ILQSO
4.35K subscribers
2.28K photos
248 files
6 links
Download Telegram
MMWO, Onkoloolessa 26,2015
————————-
#Murtii_Gumii_Blchiinsa_Abbootii_Seeeraa_Oromiyaa
…………………………….
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa’ii ariifachiisaa 16ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen gochaa guyyaa kaleessaa (25/2/2015) Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Dhaddacha Bahaa sadii irratti raawwatame Heera Mootummaa kan faallessu,sirna dimokiraasii biyyi keenya ijaaraa jirtu kan miidhuu fi ol’aantummaa seeraa fi bilisummaa manneen murtii fi abbootii seeraa daran rakkoo keessa kan galchu waan ta’eef gochaa hidhaa adeemsa seeraan ala raawwatame kana kan mormu ta’uufii hatattamaan to’annoo jalaa gad lakkifamanii qaamonni badii kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan hubachiiseera.
Akkuma beekamu manneen murtii bilisa ta’an sadarkaa federaalaatti heera mootummaa Rippaabliika Federaalaawaa Dimookraatawaa Ityoophiyaa Keewwata 78tiin, sadarkaa Naannootti Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keewwata 61n hundaa’uun isaanii ni beekama.Akkasumas labsii Caffeen Oromiyaa baase Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii Lak.216/2011 Kew.8n Abbaan Seeraa kamiyyuu bilisummaadhaan hojjachuu akka qabuu fi qaamoleen mootummaa, miti-mootummaa fi hawaasaa, akkasumas abbaan aangoo kamuu bilisummaa mana murtii fi kan abbaa seeraa kabajuuf dirqama kan qabu ta’uu ifatti tumee jira.
Gama biraatiin labsii armaan olitti caqasame labsii lakk 216/2011, kew 40 irratti Abbaan Seeraa yakka cimaa osoo raawwatuu harkaa fi harkatti yoo qabame malee, hayyama Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatiin ala akka hin qabamne,yakkaanis akka hin himatamne akkasumas akka hin hidhamne ifatti tumamee otoo jiruu guyyaa kaleessaa humni poolisii hidhate Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa dhaquun abbootii seeraa hojii dhaddachaa irra jiran sadii haala heeraa fi seerota biyyaa fi naannoo keenyaatiin faallaa ta’een to’annoo jala oolchee jira, hojiin abbaa seerummaas akka gufatu taasisee jira.Yakki abbootiin seeraa raawwatan yoo jiraate bu’uura seerota rogummaa qabaniin Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatti iyyachuun, Gumiinis cimina yakkichaa,haala raawwatiinsa isaa,miidhaa dhaqqabe yookiin dantaa hawaasa bal’aa duubaan jiru,yookiin dhiibbaa inni maqaa gaarii mana murtii irratti qabu madaaluudhaan murtii kan kennu ta’uun otoo beekamuu ol’aantummaa seeraa haala rakkoo cimaa keessa galchuun gochaan hidhaa abbootii seeraa irratti raawwatame kan mormu ta’uu Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen ifoomsee jira.
Waan ta’eefis qaamonni abbootii seeraa adeemsa seeraatiin ala to’annaa jala oolchan hatattamaan haal duree tokko malee to’annoo jalaa akka gad lakkisan hubachiisaa ,qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi qaamolee gocha sirna seeraa biyyaa fi naannoo keenyaa daran miidhu raawwatan seeraan akka itti gaafataman akka taasisu hubachiiseera.
Onkoloolessa 26/2015
#Gurraandhala 22, Bara 2015 #ILQSO
#Murtii Gumii ILQSO
Gumiin inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa waltajjii isaa 107ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen Obbo Doobee Dhaabaa Daayirektara Ol'aanaa ILQSO gochuun muudee jira. Kana malees gumichi Wixinee Dambii ILQSO fooyya'ee dhiyaate irratti bal'innaan mari'achuun gara qaama dhimmi ilaaluutti akka darbu murteessee jira. Dhuma irrattis ogeessotni gargaaraa Abbootii Alangaa ta'anii hojjachaa jiran 140 Sagantaa Leenjii hojiin duraatiin ji'oota 4f haala addaatiin ILQSO galanii leenjii akka fudhatan murteessee jira.

#Obboo Doobee Dhaabaatiin Baga gara ILQSO dhufte! Bara Hojii Gaarii jennaan!