#Yaada Itti Kennaa
Kaayyoowwan ILQSO Wixinee Dambii Fooyya'aa jiru keessatti taa'an
1)Sirni haqaa naannichaa dhaqqabamaa, tilmaamawaa, si’oomina kan qabuu fi haqa-qabeessa akka ta’u hojjachuu;
2)Ogeessota seeraa beekkumsa, dandeettii, ogummaa, naamusa gaarii fi miira tajaajiltummaa qabanii fi kabajamuu heeraa fi seeraatiif kutannoon dhaabbatan baay’innaa fi qulqullinaan horachuu;
3)Rakkoolee seeraa fi hojimaataa irratti qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun yaadota furmaataa burqisiisuun hojiirra akka oolan taasisuu;
4)Walitti dhufeenyii fi qindoominni qaamolee sirna haqaa keessatti qooda qabanii akka uumamuu fi cimu taasisuun fooyya’iinsa sirna haqaa itti fifiinsa qabu mirkaneessuu; fi
5)Giddugala leenjii, qorannoo, gorsaa fi odeeffannoo dhimma seeraa fi haqaa ta’uun sirna haqaa naannichaa utubuu.
@

#Iftoominaaf
Namoonni heddu leenjiin gaafa Wiixataa eegalamu isa kam jechuun nu gaafattanii jirtu. ILQSO'n sagantaalee leenjii sadi qaba. 1ffaan Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaati. Leenjiin Sagantaa kanaan kennamu fedhii leenjii sakatta'iinsaan adda bahe bu'uura godhachuun ogeessota seeraa hojiirra jiraniif guyyoota 3-5f kan kennamuudha. Turtiin leenjichaa akkaatuma qabiyyee leenjichaatiin dabaluu ykn hir'achuu ni danda'a. 2ffaan Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraati. Leenjiin kun Abbootii Alangaa, Abbootii Seeraa fi ogeessota biroo hojiirra jiraniif ji'oota sadiif itti fufiinsaan kan kennamuudha. Leenjiin wiixataa eegalu isa kanaadha. Wiixata borii ogeessota seeraa 100 ( nama 50 Biiroo Abbaa Alangaa irraa, nama 50 Mana Murtii Waliigalaa irraa) nuuf ergamantu simatamee leenjii ji'a sadiif fudhata. 3ffaan Sagantaa Leenjii Hojiin Duraati. Sagantaa kanaan kan leenji'an ogeessota seeraa haaraa digrii jalqabaatiin (LLB) Yunivarsiitii irraa eebbifamatu waggaa tokkoof (ji'a 12f) leenji'ee kanneen gahumsi isaanii mirkanaa'e qaama haqaatti makama. Bara kana ogeessota seeraa haaraa 200 ( Mana Murtii irraa 100 fi Biiroo Abbaa Alangaa irraa 100) simannee leenjisuuf jenna. Yeroo ammaa Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa calallii gaggeessaa jiru. Xumuramee akkuma nuuf ergameen leenjiin kunis ni eegalama.
#Haqaan Haqaaf Hojjanna!
#Yaada nuuf kennitaniif Galatoomaa!!