#Hordoftoota_Keenya_Hundaaf! Qorannoowwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n bara 2016 gaggeesse bakka tokkotti walitti qabamanii bifa kitaabatiin waan maxxanfamaniif fuula teeleegiraamii keennaa irra seenun ilaalaa.
Gurraandhala 6/2017
ILQSOn #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa , Fudhatamummaa fi Madaallii jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Jimmaatti kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaan dhiyaate yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.
Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.

06.06.2017
#ILQSO'n Gamaaggama Raawwi Hojii kurmaana 2ffaa kan bara 2017,Haala Kenna tajaajila Motummaa fi kallatti Hojii Motummaa irratti marii taasiseera.
Marii kana keessatti Harcaatii hojii kurmaana 2ffaa keessatti mul'atan kurmaana itti aanu keessatti sirreessuu fi akka ILQSOtti rakkoo kenna tajaajila Motummaa jadhamani dhihaatan irratti mariin bal'aan taasifameera.
Dhuma irrattis I/A/Daayrekteera Ol 'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdootiin kallatti hojii Motummaa kennun sagantaan jiru xumuramee jira.

Guyyaa 06/06/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.
#ILQSOn Mata duree #Seerota_Bulchiinsaafi_Itti_Fayyadama_Lafa_Magaalaafi_Baadiyaa jedhu irratti Abbootii Seeraatiif Magaalaa #Jimmaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.
#Kaayyoon_Leenjichaa_labsii_248/2015, 1324/2024 fi 721/2004 irratti hubannoo uumuu ta'ee, addatti; Yaad-rimeewwan bu'uuraa, Wabummaa mirgoota lafaafi riifoormii SBSL sirnaan hubachiisuu, akkasumas, seenaa dhufiinsa sirna bulchiinsa itti fayyadama lafa biyya keenyaa sirnaan hubatanii rakkoilee seerotaa fi hojmaataa jiran irratti hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsame. Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.