ILQSO
4.35K subscribers
2.28K photos
248 files
6 links
Download Telegram
ILQSO, Muddee 12, Bara 2014 #Adaamaa
#Workishoppii Dhiyeessa Qorannoowwan Seeraa ILQSO
Workishoppii kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yemmuu ta'u qorannoowwan seeraa sadi dhiyaatanii dhiyaatanii kan irratti mari'atamu ta'a. Isaaniis: 1.Sababootaa fi miidhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa, 2. Hojiirra Oolmaa Qorannoowwan ILQSO, 3. Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaati.
#Sadaasa 10, Bara 2015, #ILQSO
#Workishoppii Dhiyeessa Argannoo Qorannoo
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorannoo mata duree "Sakatta'iinsa Itti quufinsa Maammiltoota Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeessaa ture workishoppiif dhiyeessuun qaamolee abbootii hirtaa waliin mari'achaa jira.
#Amajjii 3 Bara 2015 #ILQSO

#Workishoppii Xiqqaa Gamaaggama Gumee Qorannoowwanii

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa qorannoowwan seeraa bara kana gaggeessuuf karoorfaman ilaalchisee gumeewwan qophaa'an irratti qaamolee abbootii hirtaa waliin magaalaa Bishooftuutti mari'achaa jira. Kaayyoon marii kanaa gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti yaada galtee ta'an walitti qabuun gabbisu akka ta'e ibsamee jira. Yeroo ammaa mata duree "Hoggansa Hojjatoota Bulchiinsa Manneen Murti Oromiyaa" jedhu dhiyaatee irratti mari'atamaa jira. Qorannoon kun haala hojjattootni bulchiinsaa manneen murtii ittiin bulan irratti kan xiyyeeffateedha.
#Workishoppii Xiqqaa Mirkaneessa Gumee Qorannoo
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa qorannoowwan bara 2016 kana keessa gaggeessuuf karoorfate ilaalchisee gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti Magaalaa #Bishooftutti marii gaggeessee jira. Kaayyoon marii kanaa gumeewwan qorannoo qophaa'an irratti yaada Abbootii hirtaa fi ogeessotaa fudhachuun gabbisuun Qorannoo gaggeessuuf akka ta'e ibsamee jira. Workishoppii Xiqqaa kana irratti hoggantootni fi ogeessotni manneen hojii dhimmi ilaaluu, leenjistootaa fi Qorattootni ILQSO fi koreen bulchiinsaa argamanii yaada isaanii gumaachanii jiru. Yaadotni marii kana irraa argaman gumeewwan qorannoo dhiyaatan gabbisuun qorannoowwan bilchinaa fi fudhatamummaa qaban akka gaggeeffaman kan taasisaniidha jedhameera.
#Workishoppii jalqabsiisa hojii Galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Galmee jechoota Seeraa Afaan Oromoo bara 2015 maxxansiisee ture gara Elektroonikaatti /android application/ jijjiiruuf Workishoppii jalqabsiisa hojii kanaa Magaalaa Bishooftutti qopheessee Abbootii hirtaa waliin mari'achaa jira. Kaayyoon sagantaa marii kanaa barbaachisummaa fi adeemsa hojii galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu hubachuu fi hojicha jalqabsiisuu akka ta'e Daayirektarri Ol'aanaan itti Aanaan Inistitiyuutichaa Obboo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Sagantaa kana irratti barreeffamni barbaachisummaa fi haala qophii hojii kanaa ibsu dhiyaatee irratti mari'atamee jira. Galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruun baasii maxxansa kan hambisu, dhaqqabamummaa isaa kan mirkaneessuu fi haala salphaa fi mijataa ta'een itti fayyadamuuf kan dandeessisu akka ta'e ibsameera. Sagantaa kana irratti argamuun hirmaattota kan mariisisanii fi kallattii hojii kan kaa'an pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaa Gumii ILQSO kabajamoo Obboo Gaazaalii A/Simaal hojiin galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu kun guddinaa fi waaltina Afaan oromootiif murteessaa ta'uu ibsaniiru. Keessattuu garaagarummaa itti fayyadama Jechoota Seeraa ogeessota biratti mul'atu kan xiqqeessuu fi murtiiwwan walfakkaataan akka kennaman kan taasisu waan ta'eef hojiin kun fooyya'iinsa sirna haqaatiif gumaacha olaanaa qaba jedhanii jiru. Abbootiin hirtaa sagantaa kanarratti argamanis bu'aa qabeessummaa hojii kanaatiif gumaachuuf waliigalaniiru.