ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 2, bara 2014
#Xumura Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Bishooftuu
Leenjiin mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa Bishooftuutti guyyoota sadiif kennamaa ture xumuramee jira. Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruu fi ogeessota mana hojii isaanii keessatti waliin hojjataniif qooduun tajaajilli beekkumsa gahaa irratti hundaa'ee fi haqa qabeessa ta'e mana hojii isaanii keessatti akka kennamuu fi fayyadamummaan ummataa akka mirkanaa'u hojjachuu akka qaban I/A Daayirekara Ol'aanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Marsaan 2ffaan leenjii kanaa magaalaa Shaashamanneetti kan itti fufu ta'uun baramee jira.
#ILQSO, #Muddee 7, bara 2014
#Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Shaashamannee
Leenjiin mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamu magaalaa Shaashamanneettis itti fufee jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu ta'uun hubatamee jira
#ILQSO, #Muddee 9, bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwaan Labsii Farra Shororkeessummaa fi Labsii Too'annoo meeshaa waraanaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, #Muddee 10, bara 2014 #Adaamaa
Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa leenjistootaa fi qorattoota haaraa fi duraan turanii cimsuuf kennamaa ture xumuramee jira. Leenjichi maloota leenjii fi qorannoo seeraa irratti ogeessota gama kanaan beekkumsaa fi muuxannoo gahaa qabaniin kennamaa kan tureedha. Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun leenjii seeraa gahumsa qabu kennuun akkasumas qorannoo seeraa gahumsa qabuu fi rakkoo hawaasaa hiikuu danda'u gaggeessuun bu'aa caalmaa galmeessisuu akka qaban kallattiin hojii kennameera.
#ILQSO, #Muddee 12, Bara 2014 #Adaamaa
Qorannoo Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa: Haala Qabatamaa Naannoo Oromiyaa dhiyaate irratti mariin gaggeeffamee jira. Gaa'illi ka'umsa maatiiti. Maatiin immoo bu'uura hawaasaati. Kanarraa kan ka'e eegumsi heeraa fi seeraa taasifameefi jira. Qorannoon kun diiggaan gaa'ilaa naannoo keenya keessatti baay'achaa kan dhufe ta'uu agarsiisee jira. Sababoonni diiggaa gaa'ilaa heddu ta'uu fi miidhaan inni walfuutota, maatii fi hawaasa irratti dhaqqabsiisaa jirus ol'aanaa ta'uun qorannichaan kan adda bahanii fi yaadotni furmaataa heddus kan kaa'aman ta'uu hirmaattotni workishoppichaa kaasaanii jiru. Itti Aantuu hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii kan ta'an Adde Samiira Faaris qorannoon kun miidhaa hawaasummaa fi diinagdee diiggaan gaa'ilaa keessumattuu dubartoota irratti geessisu kan agarsiisee fi falas kan kaa'e waan ta'eef qaamni hundi yaadota furmaataa ka'an akkaataa gahee isaatiin fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru. Dhumarratti Caffetti walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Misooma Namaa kan ta'an Obbo Naasir Huseen qorannoon kun sababootaa fi miidhaa diiggaan gaa'ilaa hordofsiisuu akkasumas yaada furmaataa kan akeeke waan ta'eef yaadotni workishoppii kanaan ka'an dabalamanii hojiirra ooluu qaba jedhaniiru. Qaamni hundis hojiirra oolmaa isaatiif tumsuu qaba jedhaniiru
#ILQSO, #Muddee 13, Bara 2014 #Adaamaa
Workishoppiin Dhiyeessa Bu'aa Qorannoowwan Seeraa ILQSO guyyoota sadiif magaalaa #Adaamaatti gaggeeffama ture xumuramee jira. Xumura Workishoppichaa irratti Hoggantuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi W/Q/I/A Gumii ILQSO kan Adde Addunyaa Ahimad qorannoowwan guyyoota sadan darban dhiyaatan rakkoolee seeraa, hojimaataa fi bulchiinsa gaarii hawaasa keenya miidhan turan adda kan baasanii fi yaada furmaataa kan kaa'an waan ta'eef qaamni dhimmi ilaalu hundi fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru
#ILQSO, #Muddee 14, Bara 2014 #Bishooftuu
#Leenjii Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Taaksii fi Gumrukaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Taaksii fi Gumrukaa irratti magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjin kun Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif kan kennamu yemmuu ta'u guyyoota sadiif kan turuudha. Yakki malaammaltummaa yeroo ammaa dabalaa kan jiru waan ta'eef Abbootiin Murtii fi Abbootiin Alangaa yakka kana irraa ofii isaanitii bilisa ta'anii namootni gocha kana raawwatan seeratti dhiyaatanii adabbii barsiisaa ta'e akka argatan hojjachuu qabu jedhameera. Yakkoonni taaksii fi gumrukaas yakkoota diinagdee naannichaa fi biyyaa irratti raawwataman waan ta'eef xiyyeeffannoon addaa kennameefii hojjatamuu qaba jedhameera. Leenjiin kunis hubannoo Abbootiin Murtii fi Abbootiin Alangaa seerota kanarratti qaban dabaluun hojii isaanii karaa bu'aa qabeessa ta'een akka raawwatan taasisuuf kan qophaa'e ta'uun ibsamee jira.
#ILQSO, #Muddee 20, Bara 2014
#Dhiiga Arjoomuu
Hoggantootnii fi hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa Raayyaa Ittisa Biyyaatiif dhiiga arjoomanii jiru.
#Muddee 26, Bara 2015 #ILQSO
#Waliigaltee Moosaajii (Software) Qorannoo Seeraa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moosaajii (software) ragaa Qorannoo fi qo'annoo funaanuu, kuusuu fi xiinxaluuf gargaaru akka hojjatamuuf Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa waliin waliigaltee mallatteessee jira. Waliigaltee kana kan mallatteessan Daayirektara Ol'aanaa Itti Aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo fi Pirezidaantii Itti Aanaa Yunivarsiitichaa Doktar Habtaamu Bariiti. Moosaajiin kun hojii Qorannoo fi Qorannoo ILQSO kan hammayyeessuu fi adeemsa Inistitiyuutichi tajaajila kennu gara Waraqaa Maleessaatti ceesisuuf taasisuuf bu'uura jedhameera.