Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaa 21/4/2017
#Dhiyeessii_Dhaddacha_Fakkii
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) bara bajata 2017 tiin Leenjifamtoota LHD Marsaa 18ffaa simatee leenjii kennaa jiraachuun ni beekama.

Leenjifamtootni ogummaa hojii Abbaa seerummaa fi Abbaa alangummaa akka gabbifataniifi qabatamaan ofii akka shaakalan mala leenjii hojiirra oolu keessaa tokko dhiyeessii dhaddacha fakkiiti.

Malli leenjii kun Kaarikulamii leenjii keessatti kan haammatame yoo ta’u, innis leenjifamtootni akka Abbaa seeraa, Abbaa alangaa, abukaatoofi kkf tti taatoo qooddachuun kan ogummicha waliin itti walbarataniifi leenjii qabatamaafi hawwataa taasisuu keessatti fayidaa olaanaa kan qabudha.

Leenjifamtootni shaakkallii dhaddacha fakkii torban darbaniif shaakalaa turan guyyaa har’aa #Dhaddacha_Dhaabbii_Bahaa_MMWOtti akka dhiyeessan taasifameera. Dhiyeessii booda leenjistootaan yaadni ijaarsaa dhiyeessitoota dhaddacha fakkiif kennameera. I/A/Daariktera Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo dhiyeessicha daawwataniiru.
Gurraandhala 03/2017
#Dhaddacha_Fakkii_Hariiroo_Hawaasaa_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_18ffaa

Leenjifamtootni ogummaa hojii Abbaa seerummaa fi Abbaa alangummaa akka gabbifataniifi qabatamaan ofii akka shaakalan mala leenjii hojiirra oolu keessaa tokko dhiyeessii dhaddacha fakkiiti.

Malli leenjii kun Kaarikulamii leenjii keessatti kan haammatame yoo ta’u, innis leenjifamtootni akka Abbaa seeraa, Abbaa alangaa, abukaatoofi kkf tti taatoo qooddachuun kan ogummicha waliin itti walbarataniifi leenjii qabatamaafi hawwataa taasisuu keessatti fayidaa olaanaa kan qabudha.
Leenjifamtootni shaakkallii dhaddacha fakkii shaakalaa turan guyyaa har’aa #Dhaddacha_Dhaabbii_Bahaa_MMWOtti akka dhiyeessan taasifameera. Dhiyeessii booda leenjistootaan yaadni ijaarsaa dhiyeessitoota dhaddacha fakkiif kennameera.
I/A DaayreKteera Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Sulxaan Abdoo dhiyeessii kana irratti argamuun daawwatanii jiru.