Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Qorannaa Yakka M.Adaamaa.pdf
8.2 MB
kun maateeriyaalii leenjiin Qorannaan Yakka Malaammaltummaa irratti kennameedha.Warri nugaafattan kunoo buufadhaa itti fayyamaa.kan
Qopheessaan: #Obboo_Dhaabaa_Dirriibaa ti.
Leenjii MM Aadaa 1.pptx
9.1 MB
Kun Maateeriyaalii leenjii Mana Murtii Aadaati. warri maateeriyaalicha nugaafataa turtan kunoo isinii keennee jirra.
Leenjii MM Aadaa 2.pptx
804.8 KB
paaworpooyintii Leenjii Mana Murtii Aadaa
Seera Daldalaa Bishooftu (1).pptx
590.2 KB
kun maateeriyaalii leenjii Seera Daldalaa irratti obboo Haashim Tunaatiin qophaa'edha.
Muddee 24/ 2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii (FMC) Damee Asallaa waliin Sagantaa Hubannoo Seeraa uumuu fi Dhimmoota seeran walqabatan irratti waliin hojjachuuf walii mallateessanii jiru.

Waliigaltee kana kan mallatteessan I/A Daayrekttra ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo fi Hoogganaa FMC / Fana Media Corporetion/ damee Asallaa Obboo Huseen Abbattii yoo ta'u, waliin hojjachuun dhaabbilee lamaanii hawaasa bal'aaf dhimmoota seeraan walqabatan irratti hubannoo uumuuf akka ta'e ibsame.

Sagantaan dhimmoota seeraan walqabatan irratti hubannoo uumuu kun Raadiyoo FMoota shanan dameewwan Oromiyaa keessa jiran hundaan tamsaasuun akka bal'innaa hawaasa hunda qaqqabuuf kan hojjatamu yoo tahu, torbanitiit si'a tokko hubannoon kun kan kennamu ta'uun ibsamee jira.