ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, #Gurraandhala 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin atoomuudhaan Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota ijoo falmiin walqabatan irratti dubbi fixxoota manneen hojii adda addaa keessatti hojjataniif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, #Gurraandhala 7, Bara 2014 #Shaashamannee
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Murtii Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Murtii dhimmoota ijoo kanneen irratti hubannoo walfakkaataa fi gahaa qabaatanii murtii tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an taasisuudha jedhameera. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, #Gurraandhala 7, Bara 2014 #Shaashamannee
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Murtii Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Murtii dhimmoota ijoo kanneen irratti hubannoo walfakkaataa fi gahaa qabaatanii murtii tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an taasisuudha jedhameera. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, #Gurraandhala 15 Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Qajeeltoo Naamusaa fi Hojimaata Badaa" jedhu irratti hojjattoota bulchiinsaa, leenjistootaa fi qorattoota seeraatiif leenjii hubanno cimsuu kennaa jira.Leenjiin kun ogeessa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatiin kennamaa jira. ILQSO'n naamusa ogeessota seeraa ijaaruuf kan hojjatu waan ta'eef itti gaafatamummaa dachaa qaba, ofii isaatii fakkeenya ta'ee qaamoleen biraas naamusaawaa akka ta'an hojjachuu akka qabu Daayrektarri Ol'aannaan Inistiitiyuutichaa Obbo Kumasaa Araarsaa ibsaniiru.
#Gurraandhala 16, Bara 2014 #ILQSO
Leenjiin hawaasa Inistiitiyuutichaaf kennamu itti fufee guyyaa har'aa mata duree "Aadaa mana hojii gaarii ijaaruu" jedhu irratti kennamee jira. Leenjichi ogeessa Biiroo Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya namaa irraa dhufeen kan kenname yemmuu ta'u ILQSO'n aadaa mana hojii gaarii ijaaruu, hojiiwwan hojjatu hunda Sona/duudhaalee isaa waliin walitti hidhuun hojjachuun fakkeenyummaa qabaachuu qaba jedhameera. Dabalataanis, karoora tiraansfoormeeshinii Kenna tajaajilaa akka ILQSOtti qophaa'e irratti mariin bal'aan taasifamee kallattiin hojii kennamee jira.
#Gurraandhala 17 Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu" jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif Magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#Gurraandhala 19, Bara 2014 #ILQSO
Leenjiin mata duree "Yakkoota Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu" jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti kan argaman hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi walitti qabduu itti aantuu Gumii ILQSO Adde Addunyaa Ahmad leenjifamtootni miidhaa yakki kun hawaasa irraan gahaa jiru hubachuun leenjicha gara hojiitti jijjiiruun yakka kana ittisuu fi too'achuun ittigaafatamummaa isaanii bahuu qabu jedhaniiru. Dabalataanis Gumeen Qorannoo mata duree "Aangoo Biiroo Abbaa Alangaa Dhimma Hariiroo Hawaasaa dantaa mootummaa fi Ummataa mala filannoo birootiin hiikuu: Seeraa fi qabatamaa" jedhu dhiyaatee irratti mari'atameera.
#Gurraandhala 21 Bara 2014, ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Eegumsa Mirga Namoomaa Shakkamtootaa, Himatamtootaa fi Sirreeffamtoota Seeraa" jedhu irratti miseensota poolisii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa sadarkaa adda addaa irratti argaman 200f marsaa lamaan leenjii kennuuf karoorfatee marsaa jalqabaatiin namoota 100f magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun qabiinsa mirga namoomaa irratti hubannoo miseensonni poolisii manneen sirreessaa qaban dabaluuf yaadamee kan qophaa'e yoo ta'u guyyoota sadan itti aananiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#Gurraandhala 24, Bara 2014 #ILQSO
Leenjiin miseensota poolisii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaatiif kennamu marsaan 2ffaan har'a eegalameera. Marsaa kanaan miseensonni poolisii 105 kan hirmaatan yoo ta'u guyyoota sadiif leenjiin ni kennamaaf.
#Gurraandhala 22, Bara 2015 #ILQSO
#Murtii Gumii ILQSO
Gumiin inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa waltajjii isaa 107ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen Obbo Doobee Dhaabaa Daayirektara Ol'aanaa ILQSO gochuun muudee jira. Kana malees gumichi Wixinee Dambii ILQSO fooyya'ee dhiyaate irratti bal'innaan mari'achuun gara qaama dhimmi ilaaluutti akka darbu murteessee jira. Dhuma irrattis ogeessotni gargaaraa Abbootii Alangaa ta'anii hojjachaa jiran 140 Sagantaa Leenjii hojiin duraatiin ji'oota 4f haala addaatiin ILQSO galanii leenjii akka fudhatan murteessee jira.

#Obboo Doobee Dhaabaatiin Baga gara ILQSO dhufte! Bara Hojii Gaarii jennaan!