Hojjattootni inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gabaasa raawwii hojiiwwan Inistitiyuutichaa fi kallattiiwwan fuulduraa irratti mari'atanii jiru. Kaayyoon marii kanaas milkaa'inoota Inistitiyuutichaa daran cimsuun itti fufsiisuu fi hanqinaalee mul'atan furuun kurmaanota itti aanaan keessatti raawwii caalmaa qabu galmeessisuuf akka ta'e ibsamee jira. Raawwiin hojii hanga ammaatti jiru akkaataa karoora Inistitiyuutichaatiin yemmuu Ilaalamu karooraa ol ta'us bu'aa qabatamaa sirna haqaa naannichaa irratti fiduu qabuu fi fedhii jiru waliin yemmuu ilaalamu hojii guddaan kan irraa eegamu ta'uunis marii kanarratti ibsamee jira.
#Gurraandhala 22, Bara 2015 #ILQSO
#Murtii Gumii ILQSO
Gumiin inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa waltajjii isaa 107ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen Obbo Doobee Dhaabaa Daayirektara Ol'aanaa ILQSO gochuun muudee jira. Kana malees gumichi Wixinee Dambii ILQSO fooyya'ee dhiyaate irratti bal'innaan mari'achuun gara qaama dhimmi ilaaluutti akka darbu murteessee jira. Dhuma irrattis ogeessotni gargaaraa Abbootii Alangaa ta'anii hojjachaa jiran 140 Sagantaa Leenjii hojiin duraatiin ji'oota 4f haala addaatiin ILQSO galanii leenjii akka fudhatan murteessee jira.
#Obboo Doobee Dhaabaatiin Baga gara ILQSO dhufte! Bara Hojii Gaarii jennaan!

#Waamicha Leenjii
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bu'uura Murtii gumiitiin ogeessota Seeraa gargaaraa Abbaa Alangaa ta'anii hojjachaa jiran Sagantaan Leenjii Hojiin Duraa Addaa Marsaa 2ffaatiin leenjisuuf qophii waan xumureef leenjifamtootni Bitootessa 2-3 tti ILQSO galuun Gaafa 04/07/2015 leenjii akka eegaltan isin beeksifna.

#Bitootessa 6, Bara 2015 #ILQSO
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata "Qorannoo yakkoota Malaammaltummaa" jedhu irratti qorattoota miseensota poolisii Komishinii Poolisii Oromiyaa tiif magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamuudha.