ILQSO, #Sadaasa 16, Bara 2014
# Beeksisa
Ogeessotni darbitan baga gammaddan jechaa guyyaa jedhame keessatti ILQSO tti dhiyattanii waliigaltee akka raawwattan isin beeksifna.
#ILQSO, #Sadaasa 22, bara 2014

Leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa mata duree Gaggeessummaa/Leadership/ jedhu irratti guyyoota sadiif magaalaa Shaashamanneetti kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti Daayirektarri Olaanaan ILQSO Obbo Kumasaa Araarsaa leenjifamtootni hubannoo saayinsii hoggansaa leenjii kana irraa argatan bu'uura godhachuun Mana Hojii isaanii gahumsaan hogganuu fi hoggantoota isaan jala jiraniifis qooduun hojiitti jijjiiruu akka qaban dhaamanii jiru.
ILQSO, #Sadaasa 27, Bara 2014
#Leenjii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti Magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun Abbootii Alangaa sadarkaa Naannoo hanga Aanaatti jiranii fi dhimma hariiroo hawaasaa irratti hojjataniif guyyoota sadiif (3) itti fufiinsaan kan kennamu ta'uun hubatamee jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Alangaa seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keessattuu himannaa sirna gabaabaan dhiyaatuu fi raawwii deemsa caalbaasii irratti hubannoo gahaa qabaatanii falmii gahumsa qabu gaggeessuun dantaa ummataa fi mootummaa akka kabachiisan taasisuu akka ta'e Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Leenjifamtootnis kanuma hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hoo'aa taasisuu fi hubannoo argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhanii jiru.
#ILQSO, #Sadaasa 30 bara 2014
#Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu yoo ta'u, marsaan 2ffaan magaalaa Shaashamanneetti itti fufee kennama. Leenjicha kan jalqabsiisan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa obbo Kumasaa Araarsaa yemmuu ta'an leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan kan duraan qabaniin walitti dabaluun akkasumas dabalataan dubbisuun hojiitti jijjiiruu fi ogeessota mana hojii isaaniis hubachiisu qabu jedhaniiru
#Sadaasa 1, Bara 2015, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Ogeessota gulaaltota Joornaalii Seeraa Oromiyaa turani namoota 10 galateeffachuun Waraqaa ragaa kennee jira. Ogeessotni kunis:
1. Obbo Waqgaarii Dullumee
2. Obbo Geetaachoo Fayyisaa
3. Obbo Alamaayyoo Waggaarii
4. Obbo Habtaamu Bultii
5. Obbo Abdii Gurmeessaa
6. Obbo Tasfaayee Niwaay
7. Obbo Shamanii Beenyaa
8. Obbo Jeetuu Iddoosaa
9. Obbo Ayyaanaa Tolinaa
10. Obbo Daawit Geetaachoo dha.
Sirna galateeffannaa fi kenniinsa Waraqaa ragaa kana irratti Gulaalaan Ol'aanaan Joornaalii Seeraa Oromiyaa Obbo Tafarii Baqqalaa, ogeessotni kun yeroo adda addaatti artikiloota joornaalicha irratti maxxanfaman gulaalaan kan turanii fi yeroo turtii isaanii raawwateedha jedhaniiru. Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo Waraqaa ragaa kennuun haasaa taasisaniin Joornaaliin Seeraa Oromiyaa sadarkaa amma irra jiru kana irra akka gahuu fi biyya keessattis ta'ee biyya alaatti beekamtii akka argatu gochuu keessatti gumaachi ogeessota kanaa olaanaa waan ta'eef galata guddaatu isaaniif mala jedhaniiru.
#Sadaasa 10, Bara 2015, #ILQSO
#Workishoppii Dhiyeessa Argannoo Qorannoo
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorannoo mata duree "Sakatta'iinsa Itti quufinsa Maammiltoota Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeessaa ture workishoppiif dhiyeessuun qaamolee abbootii hirtaa waliin mari'achaa jira.
#Sadaasa 16, Bara 2015 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Daldala Seeraan Alaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaa irratti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Sadaasa 16, Bara 2015, #ILQSO
#Leenjii Qajeelfama Adabbii
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qajeelfama Adabbii Dhimmoota Xiyyeeffannoon Ilaalamuu qaban" irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun Qajeelfama adabbii yakkoota dadabalamaa, yakkoota shallaggiin hin baanef, adeemsa adabbii fudhachu keessatti wantoota ilaallamuu qaban, rakkoo qabatamaan hojii keessatti mul'atan irratti kan xiyyeeffateedha.
#Sadaasa 20, Bara 2015 #ILQSO
#Hojiirra Oolmaa Qorannoo ILQSO
Qorannoon Mata Duree "Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'elaa: Haala Qabatamaan Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffamee bara 2014 workishoppiif dhiyaatee ture haala hojiirra itti oolu irratti qaamoleen qorannicha hojiirra oolchuuf gahee qaban guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'atan. Bu'uuruma kanaan hirmaattotni marii kanaa rakkoolee seeraa, gurmaa'insaa, hojmaataa fi raawwii diiggaan gaa'elaa akka babal'atuu fi miidhaan akka dhaqqabu taasisan dhuunfaan akka mana hojii isaanittis ta'ee waliin atoomuun akka furaman taasisuun qorannicha hojiirra oolchuuf waliigalanii jiru.
#Sadaasa 22, Bara 2015 #ILQSO
Hoggantootni fi Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa barreeffama mata Duree "Nageenya Waaraa Mirkaneessuun Injifannoo Ummata Oromoo Tiiksina" jedhu irratti guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'ataniiru. Marii kanaarratti hojjattootni Inistitiyuutichaa Naannoo keenya keessatti rakkooleen nageenyaa hawaasa keenya dararaa jiran maqfamanii nageenyi amansiisaa fi fulla'aan akka dhufu gumaacha nurraa eeggamu ni taasifna jedhaniiru.
#ILQSO, #Sadaasa 22, Bara 2015
#Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa Bara 2015
Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka biyyaatti yeroo 18ffaaf, akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 17ffaa kabajamu sadarkaa ILQSOtti bakka hoggantootni fi Hojjattootni hundi argamanitti sagantaa leenjii hubannoo uumuu fi mariin kabajamee jira. Guyyaan kun dhaaddannoo "Malaammaltummaa Irratti Qabsaa'uun Gochaani" jedhu bu'uura godhachuun kan kabajame yemmuu ta'u barreeffamni qophaa'ee leenjin kennamee mariin bal'aanis taasifameera. Marii kanarratti Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo mootummaan yeroo ammaa yakka kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsanii nutis hammeenyaa fi miidhaa Malaammaltummaa hubachuun ofii keenyaa gocha kanarraa bilisa ta'uu, kanneen yakka kana raawwatan eeruu kennuu, saaxiluu fi sirreessuu qabna jedhaniiru. ILQSO qaama naamusa ogeessota seeraa ijaaruu fi sirreessuuf dhaabbate waan ta'eef ofii isaatii fakkeenya ta'ee kanneen biroos akka sirratan taasisuuf itti gaafatamummaa dachaa qaba jedhaniiru. Hojjattootni Inistitiyuutichaas kenna tajaajilaa si'ataa fi haqa qabeessa ta'e kennuu qabu, kanneen rakkoo uuman irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu ibsaniiru.
Xumura irrattis hojjattootni Inistitiyuutichaa ibsa ijjannoo abbaa qabxii torbaa baafachuun waliigalanii sagantichi goolabamee jira.