Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Kutaa_3ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophii kana #Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraan gaha.

Qophii keenya har'aa kutaa 3ffaatin #Yakkootni _Qabeenya _Uumamaa _Irratti_Hojjataman_Maal_Fa'a? #Itti_Gaafatamummaa_Seeraa_akkamii_ Hordofisiisa? Kan jedhu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, qophii kana kan nuuf dhiheessan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa #Obboo_Geetaachoo_Kabbadaa ti. Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qophichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.
#Oduu_Muudamaa
#Gumiin Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Waltajjii idilee guyyaa har'aa Gurraandhala 3/2017 gaggeesseen Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kan ta'an #Obbo_Oliyaad_Yaaddessaa Daayirektara Olaanaa #ILQSO gochuun muudeera.
Obbo Oliyaad Baga nagaan gara ILQSO dhuftan! Yeroo hojii gaarii isiniif haa ta'u!
Gurraandhala 03/2017
#Dhaddacha_Fakkii_Hariiroo_Hawaasaa_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_18ffaa

Leenjifamtootni ogummaa hojii Abbaa seerummaa fi Abbaa alangummaa akka gabbifataniifi qabatamaan ofii akka shaakalan mala leenjii hojiirra oolu keessaa tokko dhiyeessii dhaddacha fakkiiti.

Malli leenjii kun Kaarikulamii leenjii keessatti kan haammatame yoo ta’u, innis leenjifamtootni akka Abbaa seeraa, Abbaa alangaa, abukaatoofi kkf tti taatoo qooddachuun kan ogummicha waliin itti walbarataniifi leenjii qabatamaafi hawwataa taasisuu keessatti fayidaa olaanaa kan qabudha.
Leenjifamtootni shaakkallii dhaddacha fakkii shaakalaa turan guyyaa har’aa #Dhaddacha_Dhaabbii_Bahaa_MMWOtti akka dhiyeessan taasifameera. Dhiyeessii booda leenjistootaan yaadni ijaarsaa dhiyeessitoota dhaddacha fakkiif kennameera.
I/A DaayreKteera Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Sulxaan Abdoo dhiyeessii kana irratti argamuun daawwatanii jiru.