Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Sadaasa 16, Bara 2015 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Daldala Seeraan Alaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaa irratti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Sadaasa 20, Bara 2015 #ILQSO
#Hojiirra Oolmaa Qorannoo ILQSO
Qorannoon Mata Duree "Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'elaa: Haala Qabatamaan Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffamee bara 2014 workishoppiif dhiyaatee ture haala hojiirra itti oolu irratti qaamoleen qorannicha hojiirra oolchuuf gahee qaban guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'atan. Bu'uuruma kanaan hirmaattotni marii kanaa rakkoolee seeraa, gurmaa'insaa, hojmaataa fi raawwii diiggaan gaa'elaa akka babal'atuu fi miidhaan akka dhaqqabu taasisan dhuunfaan akka mana hojii isaanittis ta'ee waliin atoomuun akka furaman taasisuun qorannicha hojiirra oolchuuf waliigalanii jiru.
#Sadaasa 22, Bara 2015 #ILQSO
Hoggantootni fi Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa barreeffama mata Duree "Nageenya Waaraa Mirkaneessuun Injifannoo Ummata Oromoo Tiiksina" jedhu irratti guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'ataniiru. Marii kanaarratti hojjattootni Inistitiyuutichaa Naannoo keenya keessatti rakkooleen nageenyaa hawaasa keenya dararaa jiran maqfamanii nageenyi amansiisaa fi fulla'aan akka dhufu gumaacha nurraa eeggamu ni taasifna jedhaniiru.
#ILQSO, Sadaasa 23 Bara 2015

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna fi Dhagahaa Dhimmota Ol'iyyannoo Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa #Adaamaatti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif itti fufee kan kennamuudha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Seerota Yakka Malaammaltummaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Godinaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Bifuma walfakkaatuun magaalaa #Ciroo irrattis leenjiin kennamaa jira. Leenjiwwan kennamaa jiran hundinuu sakatta'iinsa fedhii leenjii irratti kan hundaa'anii fi gahumsa ogeessota keenyaa dabaluuf murteessaa kan ta'aniidha.
#Amajjii 5, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata Duree "Adabbii Dhimmoota Yakkaa Murteessu: Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbooti Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatti hojjataniif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#Bitootessa 6, Bara 2015 #ILQSO

#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qorannoo yakkoota Malaammaltummaa" jedhu irratti qorattoota miseensota poolisii Komishinii Poolisii Oromiyaa tiif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamuudha.
#ILQSO, Ebla 23, Bara 2015

#Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa fi Karoora Hojii Bara 2016
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2015 fi kallattii karoora bara 2016 Inistitiyuutichaa irratti magaalaa #Adaamaatti marii taasisee jira. Marii kana irratti hojiiwwan Inistitiyuutichi baatiiwwan saglan darban keessatti raawwachaa ture dhiyaataniiru. Kurmaana 4ffaa kana keessattis ciminoota turan itti fufsiisuun dhimmoota har'anii hafan hunda sakatta'uun adda baasuun raawwachuun hojiiwwan bara bara 2015f karoorfaman hunda xumuruun akka kallattii itti aanuutti taa'ee jira. Kana malees kallattiin karoora bara 2016 dhiyaatee irratti mari'atameera. Karoorri bara 2016 karoora hiixataa sadarkaa mootummaa fi tajaajilamtootni keenya nurraa barbaadaniin kan walgitu ta'uu akka qabus himamee jira.
#ILQSO, Sadaasa 12, Bara 2016
Leenjii Moosaajii Qabeenya Galmeessuu
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa haala Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuu irratti, akkasumas haala qabeenyi karaa teknolojiitiin moosajiidhaan itti galmaa'uu fi beeksifamu irratti Magaalaa #Adaamaatti leenjii fudhachaa jiru.
Guyyaa 11/04/2017
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Magaalotaatif mata duree #Qorannoo_Yakka_Malaammaltummaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjii kanaa qorattoonni poolisii yakka malaammaltummaa adda baasanii hubachuun qorannaa akka gaggeessanii fi adeemsaa fi tooftaa garaagaaa fayyadamuun akkaataa woytaawaa fi saayinsaawaa ta'een yakka malaammaltummaa ittisuu irratti dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf akka ta'e ibsame.

Leenjicha kan kennaa jiran Gorsaa Ol'aanaa Dhimmoota Seeraa Caffee Oromiyaa #Obboo_Dhaabaa_Dirribaa ti.
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Qorannoo_Yakka_Shororkeessummaa jedhu irratti Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Naannootiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Qorannaa yakkaa keessatti gahee fi Ittigaafatamummaan qorattootni Poolisii qaban maal akka tahee fi maalummaa fi sirna qorannoo yakka Shororkeessummaa #labsii 1176/2020 walqabsiisuun hubannoo uumuun dandeettii raawwachiisaummaa qorattoota poolisii cimsuuf akka ta'e ibsame.

Leenjiin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Haashim_Tunaa tin kennamaa jira.
Ammajjii 22/2017
ILQSOn
#Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa akkasumas magaalaa maayaa irraa yoo ta'u, leenjichi guyyota sadiif kan turu ta'uun ibsame.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo waloo uumuuf akka ta'e himame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Sulxaan Abdoo woyta Haasawa baniinsaa taaaisan akka jedhanitti, Barbaachisummaan leenjii kanaa sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen dhimmoota hubannoo waloo barbaadu waan taheef, qabiyyeewwan leenjii #Iyyannoo_Dhiyeessii_Ragaa_Raawwii jedhu kanneen irratti hubannoo walfakkaataa argachuuf muuxannoo waljijjiiruun hirmaannaa hoo'aa akka taaaisan, akkasumas bu'aa leenjichaa hojii qabatamaatti akka jijjiiran dhaamanii jiru. Leenjii kana leenjisaa Seeraaa ILQSO #Obboo_Tafarii_Haylamaariyam tu kennaa jira.
Guyyaa 07/06/2017
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seerota_Investimantii_fi_Beenyaa jedhu irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Abbootii Seeraa Manneen Murtii Olaanaatiif Magaalaa #Adaamaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
#Kaayyoon leenjii kanaas fedhii Abbootii Murtii Mana Murtii Waliigalaa fi Olaanaa irraa sassaabame bu’uura godhachuun seerota kanneen irratti hubannoo uumuu akka ta’e Daayirektarri Olaanaa Itti Aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo dubbataniiru.
Leenjicha irratti argamuun leenjii kana kan eegalchiisan, Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Badritamaam Umar, investimantiin guddina diinagdee biyyaatiif murteessaa ta’uu ibsanii leenjifamtootni hirmaannaa cimaa taasisuun leenjicha akka hordofanii fi hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun iddoo jiranitti jijjiirama fiduu akka qaban hubachiisaniiru.
Leenjichi guyyoota afuriif kan kennamu ta’a.
Gurraandhala 14/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n mata duree #Seerotaa_fi_Waliigalteewwan_Ijaarsaa jedhu irratti Abbootii Seeraa MMWO fi Abbootii Alangaa Godinaaleetiif leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaa , Maalummaa ijaarsaa fi seeraa, Gosaawwan waliigaltee ijaarsaa,waliigaltee wixineessuu fi gulaaluu,kabajchiisa waliigaltee ,akkasumaa, walharkaa fuudhinsaa fi waldiddaa irratti muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta' e ibsame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti mata durichi sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'uun kan qophaa'e ta'uu fi Muujuliin isaatis leenjii kanaaf qophaayuun mata duricha irratti akka bilchinnaan mari'atamu haalli mijaawaan uumameera jedhan.
I/A Pireezidantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obboo Badrii Tamaam Umar haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, kaayyoon leenjii kanaa inni guddaan walitti dhufuun dhimmoota barbaachisoo ta'an irratti muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka tahe ibsuun, hojii dhimmoota seerota waliigaltee ijaarsaatiin walqabatan irratti murtii fi ijannoo walfakkaataa fi walitti siqaa tahe qabattanii bahuuf leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obboo Badriin leenjii kana irratti ogeessonni hirmaataa jiran kanneen muuxannoo guddaa qaban waan taheef waan baay'ee walirraa barachuun hojiitti akka jijiirtan abdii qabna jechuun dhaamanii jiru.
Leenjichi kan kennamaa jiru leenjisaa seeraa ILQSO #Obboo_Tafarii_Haylamaariyam fi Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Dassaaleny_Birhaanuu tiini.
Gurraandhala 21/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Mata duree #Yakka_Namaan_Daldaluufi_Seeraan_ala_Daangaa_Ceesisuu jedhu irratti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Hirmaattonni Leenjichaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa fi Abbootii Alagaa Godinaalee yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa, Labsii Yakka namaan daldaluu fi Seeraan ala Daangaa Ceesisuu ittisuu fi too'achuu bahe labsii lakk.1117/2012 bahe irratti ogeessonni hubannoo walfakkaataa akka qabatan taasisuuf akka ta'e ibsame.

Saganticha irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taaaisan Daayrekteeri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Obboo Oliyaad Yaaddessaa akka jedhanitti, "ILQSOn tajaajila kenniinsa haqaa gama hundaan jiru cimsuuf ogeesota seeraa sadarkaan jiran waliin ciminaan hojjachuu akka qabu kaasuun, mata dureewwan leenjii gabaabaa kanaan kennamaa jiran irrattis muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo qabatanii hojiitti hiikuun barbaachisaa akka ta'e kaasun ogeessonni yakkoota dhimmoota kanaan walqabatan irratti ciminaan akka hojjatan dhaamanii jiru.

Leenjii kennamaa jiru haala mijeessitoonni Qorataa Seeraa ILQSO Obboo Waaqgaarii Dullumee fi Abbaa Alangaa fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Keeyriyaa Mahaaddii ti.
Guraandhala 21, 2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaafi Dhaddachi Dhaabbii Bahaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, waliin atoomuudhaan Mata duree #Dhimmoota_Falmisiisoo_Seera_Hariiroo_Hawaasaafi_Yakkaa irratti sagantaan marii fi leenjii magaalaa #Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Hirmaattotni sagantichaa Abbootii Seeraa Mana Murtii Olaanaafi Waliigalaa lakkoofsaan 60 ta’anidha.
Qabiyyeen mariifi leenjichaas:
1) Dhimma mana murtii aadaatti ilaalamu;
2) Falmii qoodinsa qabeenya dhirsaa fi niitii
3) Seera Deemsa Falmii Hariroo Hawaasaa;
4) Beenyaa qabiyyee lafaa Misoomaaf lakkifamuu;
5) Firii Dubbii Qulqulleessuu fi
6) Barreessa jal murtii dhimma yakkaa, ciraa, mirga wabii, meeshaalee waraanaa daldaluufi geejjibsiisuu qabxiilee jedhan irratti hubannoo walfakkaataa uumuun wal fakkeenyummaa, tilmaamamummaa fi qulqullina tajaajila abbaa seerummaa manneen murtii fooyyessuu dha. Sagantaa baniinsa leenjichaa irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan Daayrekteerri Ol'aanaa Iniatiitiyuuti Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, leenjiin kun kan kennamaa jiru ILQSOn MMWO waliin qindaa'uun leenjiwwaan gaggabaaboo akkanaa kennuun qabiyyeewwan kanneen irratti muuxannoo fi beekumsa ogeessota bira jiru walitti fiduun ijjannoo fi hubannoo walfakkaataa qabatanii hojiitti hiikuun barbaachisaadha jechuun dhaamanii jiru.
#Kutaa_6ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 6ffaatin mata duree #Shororkeessummaa_Ittisuufi_Too'achuu jedhu irratti Abbootii Alangaatiif leenjii Magaalaa #Adaamaatti kenname yoo ta'u, hojiileen leenjii hojiiwwaan ILQSOn hojjatu kana gama leenjitiinis hojiin hojjatamaa jiru uummataa bira akka gahu kutaa 6ffaa Yuuba Seeraa keenya leenjii irratti xiyyeeffannee jirra.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 jedhu irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qophichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.
Bitootessa 4/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii ragaa irratti Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaaleen dhiyaatan yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daarekteera Dayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa #ILQSO Obbo Miilkii Makuriyaa haasaa baniinsaa woyta taasisan," mata duree kana irratti leenjiin bal'aan akka kennamu sakatta'iinsa fedhii leenjii ILQSOn gaggeessen ogeessota seeraa biraa fedhiin guddaan kan ka'e ta'uu ibsuun, hirmaannaa hoo'aan muuxannoo waljijjiiruun hubannoo leenjii kana irraa argamu qabatamatti akka jijjiiran dhaamanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'uu leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.
Bitootessa 11/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Yakkaa_Dhimmoota_Falmisiisoo jedhu irratti Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa rakkoowwan hiikkoo fi raawwii irratti mul'atan adda baasuun furmaata mariidhaan gabbisuun garaagarummaa hiikkoo dhiphisuun hojmaata walfakkaataa akka qabaatan taasisisuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daarekteera Dayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa #ILQSO #Obbo_Miilkii_Makuriyaa haasaa taasisaniin "Matadureen leenjichaa sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen adda bahuun rakkoolee qabatamaan hojii keessatti mul'atan irratti xiyyeeffatee kan qophaa'e ta'uu ibsuun, leenjii caalaa bifa mariitiin yaada bal'aa waljijjiiruun hubannoo walfakkaataa qabatanii hojiitti akka hiikan dhaamanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, haala mariif mijatuun iddoo lamatti Abbootii Alangaa 100 ta'aniif kennamaa jira. Leenjiin kun leenjistuu Seeraaa ILQSO #Aaddee_Tigisti_Asfaaw fi Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Obbo_Dachaasaaa_Kabbadaa tin kennamaa jira.
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu kennamaa jira.

Ebla 02/2017 (ILQSO,Adaamaa)

#Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.

ILQSOn dandeettii raawwachiisummaa qaamolee haqaa naannichaa cimsuuf leenjii matadureewwan adda addaa irratti kenna jira.
Leenjiin mata duree #Itti_Fayyadama_Bulchiinsa_Lafa_Baadiyaa irratti kennama jiru rakkoo qabatamaa qaamolee haqaa biratti mul'atu haala bu'uura irraa furuun xiinxalliifi moojuuliin mata duree Seerota Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa irratti erga qophaa'e booda leenjiin kun kennama jira.
Instiitiyuutichii leenjiwwan yeroo dheeraa,gabaabafi hojiirra kennaa jiruun qaamolee haqaa naannicha gama hundan bu'a qabeessaa akka ta'aniifi dandeettiin raawwachiisummaa isaanii akka cimuuf hojii gahoomsuu bal'aa hojjechaa jira.

Leenjiin matdure kennama jiru irratti xiyyeeffatuus qabatama seeraafi hojimataa akkasumas, dhimmoota fooyya'u qaban irratti kan xiyyeefamfateedha.

#ILQSOn Abbootii Seeraa Aanaalee fi Mana Murtii Ol'aanaatiif Magaalaa #Adaamaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo leenjicha irratti argamuun haasaa baniinsaa taasissaniin akka jedhanitti, seeerota bulchiinsa lafaa irratti muuxanno qaban aaksumas keeziwwan dhimoota itti fayyadama lafaatin walqabatan kaasuun hubannoo walfakkaataa uumuun hojii walfakkaataa akka hojjatan dhaamanii jiru. Dabalataanis obbo Sulxaan, leenjiin kennamu bu'a qabeessa kan tau yoo hojitti hiikame ta'uu ibsuun, muuxannoo qaban waljijjiiruun hubannoo waloo uumun rakkoowwan gama kanaan jiran qaamolee haqaatin akka furaman abdii qaban ibsanii jiru.

Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.