Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Iftoominaaf
Namoonni heddu leenjiin gaafa Wiixataa eegalamu isa kam jechuun nu gaafattanii jirtu. ILQSO'n sagantaalee leenjii sadi qaba. 1ffaan Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaati. Leenjiin Sagantaa kanaan kennamu fedhii leenjii sakatta'iinsaan adda bahe bu'uura godhachuun ogeessota seeraa hojiirra jiraniif guyyoota 3-5f kan kennamuudha. Turtiin leenjichaa akkaatuma qabiyyee leenjichaatiin dabaluu ykn hir'achuu ni danda'a. 2ffaan Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraati. Leenjiin kun Abbootii Alangaa, Abbootii Seeraa fi ogeessota biroo hojiirra jiraniif ji'oota sadiif itti fufiinsaan kan kennamuudha. Leenjiin wiixataa eegalu isa kanaadha. Wiixata borii ogeessota seeraa 100 ( nama 50 Biiroo Abbaa Alangaa irraa, nama 50 Mana Murtii Waliigalaa irraa) nuuf ergamantu simatamee leenjii ji'a sadiif fudhata. 3ffaan Sagantaa Leenjii Hojiin Duraati. Sagantaa kanaan kan leenji'an ogeessota seeraa haaraa digrii jalqabaatiin (LLB) Yunivarsiitii irraa eebbifamatu waggaa tokkoof (ji'a 12f) leenji'ee kanneen gahumsi isaanii mirkanaa'e qaama haqaatti makama. Bara kana ogeessota seeraa haaraa 200 ( Mana Murtii irraa 100 fi Biiroo Abbaa Alangaa irraa 100) simannee leenjisuuf jenna. Yeroo ammaa Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa calallii gaggeessaa jiru. Xumuramee akkuma nuuf ergameen leenjiin kunis ni eegalama.

#Haqaan Haqaaf Hojjanna!
#Yaada nuuf kennitaniif Galatoomaa!!