Guyyaa 21/4/2017
#Dhiyeessii_Dhaddacha_Fakkii
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) bara bajata 2017 tiin Leenjifamtoota LHD Marsaa 18ffaa simatee leenjii kennaa jiraachuun ni beekama.
Leenjifamtootni ogummaa hojii Abbaa seerummaa fi Abbaa alangummaa akka gabbifataniifi qabatamaan ofii akka shaakalan mala leenjii hojiirra oolu keessaa tokko dhiyeessii dhaddacha fakkiiti.
Malli leenjii kun Kaarikulamii leenjii keessatti kan haammatame yoo ta’u, innis leenjifamtootni akka Abbaa seeraa, Abbaa alangaa, abukaatoofi kkf tti taatoo qooddachuun kan ogummicha waliin itti walbarataniifi leenjii qabatamaafi hawwataa taasisuu keessatti fayidaa olaanaa kan qabudha.
Leenjifamtootni shaakkallii dhaddacha fakkii torban darbaniif shaakalaa turan guyyaa har’aa #Dhaddacha_Dhaabbii_Bahaa_MMWOtti akka dhiyeessan taasifameera. Dhiyeessii booda leenjistootaan yaadni ijaarsaa dhiyeessitoota dhaddacha fakkiif kennameera. I/A/Daariktera Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo dhiyeessicha daawwataniiru.