ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Amajjii 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa Bara 2014 magaalaa #Bishooftuutti qorachaa jira. Gabaasni raawwii hojii kunis Daayirektoreetiiwwan dhimmi ilaalu hundaan dhiyaatee hawaasa Inistitiyuutichaatiin gadi fageenyaan kan irratti mari'atamuu fi dhumarrattis kallattiin kan kaa'amu ta'uun hubatamee jira.
#ILQSO, #Amajjii 30, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwaan Makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa, fudhatamummaa ragaa dhimma hariiroo hawaasaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Seeraa Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a
#Amajjii 3 Bara 2015 #ILQSO

#Workishoppii Xiqqaa Gamaaggama Gumee Qorannoowwanii

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa qorannoowwan seeraa bara kana gaggeessuuf karoorfaman ilaalchisee gumeewwan qophaa'an irratti qaamolee abbootii hirtaa waliin magaalaa Bishooftuutti mari'achaa jira. Kaayyoon marii kanaa gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti yaada galtee ta'an walitti qabuun gabbisu akka ta'e ibsamee jira. Yeroo ammaa mata duree "Hoggansa Hojjatoota Bulchiinsa Manneen Murti Oromiyaa" jedhu dhiyaatee irratti mari'atamaa jira. Qorannoon kun haala hojjattootni bulchiinsaa manneen murtii ittiin bulan irratti kan xiyyeeffateedha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Seerota Yakka Malaammaltummaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Godinaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Bifuma walfakkaatuun magaalaa #Ciroo irrattis leenjiin kennamaa jira. Leenjiwwan kennamaa jiran hundinuu sakatta'iinsa fedhii leenjii irratti kan hundaa'anii fi gahumsa ogeessota keenyaa dabaluuf murteessaa kan ta'aniidha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Adabbii Dhimmoota Yakkaa Murteessu: Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbooti Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Amajjii 09, Bara 2015, #ILQSO

#Gamaaggama Raawwii Hojiiwwan ILQSO kurmaana 2ffaa Bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa Bara 2015 ( ji'oota jahan darbanii) Inisititiyuutichaa magaalaa Adaamaatti qorachaa jira. Bu'uuruma kanaan Daayirektoreetiiwwan ILQSO hundi raawwii hojii isaanii dhiyeessa jiru.
#Amajjii 12, Bara 2015, #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Dhimmoota Seeraa Falmisiisoo: Murtiiwwan Manneen Murtii Ol'aanaa, Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO fi Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Bu'ureeffatan" jedhu irratti marsaa 2ffaaf Abbootii Seeraa sadarkaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti hojjataniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjii kana kan eegalchiisan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaan Gumii ILQSO kabajamoo Obbo Gaazalii Abbaasimaal yoo ta'an ergamni Mana Murtii Waliigalaa tajaajilli Abbaa Seerummaa naannicha keessatti walfakkaatinaa fi tilmaamamummaa akka qabaatu taasisuu akka ta'e ibsanii leenjiin kunis Abbootin seeraa keenya dhimmoota falmisiisoo kanneen irratti ejjannoo walfakkaataa qabaatanii murtiiwwan sirrii, tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'an akka kennan kan dandeessisuu fi ergama mana Murtii Waliigalaas kan milkeessuudha jedhaniiru. Leenjichi guyyoota lamaaf kan kennamu ta'a.
#Amajjii 13, Bara 2015
#Sagantaa Mijuu Seeraa
Sangantaan "Mijuu Seeraa" guyyaa har'aa irraa eegalee yeroo hunda Sanbata waaree booda saa'aatii 11:30 hanga 12:00tti raadiyoo ABS dambalii 100.7 irratti kan dhiyaatu ta'a. Tamsaasni kutaa 1ffaa qophichaa guyyaa har'aa yakkoota malaammaltummaarratti kan xiyyeeffateedha. Qophicha fuula fees buukii irrattis 'Live Stream' ni darbaa hordofaa.