ILQSO
3.74K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 9, bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwaan Labsii Farra Shororkeessummaa fi Labsii Too'annoo meeshaa waraanaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira.
#Leenjiin Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Gumrukaa fi Taaksii irratti magaalaa #Bishooftuutti Abbootiin Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Adde Fiqir Zalaalam Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun ummata isaanii haqaan tajaajiluu qabu jedhaniiru. Marsaan 2ffaan leenjichaa magaalaa #Shaashamanneetti kan itti fufu ta'a.
#ILQSO, #Amajjii 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa Bara 2014 magaalaa #Bishooftuutti qorachaa jira. Gabaasni raawwii hojii kunis Daayirektoreetiiwwan dhimmi ilaalu hundaan dhiyaatee hawaasa Inistitiyuutichaatiin gadi fageenyaan kan irratti mari'atamuu fi dhumarrattis kallattiin kan kaa'amu ta'uun hubatamee jira.
#ILQSO, Amajjii 5, Bara 2014
Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2014 magaalaa #Bishooftuutti guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Gamaaggama kanaan ILQSO'n gama hundaan fuulduraatti bahee giddugala leenjii fi qorannoo seeraa bu'a qabeessa ta'uun itti gaafatamummaa akka naannoo fi biyyatti qabu gahumsaan bahachuuf hojiiwwan heddu kan isa hafu ta'uun hubatamee jira. Inistiitiyuutichi ji'oottan 6'n darban keessattis hojiiwwan heddu hojjachaa kan ture ta'us hanqinaalee heddus akka qabu ilaalamee jira. Kurmaana itti aanu keessatti hanqinaalee kanneen furuun raawwii caalmaa qabu galmeessisuuf hojjatamuu qaba jedhameera.
#ILQSO, #Amajjii 30, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwaan Makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa, fudhatamummaa ragaa dhimma hariiroo hawaasaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Seeraa Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a
#ILQSO, Muddee 25 Bara 2015

#Leenjii fi Marii Hojjattoota ILQSO

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dambii Inistitiyuutichaa fooyya'aa jiru irratti hojjattoota isaa waliin magaalaa #Bishooftuutti mari'achaa jira. Dabalataanis sirnoota bara 2015 kana keessatti Inistitiyuutichaan qophaa'an: Maanuwaalii Hoggansaa(Governance manual), Maanuwaalii Sirna komii, Istaandardii Kenna tajaajilaa isa xiqqaa fi chaartarii lammiilee irratti leenjii hubannoo uumuu hojjattoota isaatiif kennaa jira. Marii kana irratti Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo Dambiin ILQSO hojiirra jiru yeroo dheeraaf hojiirra kan ture waan ta'eef haala amma ILQSO'n irra jiruu fi gara fuulduraatti milkeessuuf hojjachaa jiruun walsimsiisuun fooyyessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef qorannoon gaggeeffamee wixineen kan qophaa'e ta'uu ibsanii hirmaattotni yaada wixinicha gabbisu akka dhiyeessan gaafatamiiru. Dabalataanis sirnootni fi hojmaatni leenjiin akka irratti kennamuuf dhiyyatan afran kun hojii guddaa Inistitiyuutichi yeroo fudhatee hojjachaa turee fi kenniinsa tajaajila ILQSO fooyyessuuf bu'uura waan ta'eef hojjattootni hubannoo isaanii gabbifachuun hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.
#Leenjii Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Dhimmoota Seeraa Falmisiisoo: Murtiiwwan Manneen Murtii Ol'aanaa, Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO fi Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Bu'ureeffatan" jedhu irratti Abbootii Murtii sadarkaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti hojjataniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjii kana irratti argamuun leenjicha kan jalqabsiisan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaan Gumii ILQSO kabajamoo Obbo Gaazalii Abbaasimaal leenjiin kun Abbootiin seeraa keenya dhimmoota seeraa falmisiisoo ta'an irratti hubannoo walfakkaataa qabaatanii murtii sirrii fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an kan taasisu waan ta'eef leenjii murteessaadha jedhaniiru. Leenjichi marsaa lamaan kan kennamu yemmuu ta'u walumaagalatti Abbootiin seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa 117 kan hirmaatan ta'a.
#Amajjii 12, Bara 2015, #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Dhimmoota Seeraa Falmisiisoo: Murtiiwwan Manneen Murtii Ol'aanaa, Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO fi Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Bu'ureeffatan" jedhu irratti marsaa 2ffaaf Abbootii Seeraa sadarkaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti hojjataniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjii kana kan eegalchiisan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaan Gumii ILQSO kabajamoo Obbo Gaazalii Abbaasimaal yoo ta'an ergamni Mana Murtii Waliigalaa tajaajilli Abbaa Seerummaa naannicha keessatti walfakkaatinaa fi tilmaamamummaa akka qabaatu taasisuu akka ta'e ibsanii leenjiin kunis Abbootin seeraa keenya dhimmoota falmisiisoo kanneen irratti ejjannoo walfakkaataa qabaatanii murtiiwwan sirrii, tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'an akka kennan kan dandeessisuu fi ergama mana Murtii Waliigalaas kan milkeessuudha jedhaniiru. Leenjichi guyyoota lamaaf kan kennamu ta'a.
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Mirgoota Daa'immaniif Dubartootaa fi Sirna Haqa Daa'immanii" jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif marsaa 2ffaaf magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira.
#Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dahaabbata Hojii Addunyaa (ILO) waliin ta'uudhaan Mata Duree "Falmii Hojii Ittisuu fi Hiikuu"jedhu irratti waltaasistoota, miseensota boordii hojjataa fi hojjachiisaa Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa sadarkaa Godiinaa fi Aanaalee irraa dhufaniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaas, Mirga hojjattootni hojii keessatti qaban, gosoota falmii hojii mirga hojjattotaa, qajeeltoowwanii fi qabiyyee adeemsa wal taasiisu ijoo ta'an irratti akkaataa wal dhabbi fi falmiin hojii itti uumamu, toftaaleen falmiin ittin hiikkamu fi kkf irratti beekumsa, dandeettii fi gahumsa ogeessota kanneenii dabaluu akka ta'e Daareektarri ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa sirna baniinsa irratti hubachiisani jiru.
#ILQSO, Fulbaana 9, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin leenjii fi qorannoo seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa Deebisiisuu jedhu irratti Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisii sadarkaa naannootti hojjataniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamuudha.
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seera daldalaa Itoophiyaa haaraa bahe irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Manneen Murtii Olaanaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan turu ta’a.
#ILQSO, Sadaasa 24, Bara 2016
Leenjii Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa keessatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun deeggarsa maallaqaa dhaabbata ILO jedhamu irraa argameen kan kennamu yemmuu ta’u guyyoota lamaaf kan turuudha.
#Leenjii Seerota Taaksii fi Gumrukaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seerota Taaksii fi Gumrukaa irratti Abbootii Alangaa sadarkaa naannootti hojjataniif Magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun hubannoo Abbootiin Alangaa Seerota kanneen irratti qaban dabaluun dandeettii raawwachiisumaa isaanii cimsuuf kan kennama waan ta'eef Abbootiin Alangaa leenjicha hubachuu, kan hubatan hojiirra oolchuu fi waahillan isaaniif qooduun Itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu jedhameera. Leenjii kanarratti kan argaman Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Baatrii Fufaa leenjiin kun hojii keenya karaa bu'aa qabeessa ta'een raawwachuuf daran kan nugargaaru waan ta'eef Abbootiin Alangaa keenya leenjicha sirnaan hordofuu fi hubannoo dabalataa argatan qabatamaan hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.