Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Xiinxala Gabaabaa Falmii Jiraattoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Gumiin Calaltuu Dhimma Heeraa Federaalaa Sagalee Caalmaatiin Murteesse Ilaalchisee Kenname.

Akkuma beekamu, Heerri Mootummaa RFDI aangoo abbaa seerummaa manneen murtii naannoofi federaalaa gidduutti wayita qoodu, manneen murtii naannoo dhimma naannoo irratti, manneen murtii federaalaa immoo dhimma federaalaa irratti aangoo ol'aanaafi isa dhumaa qabaachuu isaanii ibsuun ala tarreeffama biroo hin keenye.
Labsiin sadarkaa Manneen Murtii federaalaatti manneen murtii federaalaa gidduutti aangoo qoqqooduuf bahe, Labsiin lakk.1234/2013 immoo kwt 5(1)(h) jalatti, falmiin jiraattota dhaabbiidhaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Naannolee keessa jiraatan gidduutti uumamu akka dhimma federaalaa manneen murtii federaalaatiin ilaalamutti tumeera. Sadarkaa jalqabaatti, tumaan labsii kanaa ibsame kun keewwata heeraa isa kamiin akka bu'uureffate ifa miti.

Sadarkaa lammaffaa irratti immoo falmiin nama dhaabbiidhaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiraatuufi nama Naannoo Oromiyaa keessa jiraatuu, akkuma falmii Jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Naannolee biroo gidduutti uumametti ilaalamamoo amalaafi uumama addaa qaba kan jedhu labsichaan ifatti hin ibsamne.

Kanarraa ka'uun, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO dhimmi kun hiikkoo heeraa barbaada jechuun, xiinxala isaa kaa'ee, lakkoofsa galmee 404962 ta'e irratti Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraa Federaalaatiif qajeelcheera. Kana booda, Gumiin Calaltuu Dhimmoota Heeraa kun kallattii garaagaraatiin yaada sassaabbachaa turee murtii sagalee caalmaatiin (sagalee 10 keessaa deeggarsa sagalee 6 tiin) gaafa 08/09/2016, Lak. G. 7438/15 ta'e irratti kenneen dhimmicha irratti hiikkoon heeraa akka hin barbaachisnetti xiinxalee kufaa taasiseera. Xiinxala sagalee caalmaatiin kennameefi akka haala qabatamaa manneen murtii keenyaatti dhugummaan isaa ragaadhaan (qorannoodhaan) hin deeggaramne keessaa tokko dhimma sabummaa bu'uura godhachuun gareewwan falmii gidduutti loogii taasisuun jira jedhudha.

Xiinxalicha keessatti sababni biroon Gumiin Calaltuu Dhimma Heeraatiin ka'e (sagalee caalmaa): “Falmiiwwan dhimmoota hariiroo hawaasaa, maatii, lafa baadiyyaafi dhaalaan wal qabatan ilaalchisees Heerri Mootummaa FRDI aangoon seera baasuu kan naannolee ta'a hin jedhu. Inumaayyuu heerichi kwt 52(2) jalatti, lafaafi qabeenya uumamaa ilaalchisee aangoo seera baasuu kan qabu mootummaa federaalaa ta'uu, kana malees bu'uura Heera kwt 55(3)tiin hawaasa dinagdee tokkoo uumuuf shoora murteessaa taphatu jedhamanii seeroota hariiroo hawaasaa yaadaman aangoo seera baasu kaka'umsa mana Maree federeeshiniitiin carraan mana Maree bakka bu'oota uummataatiif kennamuu ni jira. Waan ta'eefis, haala amma jiruun aangoon seera Maatii, seera lafa baadiyyaafi dhaalaa baasuu guutummaa guutuutti manneen maree naannoleetiif kan kennamedha jechuun hin danda'amu. Aangoon seera baasuu mootummaa federaalaa ykn naannootiif kennamuu bu'uureffachuun dhimmichi dhimma manneen murtii federaalaatiin ilaalaman ykn dhimmoota manneen murtii naannootiin ilaalaman taasisuun Heericha waliin kan hin deemnedha" kan jedhudha.

Xiinxala kana tumaalee Heera Mootummaa RFDI irratti hundoofnee yoo ilaalle: 1ffaa Heerri Mootummaa RFDI kwt 52(1) jalatti aangooleen mootummaa federaalaatiif qofaatti hin kennamne, ykn mootummaa federaalaafi naannootiif waliin hin kennamne hundi, aangoolee naannoo ta'uu kan ibsu ta'ee osoo jiruu, dhimmi aangoo haftee (Residual Power) qaamolee mootummaa sadanii sagalee caalmaatiin kan hin ilaalamne waan ta'eef; 2ffaa Qajeeltoo Heera Mootummaa RFDI, kwt 80(2) jalatti, "Manneen murtii waliigalaa naannolee dhimmoota Naannoo irratti aangoo ol'aanaafi isa dhumaa ni qabaatu" jedhamee tumame kan dadhabsiisu waan ta'eef, xiinxala tumaalee heeraa hunda walitti fidee bifa waliigalaatiin ilaale hin fakkaatu.
Bu'uura Heera Mootummaa RFDI yeroo ammaa hojiirra jiruutiin, naannoleen akkaataa fedhiifi aadaa naannoo isaaniitiin Seera Maatii mataa isaanii baafachuufi dhimma seera maatiin wal qabatu irratti manneen murtii isaaniitiin murtii dhumaa kennuu akka hin dandeenye tumaan taasisu jiraa? Heera Mootummaa RFDI kwt 55(6) jalatti, Manni Maree bakka bu'oota uummataa, dhimmoota siivilii Manni Maree Federeeshinii hawaasa diinagdee tokko uumuuf barbaachisaadha jedhee amane irratti seera baasuuf aangoo qaba waan jedhameef gamanumaan akka waan naannoleen aangoo hin qabneetti Gumiin xiinxaluu ni danda'aa? Manni Maree bakka bu'oota uummataa seera akka baasu waan taasifameef manneen murtii naannoo aangoo abbaa seerummaa ni dhabuu? Kanaan wal qabatee, xiinxalli sagalee caalmaan dhiyaate akka agarsiisutti sababa Manni Maree bakka bu'oota uummataa federaalaa seera baaseef qofa dhimmichi dhimma federaalaa manneen murtii federaalaatiin qofa ilaalamudha hin jedhamu jedheera. Walumaagalatti, xiinxalli sagalee caalmaadhaan taasifame gaaffii hedduu kan kaasisuufi hanqina kan qabu (kan guutuu hin taane) ta'ee mul'ata.
#YUUBA_SEERAA
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Faanaa Miidiyaa Korporeeshini (FMC) Damee Asallaa waliin Sagantaa Hubannoo Seeraa uumuu fi Dhimmoota seeran walqabatan irratti waliin hojjachuuf walii mallatteessuun ni yaadatama.

Moggaasni maqaa sagantichaa #Yuuba_Seeraa kan jedhu yoo ta'u, sagantichi #Ogeessota_Seeraa Inistiitiyuutichaatin sagantaa Hubannoo Seeraa, Dhimmoota Seeran walqabataniifi Tajaajila Gorsa Seeraa irratti torbaanitti si'a tokko daqiiqaa 20f kan darbu ta'a.

Haaluma kanaan Sagantaan #Yuuba_Seeraa jedhu kun Eff_Emmoota Faanaatiin guyyootni itti tamsa'u haala armaan gadiitin taa'eera.
#EFF_EMMI_FAANAA_ASALLAA 90.0 Irratti Kamisa sa'aatii 5:30_5:50
#SHAASHAMANNEE 103.4 irratti kibxata sa'aatii 9:30-9:50 #NAQQAMTEE 96.1 kibxata sa'aatii 7:30-7:50
#JIMMAA 98.1 Kamisa Sa'aatii 8:30-8:50 #HARAMAAYAA 94.8 guyyaa Dilbataa sa'aatii 10:30-11:00 irratti waan darbuuf saganticha hordofuun dhimmoota seeran walqabatan irratti gaaffilee hubannoof ta'an gaafachuun gama ogeessota seeraa Inistiitiyuutichaatiin deebiin akka itti kennamu gochuun kan danda'amu ta'uu ibsaa, saganticha hordofuun hubannoo seeraa akka cimsattan akkasumas fuula FB keenyaa irrattis gaaffiwwan akka ibsi itti kennamu barbaaddan kaasun hubannoo seeraa keessan cimsadhaan dhaamsa Inistiitiyuutichaati.
Sagantaan kun ji'oota sadiif kan turuudha.
Kun sagantaa #Yuuba_Seeraa kutaa 1ffaadha. Sagantaa kana keessatti Haala waliigalaa Inistiitiyuutichaa beeksisuu yoo ta'u, kuta 2ffaa irraa eegalee dhimmoota seeran walqabatanii fi tajaajila gorsa seeraa irratti Ogeessota Seeraa Inistiitiyuutichaa affeeruun kan isin bira gahu ta'uu isin beeksisaa, saganticha hordofaan dhaamsa Inistiitiyuutichaati.
Ammajjii 22/2017
ILQSOn
#Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa akkasumas magaalaa maayaa irraa yoo ta'u, leenjichi guyyota sadiif kan turu ta'uun ibsame.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo waloo uumuuf akka ta'e himame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Sulxaan Abdoo woyta Haasawa baniinsaa taaaisan akka jedhanitti, Barbaachisummaan leenjii kanaa sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen dhimmoota hubannoo waloo barbaadu waan taheef, qabiyyeewwan leenjii #Iyyannoo_Dhiyeessii_Ragaa_Raawwii jedhu kanneen irratti hubannoo walfakkaataa argachuuf muuxannoo waljijjiiruun hirmaannaa hoo'aa akka taaaisan, akkasumas bu'aa leenjichaa hojii qabatamaatti akka jijjiiran dhaamanii jiru. Leenjii kana leenjisaa Seeraaa ILQSO #Obboo_Tafarii_Haylamaariyam tu kennaa jira.
#Kutaa_2ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa fi Faanaa Miidiyaa korporeeshinii #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 waliin ta'uun torbeetti si'a tokko kan hawaasa bira gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa 2ffaatin #Gaafatamummaa_Hawaasummaa_Dhaabbilee_Investimentii jedhu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, qophii kana kan nuuf dhiheessan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Qorataa Seeraa fi Bakka bu'aa Daayrekteera Daayrektoreetii Qorannoo fi Qo'annoo #Obboo_Geetaachoo_Fayyisaa ti.

Qiphicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophichaaf qabdan qabdan fuula FB keennaa irratti nuuf barreessan dhaamsa keenya.
Ammajjii 29/2017
#Pirojektiiwwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame.
Pirojekitiiwwan ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin raawwatamaa kan jiru ta'uu himame.