Oromia Legal Training and Research Institute
7.93K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#ILQSO, #Sadaasa 22, Bara 2015
#Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa Bara 2015
Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka biyyaatti yeroo 18ffaaf, akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 17ffaa kabajamu sadarkaa ILQSOtti bakka hoggantootni fi Hojjattootni hundi argamanitti sagantaa leenjii hubannoo uumuu fi mariin kabajamee jira. Guyyaan kun dhaaddannoo "Malaammaltummaa Irratti Qabsaa'uun Gochaani" jedhu bu'uura godhachuun kan kabajame yemmuu ta'u barreeffamni qophaa'ee leenjin kennamee mariin bal'aanis taasifameera. Marii kanarratti Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo mootummaan yeroo ammaa yakka kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsanii nutis hammeenyaa fi miidhaa Malaammaltummaa hubachuun ofii keenyaa gocha kanarraa bilisa ta'uu, kanneen yakka kana raawwatan eeruu kennuu, saaxiluu fi sirreessuu qabna jedhaniiru. ILQSO qaama naamusa ogeessota seeraa ijaaruu fi sirreessuuf dhaabbate waan ta'eef ofii isaatii fakkeenya ta'ee kanneen biroos akka sirratan taasisuuf itti gaafatamummaa dachaa qaba jedhaniiru. Hojjattootni Inistitiyuutichaas kenna tajaajilaa si'ataa fi haqa qabeessa ta'e kennuu qabu, kanneen rakkoo uuman irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu ibsaniiru.
Xumura irrattis hojjattootni Inistitiyuutichaa ibsa ijjannoo abbaa qabxii torbaa baafachuun waliigalanii sagantichi goolabamee jira.
#ILQSO, Sadaasa 23 Bara 2015

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Sirna fi Dhagahaa Dhimmota Ol'iyyannoo Itoophiyaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa #Adaamaatti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif itti fufee kan kennamuudha.