Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gaafa Wiixataa Adoolessa 25, Bara 2014 irraa eegalee leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa namoota 100 simatee kan leenjisu ta'a. Leenjiin kun bu'uura kaarikulamii Inistitiyuutichaatiin ji'oota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a. Leenjifamtoota keenyaan karaa nagaa nuuf koottaa jennaan!
#Iftoominaaf
Namoonni heddu leenjiin gaafa Wiixataa eegalamu isa kam jechuun nu gaafattanii jirtu. ILQSO'n sagantaalee leenjii sadi qaba. 1ffaan Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaati. Leenjiin Sagantaa kanaan kennamu fedhii leenjii sakatta'iinsaan adda bahe bu'uura godhachuun ogeessota seeraa hojiirra jiraniif guyyoota 3-5f kan kennamuudha. Turtiin leenjichaa akkaatuma qabiyyee leenjichaatiin dabaluu ykn hir'achuu ni danda'a. 2ffaan Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraati. Leenjiin kun Abbootii Alangaa, Abbootii Seeraa fi ogeessota biroo hojiirra jiraniif ji'oota sadiif itti fufiinsaan kan kennamuudha. Leenjiin wiixataa eegalu isa kanaadha. Wiixata borii ogeessota seeraa 100 ( nama 50 Biiroo Abbaa Alangaa irraa, nama 50 Mana Murtii Waliigalaa irraa) nuuf ergamantu simatamee leenjii ji'a sadiif fudhata. 3ffaan Sagantaa Leenjii Hojiin Duraati. Sagantaa kanaan kan leenji'an ogeessota seeraa haaraa digrii jalqabaatiin (LLB) Yunivarsiitii irraa eebbifamatu waggaa tokkoof (ji'a 12f) leenji'ee kanneen gahumsi isaanii mirkanaa'e qaama haqaatti makama. Bara kana ogeessota seeraa haaraa 200 ( Mana Murtii irraa 100 fi Biiroo Abbaa Alangaa irraa 100) simannee leenjisuuf jenna. Yeroo ammaa Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa calallii gaggeessaa jiru. Xumuramee akkuma nuuf ergameen leenjiin kunis ni eegalama.

#Haqaan Haqaaf Hojjanna!
#Yaada nuuf kennitaniif Galatoomaa!!
#Simannaa Leenjifamtootaa
Leenjifamtootni Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa marsaa 14ffaa ILQSOtti simatamanii jiru. Sirna simannaa kana irratti leenjifamtootni turtii ji'oota sadii ILQSOtti taasisan keessatti mata dureewwan leenjiin irratti kennamu, mirgaa fi dirqama isaanii fi naamusa ol'aanaa isaanirraa eeggamu irratti Daayirektarri Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Dhaabaa Dirribaa ibsa kennanii jiru.
Yeroo leenjii bu'aa qabeessa ta'e itti argattan isiniif haa ta'u!!
#ILQSO, #Adoolessa 28, Bara 2014
Hoggantootnii fi hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii mootummaa kan bara 2014 fi kallattii karoora hojii bara 2015 irratti magaalaa Adaamaatti mari'atanii jiru. Marii kanarratti Itti Aanaan Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo raawwiin hojii bara 2014 kan bara darbe yeroo walfakkaataa waliin yemmuu ilaalamu caalmaa kan qabu ta'us milkaa'ina argame kanatti quufuu dhiisnee bara 2015 tti raawwii hojii olaanaa galmeessisuuf hundi keenya qindoominaan hojjachuu qabna jedhaniiru.