Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Leenjiin Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Gumrukaa fi Taaksii irratti magaalaa #Bishooftuutti Abbootiin Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Adde Fiqir Zalaalam Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun ummata isaanii haqaan tajaajiluu qabu jedhaniiru. Marsaan 2ffaan leenjichaa magaalaa #Shaashamanneetti kan itti fufu ta'a.
#ILQSO, Muddee 23, Bara 2014
Leenjiin seerota Malaammaltummaa, Taaksii fi Gumrukaa irratti magaalaa #Shaashamanneetti guyyoota sadiif Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamaa ture xumuramee jira.
#ILQSO, #Gurraandhala 7, Bara 2014 #Shaashamannee
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Murtii Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Murtii dhimmoota ijoo kanneen irratti hubannoo walfakkaataa fi gahaa qabaatanii murtii tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an taasisuudha jedhameera. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, #Gurraandhala 7, Bara 2014 #Shaashamannee
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Murtii Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Murtii dhimmoota ijoo kanneen irratti hubannoo walfakkaataa fi gahaa qabaatanii murtii tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an taasisuudha jedhameera. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
Leenjiin leenjistummaa mata duree 'Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadaa (MGS): Seera, Hojimaataa fi Rakkoolee Mul'atan' jedhu irratti Abbootii Alangaatiif kennamu itti fufee marsaan 2ffaan isaa magaalaa #shaashamanneetti kennamaa jira. Hojiin mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa hojii bal'aa Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa hojjatu ta'us kanaan dura xiyyeeffannoo argatee leenjiin irratti kennamaa kan hin turre ta'uu fi yeroo ammaa mata duree kanarratti leenjiin kennamuun dandeettii raawwachiisummaa ogeessota hojii kana raawwatanii kan cimsuu fi hanqinaalee kenna tajaajilaa gama kanaan jiranis furuuf kan gargaaru ta'uun ibsamee jira.
#ILQSO, Onkoloolessa 8, Bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata dureewwan "Seerota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsa fi To'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhaman irratti magaalaa #Shaashamanneetti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif leenjii kennaa jira. Leenjin kun hubannoo qorattootni Poolisii fi Abbootiin Alangaa Seerota kana irratti qaban dabaluun dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuuf kan qophaa'e yoo ta'u, guyyoota 4f itti fufiinsaan ni kennama.
ILQSO, Onkoloolessa 15 Bara 2015 Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seerota Taaksii fi Gumrukaa" jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufee kan kennamu ta'a.
#Sadaasa 16, Bara 2015, #ILQSO
#Leenjii Qajeelfama Adabbii
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qajeelfama Adabbii Dhimmoota Xiyyeeffannoon Ilaalamuu qaban" irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Aanaatti hojjataniif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun Qajeelfama adabbii yakkoota dadabalamaa, yakkoota shallaggiin hin baanef, adeemsa adabbii fudhachu keessatti wantoota ilaallamuu qaban, rakkoo qabatamaan hojii keessatti mul'atan irratti kan xiyyeeffateedha.
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa, Magaalaa #Shaashamannee

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree " Sirna Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjin kunis guyyoota afuriif kan turuudha.
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa, Magaalaa #Shaashamannee

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Daldala Seeraan Alaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjin kunis guyyoota afuriif kan turuudha.
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sanada Galmeessuu; Mirkaneessuu fi Eeyyama Kennuu; Seeraa fi Qabatama Naannoo Oromiyaa jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa adda addaatti hojjataniif akkasumas mata duree "Seerota Taaksii fi Gumrukaa" jedhu irratti immoo Abbootii Seeraa sadarkaa adda addaatti hojjataniif Magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, Sadaasa 3, bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Malaammaltummaa fi Qabeenya bu'aa Yakka Malaammaltummaa deebisiisuu jedhu irratti Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif Magaalaa #Shaashamanneetti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun yakkoota Malaammaltummaatiin walqabatee keessattuu Qabeenya bu'aa Yakka malaammaltummaa haala itti deebisiisuun danda'amu irratti hubannoo ogeessotaa cimsuuf kan qophaa'eedha.
#ILQSO, Sadaasa 19, Bara 2016
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Seeraatiif kennamu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraa sadarkaa Mana Murtii Aanaatti hojjataniif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Leenjichi fedhii Abbootii Seeraa irra walitti qabame bu’uura godhachuun kan kennamu akka ta’e ibsamee jira. Leenjiin kun kan marsaa jalqabaa yemmuu ta’u guyyoota afuriifis itti fufee kan kennamu ta’a. Marsaaleen itti aananis kilaastaroota leenjii adda addaa irratti ni kennamu.
Guyyaa 11.04.2017

#ILQSOn Mata duree "Yakka Malaammaltummaa fi Qabeenyaa Bu'aa yakkaa Malaammaltummaa Ta'e Deebisiisu" jedhu irratti Abbooti Alangaa Godinaalee fi Qorattoota Poolisii Godinaaletiif Magaalaa #Shaashamanneetti Leenjiin kennamaa jira.

Leenjiin kuniis qabeenyaa bu'aa yakkaa malaammaltummaatiin horatame irratti akaataa himannoon itti banamee, falmiin taasifamee debisiisu irratti hubannoo wal fakaataa umuun dandeetti raawwachisummaa ogeessota cimsuuf kaayyeeffate ta'uu hubachuun danda'ameera.

Leenjiin kuniis Leenjisaa Seeraa ILQSO kan ta'an #Obbo_Abdii_Asaffaa tiin kennamaa jira.
#ILQSOn mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Alangaatiif Magaalaa #Shaashamanneetti kennaa jira. Inistiitiyuutiin Leenjii fiQorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'un leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti gahuumsa abbootii alangaa cimsuf akka ta'e ibsamee jira.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa ILQSO #Obboo_Jamaal_Qumbii tin kennamaa jira.
Abbootii Seeraa Guyyaa har'aa #ILQSOn leenjii hojii irraa yeroo gabaatiif waamicha taasiseev hundaaf:_ #Iddoon leenjii magaalaa #Ambootti_Hoteela_Keetii yoo ta'u, magaalaa #Shaashamanneetti immoo #Hoteela_Riiftivaalii tahuu isin beeksifna.
Muddee 18/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Seeraa Aanaaleetiif Magaalaa #Shaashamanneetti kennaa jira.
Leenjiin kun sakkatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti kan bu'uureffate yoota'u, qabiyyeewwan waraqaa waamichaa fi Hafiinsa Falmitootaa, Dhagaha Dhimmaa akkasumas Faloota yeroo kan jedhu irratti kan xiyyeeffateedha.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa baasii xiqqaan si'aayina haalaa haqa qabeessa ta'een dhimmi tokko akka ilaalamuuf kan dandeessisuudha jedhame..
Leenjichi guyyoota 3f kan kennamu yoo ta'u,
leenjiin kuniis,Leenjistuu Seeraa ILQSO kan ta'an #Aaddee_Tigisti_Asfaaw tin kennamaa jira.
Guyyaa 13/06/2017
#Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.

#Inistiitiyuutichi Mata duree #Seerota_Bulchiinsaafi_Itti_Fayyadama_Lafa_Magaalaafi_Baadiyaa jedhu irratti Abbootii Seeraatiif Magaalaa #Shaashamanneetti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.

#Kaayyoon_Leenjichaa_labsii_248/2015, 1324/2024 fi 721/2004 irratti hubannoo uumuu ta'ee, addatti; Yaad-rimeewwan bu'uuraa, Wabummaa mirgoota lafaafi riifoormii Sirna Bulchiinsa Lafaa SBL sirnaan hubachiisuu, akkasumas, seenaa dhufiinsa sirna bulchiinsa itti fayyadama lafa biyya keenyaa sirnaan hubatanii rakkoilee seerotaa fi hojmaataa jiran irratti hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsame.

Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.
Gurraandhala 13/2017

ILQSOn #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa , Fudhatamummaa fi Madaallii jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraa Aanaaleefi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Shaashamanneetti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimmoota yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaan dhiyaate yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daayrekteera Daayreotoreetii kenna Leenjii fi tajaajila gorsa Seeraa ILQSO
#Obboo_Miilkii_Makuriyaa leenjicha irrtti argaamuun haasawa baniinsaa woyta taasisan, leenjichi kan kennamaa jiru sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'un kan kennamaa jiru waan ta'eef hanga dhumaatti haala gaariin hordofuun muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo walfakkaataa uumuuf akka tahe ibsanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi leenjisaa Seeraaa ILQSO #Obboo_Jamaal_Qumbii tin kennamaa jira.
Leenjiin Tumaalee Yakka Falmisiisoo fi Muteessa Adabbii Kennamaa jira.

Bitootessa 24/2017 Adaamaa/ILQSO

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa qaamolee haqaa haqaa cimsuuf Mata duree #Tumaalee_yakkaa_falmisiisoofi_murteessa_adabbii" jedhu irratti abbootii seeraafi abbootii alangaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa, seera yakkaa keessatti dhimmoota falmisiisoo ta'an kanneen akka: garaagarummaa qophiifi yaalii yakkaa, yakkoota lubbuufi qaama irratti raawwataman (keessattuu garaagarummaa yakka miidhaa qaamaa cimaafi yaalii ajjeechaa), yakkoota daguu, garaagarummaa yakkoota qabeenya irratti raawwatamaniifi kkf irratti hubannoo jiru cimsuu, hiikkoofi ejjennoon walfakkaataan akka uumamu dandeessisuuf kan kennamaa jiru yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan kennamu ta'uun ibsame.

I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo leenjicha irratti argamuun haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Inistiitiyuutichi dandeettii raawwachiisummaa waamolee haqaa cimsuuf leenjiwwan adda addaa mata dureewwan garaagaraa irratti kan kennaa jiru yoo ta'u, mata duree amma leenjiin irratti kennamaa jiru irrattis, sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen rakkoowwan gama kanaan jiran bu'uurarraa furuun qaamolee haqaatiif ijjannoo fi hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsanii jiru.

Leenjistootni leenjicha kennan: Hashiim Tunaa, Milkii Makuriyaa, Dachaasaa Kabbadaa fi Tigist Asfaaw yoo ta'an leenjicha leenjichi mata duree walfakkaataa irratti iddoo lamatti qooduun kennamaa jira.

#Odeeffanoo Haaraa itti Fufiinsaan argachuuf

Facebook https://www.facebook.com/share/1FKF2h6Er6/

Telegiraamii https://t.me/ILQSO1