ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#Marii Karoora ILQSO Bara 2015
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa karoora hojii Inistitiyuutichaa kan bara 2015 fi karoora Addaa Kenna Tajaajila Marsaa 2ffaa Inistitiyuutichaa irratti mari'atanii jiru. Bu'uuruma kanaan Hojiwwan Gurguddoon Bara 2015:
#Sagantaa Leenjii Hojiin duraatiin ogeessota 358
#Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo dheeraatiin leenjifamtoota 100
#Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaatiin ogeessota 2900'f Leenjii kennuuf karoorfameera.
Kana malees #Mata duree 4 irratti Qorannoo fi qo'annoo gaggeessuf, guboo jechoota Seeraa afaan Oromoo xumuruun maxxansa 1ffaa maxxansiisuuf, Joornaalii Seeraa Oromiyaa maxxansa 12ffaa maxxansiisuuf, Dhimmoota garaagaraa irratti tajaajila Gorsa Seeraa qaamolee mootummaa fi miti mootummaaf kennuuf, Mana Kitaabaa fi kaafteeriyaa sadarkaa isaa eeggate ijaarsisuuf fi Tajaajila dhaqqabamaa, si'ataa fi qulqullina qabu kennuun fooyya'iinsa haqaa fi seeraaf gumaachuuf kan karoorfate ta'uun ibsameera.
#Sagantaa "Mijuu Seeraa"
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa tajaajila gorsa seeraa kennu hawaasa bal'aa biraan gahuuf Dhaabbata Adaamaa Biroodkaastiing Sarvis jedhamu irraa yeroo qilleensaa bitachuun sagantaa "Mijuu Seeraa" jedhamu qopheessee raadiyoon tamsaasuuf hojiitti galee jira. Sagantaa "Mijuu Seeraa" kanaan dhimmoota seeraa hawaasni keenya hubachuu qabu irratti ibsii fi barumsi ogeessota seeraatiin kan kennamuu fi hawaasnis kallattiin bilbiluun/hirmaachuun/ dhimma seeraa irratti hubannoo kan argatu ta'a.
#Amajjii 13, Bara 2015
#Sagantaa Mijuu Seeraa
Sangantaan "Mijuu Seeraa" guyyaa har'aa irraa eegalee yeroo hunda Sanbata waaree booda saa'aatii 11:30 hanga 12:00tti raadiyoo ABS dambalii 100.7 irratti kan dhiyaatu ta'a. Tamsaasni kutaa 1ffaa qophichaa guyyaa har'aa yakkoota malaammaltummaarratti kan xiyyeeffateedha. Qophicha fuula fees buukii irrattis 'Live Stream' ni darbaa hordofaa.
#Sagantaa Mijuu Seeraa Torbee 3ffaa

Sagantaan Mijuu Seeraa torban kanaa mata duree "Yakkoota dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman" jedhu irratti marii seeraa ogeessotni ILQSO taasisan qabattee dhiyaattee jirti. Itti dhiyaadha. Sagantichi guyyaa boruu Sanbata xiqqaa saa'aatii 11:30 hanga 12:00tti raadiyoon dambalii 100.7 irratti darba.
#Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dahaabbata Hojii Addunyaa (ILO) waliin ta'uudhaan Mata Duree "Falmii Hojii Ittisuu fi Hiikuu"jedhu irratti waltaasistoota, miseensota boordii hojjataa fi hojjachiisaa Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa sadarkaa Godiinaa fi Aanaalee irraa dhufaniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaas, Mirga hojjattootni hojii keessatti qaban, gosoota falmii hojii mirga hojjattotaa, qajeeltoowwanii fi qabiyyee adeemsa wal taasiisu ijoo ta'an irratti akkaataa wal dhabbi fi falmiin hojii itti uumamu, toftaaleen falmiin ittin hiikkamu fi kkf irratti beekumsa, dandeettii fi gahumsa ogeessota kanneenii dabaluu akka ta'e Daareektarri ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa sirna baniinsa irratti hubachiisani jiru.