#Sadaasa 20, Bara 2015 #ILQSO
#Hojiirra Oolmaa Qorannoo ILQSO
Qorannoon Mata Duree "Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'elaa: Haala Qabatamaan Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffamee bara 2014 workishoppiif dhiyaatee ture haala hojiirra itti oolu irratti qaamoleen qorannicha hojiirra oolchuuf gahee qaban guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'atan. Bu'uuruma kanaan hirmaattotni marii kanaa rakkoolee seeraa, gurmaa'insaa, hojmaataa fi raawwii diiggaan gaa'elaa akka babal'atuu fi miidhaan akka dhaqqabu taasisan dhuunfaan akka mana hojii isaanittis ta'ee waliin atoomuun akka furaman taasisuun qorannicha hojiirra oolchuuf waliigalanii jiru.

#Qorannoo Tajaajila Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa Gara Waraqaa Maleessaatti Ceesisuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Imala Tajaajila Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa Gara Waraqaa Maleessaatti Ceesisuu Mirkaneessuuf Bu’uuraalee, Carraa fi Sodaa Teekinoloojii Jiru Sakatta’uu" jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Teknolojii Oromiyaa fi Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa waliin sanada walhubannoo mallatteessee jira. Qorannoon kun imala Manni Murtii Tajaajila isaa gara Waraqaa maleessatti ceesisuuf taasisuuf bu'uura akka ta'e sirna kana irratti himamee jira.

#Sadaasa 22, Bara 2015 #ILQSO
Hoggantootni fi Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa barreeffama mata Duree "Nageenya Waaraa Mirkaneessuun Injifannoo Ummata Oromoo Tiiksina" jedhu irratti guyyaa har'aa magaalaa #Adaamaatti mari'ataniiru. Marii kanaarratti hojjattootni Inistitiyuutichaa Naannoo keenya keessatti rakkooleen nageenyaa hawaasa keenya dararaa jiran maqfamanii nageenyi amansiisaa fi fulla'aan akka dhufu gumaacha nurraa eeggamu ni taasifna jedhaniiru.