Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Muddee 25/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seerota_Ijaarsaa jedhu irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Abbootii Alangaa sadarkaa Naannootti hojjataniif Magaalaa #Bishoftuutti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa qaamoleen dhimmicha irratti hojjatan hubannoo cimsachuun muuxannoo waljijjiiruun dandeettii raawwachiisummaa isaanii akka cimsataniif kan kennamaa jiru tahuu I/A Daayrekteera ol'aanaa Inistiitiyuutichaa obboo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru.

Leenjichi turtii guyyoota 3f kan kennamu yoo ta'u, leejisaa seeraa ILQSO #obboo_Tafarii_Haylamaariyamii fi Abbaa Seeraa MMWO fi leenjisaa seeraa #Obboo_Dassaaleny_Birhaanuu tiin kennamaa jira.
Terrorism part 1 (1).pptx
419 KB
Maateeriyaalii leenjii malaammaltummaa fi sirna qorannoo yakka shororkeessummaa obboo #Haashim_Tunaatiin qophaa'edha.
Expro 2017.pptx
1.3 MB
Leenjii adeemsa qabiyyee tajaajila/faayidaa ummataaf gad lakkisiisuu #obboo_Dabalee_Xilaahuniin kan qophaa’e
"Adeemsa kenna yeroo beellamaa keessatti qajeeltoo mirga namoomaa shakkaamaa yakkaatiiaaf kabajamuu qabu"
Mirga Namoomaa jechuun mirga ilmi namaa garaagarummaa tokko malee nama ta’ee dhalachuu isaatiin argatuu dha. Kunis mirga bu’uuraa kan ta’e mirga lubbuun jiraachuu irraa eegalee nageenyummaa qaamaa fi mirga bilisummaan socho’uu argachuu kan dabalatu dha.

Dhimmi mirga namoomaa dhimma hawaasa idil-addunyaa hunda ilaallatu ta’uus beektootni hundi kan irratti waliif galamidha (universality of human rights), kanaaf gochi kutaa addunyaa tokko keessatti mirga namoomaa irratti raawwatamu ilma namaa hunda ilaallata. Kana waan ta’eefis, sadarkaa idil-addunyaatti baroota dheeraa dura istaandardootaa fi waliigalteewwan mirga namoomaa adda addaa bahanii hojirra oolmaan isaaniis hordofamaa turee jira.
Waliigalteewwan sadarkaa idila addunyaatti mallattaa’anii biyyootni hedduun fudhachuun seera biyya isaanii taasisan muraasa keessaa, sanada Waadaan Mirgoota Sivilii fi Siyaasaa idil-addunyaa-ICCPR isa tokko dha.

Konveenshiniin kunis, eegumsa mirga namoomaaf taasifame ilaalchisee, mirgi namoomaa haala addaatiin seeraan yoo tumameen ala haala biraa kamiiniyyuu ilma namaa irraa mulqamuu akka hin qabne -kewt.6 hanga 10tti jiran jalatti ni tuma.
Sanadni Waadaa Mirgoota Sivilii fi Siyaasaa idil-addunyaa (ICCPR) addatti mirga namoota shakkamee yeroo tumu, namni kamiyyuu mirga bilisummaa fi nageenyummaa qaamaa akka qabu ibsuun, namni kamiyyuu to’annaa seeraan alaatiin akka hin qabamne, to’atamuun barbaachisaa ta’ee yoo argame immoo adeemsa seeraa jiruun qofaa ta’uu akka qabu keewwata 9(1) jalatti balballoomsee jira. Haaluma wal fakkaatuun Chaartariin Mirga Namoomaa fi Mirga Ummataa Afrikaa kewt. 6 jalatti akka ibsutti namni kamiyyuu bilisummaa fi nageenyummaa qaamaa argachuuf mirga qaba jechuun tumee jira.

Sanadootni armaan olii mirga namoomaan wal qabatee jiru kun biyya keenyaan mallattaa’uun seera biyya keenyaa ta’anii kan jiran ta’uu heera mootummaa keewwata 9(4) irraa hubachuun ni danda’ama. Kana qofaas osoo hin ta’iin heerichi keewwata 17 fi 19 jalatti haala qabinsa mirga namoomaan kan wal qabatu: namni kamiyyuu sirna seeraan diriiree jiruun ala bilisummaa qaamaa isaa dhabuu kan hin dandeenye ta’uu fi akkasumas adeemsa seeraan diriiree jiruu ala to’atamuu, himannaan osoo isa irratti hin dhiyaatiin hidhamuu akka hin dandeenye tumee jira.

Gama biroon namni Yakka raawwate jedhamee shakkame galmee qorannoo milkeessuuf jecha adeemsa seerri kaa’ee jiruun qabamee to’annoo jala hin oolu kan nama jechisiisu akka hin taane hubatamuu qaba. Qaamni Yakka qorachuuf aangoon seeraan keennameef yeroo seeraan daangeffame keessatti ragaa isaa funaanuun qorannoo isaa xumuruuf akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59tiin yeroo beellamaan shakkamaa to’annaa jala oolchuu ni danda’a. Sababootni shakkamaan yeroo beellamaan to’annaa jala oolee qorannaan yakkaa akka itti fufu kan taasisaan , jalqaba galmeen kan qoratamee hin dhumne ta’uu fi cimina yakkicha irraa kan ka’e seeraan mirgi wabii isaa kan daangeffame yookiin amala shakkamaa gidduu laeessa taasisuun shakkamaan mirgi wabii isaa kan eegamuuf yoo ta’e ragaa balleessuu kan danda’u yoo ta’e hayyamaa fi beekamtii Mana Murtiitiin to’annaa jala ooluu ni danda’a.
Kaayyoon bu’uuraa yeroo beellamaan shakkamaa to’annaa jala oolchuus galmee qorannaa yakkaa milkeessuun olaantummaa seeraa bu’uura seeraa qofaan mirkaneessuu dha.
MAnni murtii yeroo yeroo beellamaa bu’uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59tiin yeroo tokkoof hanga guyyaa 14 kan poolisiif kennu kaayyoo ragaa funaanuu milkeessuf akka ta’e ifa dha. Adeemsa kenna yeroo beellamaa kanaan wal qabatee manni murtii yeroo beellamaa marsaa lamaa fi isaa oliif kennaa turee ammaa booda yeroo beellamaa kennuun hin barbaachisu jedhee kan amanu yoo ta’e galmee akka cufuu danda’u ni tilmaamama, haa ta’uyyuu malee mirgi shakkamaa bilisummaan isaa dhorkamee ture maal ta’uu qaba gaaffii jedhuuf garuu SDFY Kenya deebii hin kenu.
Haa ta’uyyuu malee wixineen seerri deemsa falmii yakkaa fi seera ragaa keewwata 119 fi 120tiin fala kaa’uuf yaalee jira.
Falli inni kaa’es; Manni Murtii yeroo bellamaa kennaa turee sababni yeroo bellamaa kennisiisu hin jiru jedhee kan amanu yoo ta’e cimina yakkichaa fi amala shakkamaa gidduu galeessa osoo hin taasisiin shakkamaan mirga wabiin akka bahuu fi qorannoonis akka itti fufu gochuu ni danda’a jechuun tumee jira.

Murtiin Mana Murtii Waliigala fedaraalaa dhiyeenya kana kennama jirus ejjennoo wixineen seera deemsa falmii yakkaa fi seera ragaa qabate bifa wal fakkeenya qabuun, MMWFDHI murtii lakk.252231 gaafa 12/2/2016 kenneen Go/Arsiitti dhimma yakkaa Malaammaltummaa goyyoomsaa cimaan nama shakkamee yeroo beellamaan qoratamaa ture irratti Manni Murtii yeroo beellamaa kennaa ture ammaa booda sababni yeroo beellamaa dabalataa kennisiisu hin jiru waan ta’eef guyyaa 15 keessatti A/A himata haa hundeessu jechuun galmee cufe irratti, sababa A/A guyyaa 15 keessatti himata hin dhiyeessineef shakkamaan irra deebiin iyyata mirga wabii dhiyeeffateen Manni murtii jalaa iyyata dhiyaate kufaa gochuun bira darbee jira.
Dhadachi ijibbaataa kun immoo manni murtii jalaa ajaja manni murtii jilaa oliyyataan osoo hin diigamiin yeroon bultii 15 kun erga darbee booda shakkamaan mirga wabii dhiyyeefate ofitti fuudhee fala kennuu osoo qabu kana gochuu dhiisuun isaa dogoggora waan ta’eef yeroon himata dhiyeesuu A/A guyyaan 15 erga dhumee/darbee booba to’anaan shakkamaa seeraan ala waan ta’eef, yoodhuma keewwatani ittiin shakkame mirga wabii kan dhorku ta’ullee, bu’uura heera mootummaa keewwata 17tiin to’annaan poolisiitiin raawwatame seeraan ala waan ta’eef mirgi wabii isaa eegamuu qaba jechuun mirga wabii shakkamaa eegeefii jira.

Daabalataan galmee yakkaa biroo irratti, namni yakka ajjechaan shakkamee yeroo beellamaan qoratamaa jiruu sababni gahaan yeroo beellamaa dabalataa kennisiisu hin jiru jechuun M/M galmee yeroo beelamaa cuffuun guyyaa galmee qorannoo irratti A/A akka kennuu qabu ajajee galmee yeroo beellmaa yoo cufe, yeroo poolisiin guyyaa galmeen qorannoo qaama aangoo qabuun murtiin akka itti kennuuf guyyaan kennameef keessatti murtii osoo hin kenniin guyyichi kan dhumate yoo ta’e, guyyaa dhumate kana irraa eegaluun shakkamaan mirga iyyannaa qaama bilisa baasaa dhiyeeffachuun to’annoo jalaa ba’uu akka danda’u DHIMMWF lakk.235413 gaafa 21/2/2015 murtii hin maxxanfamne irratti murteessee jiru irraa hubachuun ni danda’ama.

Kanaaf qaamni shakamaa to’atee qorannaa gaggeessu of eeggannoo guddaadhaan dantaa uummataa fi mirga shakkamaa bifa madaallii keessa galcheen yeroo beellamaa Mana Murtiin kennamu ifaajee guddaadhaan hojjechuu akka qabu kan namatti agarsiisu ta’uu murtiiwwan armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama. Kana hin ta’u taanaan shakkamaan to’annaa seeraan alaa kana jalaa filannoon yoo barbaade bu’uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64tiin mirga wabii dhaddacha yakkaatti gaafachuu yookiin bu’uura seera haariiroo hawaasaa keewwata 177tiin iyyata qama bilisa baasuu dhaddacha siviitti dhiyyeeffachuu kan danda’u ta’uu hubatamuu qaba.