Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaa 07/06/2017
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seerota_Investimantii_fi_Beenyaa jedhu irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Abbootii Seeraa Manneen Murtii Olaanaatiif Magaalaa #Adaamaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
#Kaayyoon leenjii kanaas fedhii Abbootii Murtii Mana Murtii Waliigalaa fi Olaanaa irraa sassaabame bu’uura godhachuun seerota kanneen irratti hubannoo uumuu akka ta’e Daayirektarri Olaanaa Itti Aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo dubbataniiru.
Leenjicha irratti argamuun leenjii kana kan eegalchiisan, Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Badritamaam Umar, investimantiin guddina diinagdee biyyaatiif murteessaa ta’uu ibsanii leenjifamtootni hirmaannaa cimaa taasisuun leenjicha akka hordofanii fi hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun iddoo jiranitti jijjiirama fiduu akka qaban hubachiisaniiru.
Leenjichi guyyoota afuriif kan kennamu ta’a.