ILQSO
4.32K subscribers
2.28K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Sadaasa 16, Bara 2014
#Leenjii Gaggeessummaa /Leadership/ #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree Gaggeessummaa /Leadership/ jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira. Leenjiin kun hoggansa Manneen Murtii fi Waajjira Abbaa Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif kan kennamu yemmuu tau guyyoota sadiif(3) itti fufiinsaan kan kennamu tauun hubatamee jira. Kaayyoon leenjii kanaas leenjifamtootni gaggeessummaa/leadership/ irratti hubannoo gahaa argatanii mana hojii isaanii gahumsaan akka hogganan taasisuu akka tae ibsamee jira. Leenjifamtootnis kaayyoo leenjii kanaa hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hooaa taasisuu fi hubannoo leenjicha irraa argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhameera.
ILQSO, #Sadaasa 27, Bara 2014
#Leenjii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti Magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun Abbootii Alangaa sadarkaa Naannoo hanga Aanaatti jiranii fi dhimma hariiroo hawaasaa irratti hojjataniif guyyoota sadiif (3) itti fufiinsaan kan kennamu ta'uun hubatamee jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Alangaa seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keessattuu himannaa sirna gabaabaan dhiyaatuu fi raawwii deemsa caalbaasii irratti hubannoo gahaa qabaatanii falmii gahumsa qabu gaggeessuun dantaa ummataa fi mootummaa akka kabachiisan taasisuu akka ta'e Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Leenjifamtootnis kanuma hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hoo'aa taasisuu fi hubannoo argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhanii jiru.
#Xumura Leenjii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa #Bishooftuu
Leenjiin Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa dhimmoota sirna gabaabaan dhiyaatanii fi raawwii deemsa caalbaasii irratti xiyyeeffatee Abbootii Alangaa dhimma hariiroo hawaasaa irratti hojjataniif guyyoota sadiif magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti I/A hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Mallasaa Abbaayinaa leenjin kun gahumsa Abbootii Alangaa dabaluun dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa akka mirkaneessan kan taasisuudha jedhaniiru. Abbootiin Alangaa leenjicha fudhatan hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun bu'aa caalmaa galmeessisuuf hojjachuu qabus jedhanii jiru. Marsaa 2ffaan leenjii kanaas magaalaa Shaashamanneetti kan kennamu ta'uun hubatamee jira.
#ILQSO, #Sadaasa 30 bara 2014
#Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu yoo ta'u, marsaan 2ffaan magaalaa Shaashamanneetti itti fufee kennama. Leenjicha kan jalqabsiisan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa obbo Kumasaa Araarsaa yemmuu ta'an leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan kan duraan qabaniin walitti dabaluun akkasumas dabalataan dubbisuun hojiitti jijjiiruu fi ogeessota mana hojii isaaniis hubachiisu qabu jedhaniiru
#ILQSO, #Muddee 2, bara 2014
#Xumura Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Bishooftuu
Leenjiin mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa Bishooftuutti guyyoota sadiif kennamaa ture xumuramee jira. Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruu fi ogeessota mana hojii isaanii keessatti waliin hojjataniif qooduun tajaajilli beekkumsa gahaa irratti hundaa'ee fi haqa qabeessa ta'e mana hojii isaanii keessatti akka kennamuu fi fayyadamummaan ummataa akka mirkanaa'u hojjachuu akka qaban I/A Daayirekara Ol'aanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Marsaan 2ffaan leenjii kanaa magaalaa Shaashamanneetti kan itti fufu ta'uun baramee jira.
#ILQSO, #Muddee 14, Bara 2014 #Bishooftuu
#Leenjii Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Taaksii fi Gumrukaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Taaksii fi Gumrukaa irratti magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjin kun Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif kan kennamu yemmuu ta'u guyyoota sadiif kan turuudha. Yakki malaammaltummaa yeroo ammaa dabalaa kan jiru waan ta'eef Abbootiin Murtii fi Abbootiin Alangaa yakka kana irraa ofii isaanitii bilisa ta'anii namootni gocha kana raawwatan seeratti dhiyaatanii adabbii barsiisaa ta'e akka argatan hojjachuu qabu jedhameera. Yakkoonni taaksii fi gumrukaas yakkoota diinagdee naannichaa fi biyyaa irratti raawwataman waan ta'eef xiyyeeffannoon addaa kennameefii hojjatamuu qaba jedhameera. Leenjiin kunis hubannoo Abbootiin Murtii fi Abbootiin Alangaa seerota kanarratti qaban dabaluun hojii isaanii karaa bu'aa qabeessa ta'een akka raawwatan taasisuuf kan qophaa'e ta'uun ibsamee jira.
#Xumura Leenjii moosaajii SPSS #Bishooftuu, Ebla 9, 2014 @Hoteela Baabbugaayyaatti