ILQSO
3.74K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#Onkoloolessa 24/2014 ILQSO
Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa dhiyaate irratti mariin itti fufee gaggeeffamaa jira.
#Onkoloolessa 17, bara 2015 #ILQSO Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa mata duree "Seroota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irrattii Abbooti Alangaa fi Qorattota Polisiitiif marsaa 3ffaaf magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufee kan kennamu ta'a.
#Onkoloolessa 18, bara 2015 #ILQSO
Leenjiin mata duree "Seerota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif magaalaa #Adaamaatti kennamaa ture xumuramee jira. Bu'uuruma kanaan Itti Aanaan Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo leenjiin kennamuun galma waan hin taaneef leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiirra oolchuu fi kanneen biroos akka hubatan gochuu qabu jedhaniiru. Xumura leenjichaa irratti argamuun kallattii hojii kan kennan Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa fi hoogganaan Damee Yakkoota Adda Addaa Obboo Kumasaa Araarsaa leenjifamtootni hubannoo argatan hojiitti jijjiiruun tajaajila haqaa si'ataa, haqa qabeessaa fi hannarraa bilisa ta'e kennuu qabu jedhaniiru.
#Onkoloolessa, 20, Bara 2015, #ILQSO
Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa walgahii idilee 105ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen ajandaalee adda addaa irratti mari'achuun murtiiwwan garaagaraa dabarsee jira. Gumichi jalqaba irratti Gabaasa raawwii hojii ILQSO Kurmaana 1ffaa bara 2015 irratti bal'inaan erga irratti mari'ate booda gabaasicha sagalee walta'iinsaan mirkaneessee jira. Itti aansuudhaan Gumichi mata dureewwan Qorannoo bara 2015 gaggeessuuf sakatta'iinsa fedhii Qorannoo taasifameen adda bahan irratti mari'achuun mata dureewwan 4 (afur) ILQSO'n baajata ofii isaatiin Qorannoo irratti gaggeessu murteessee jira. Kana malees Gumichi haala simannaa Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa irratti kan mari'ate yemmuu ta'u leenjifamtootni Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaatiin calalamanii dorgommii taasifame darban walumatti ogeessotni 200 simatamanii leenjicha akka eegalan murteessee jira. Dhumarratti Gumichi haala eebba Leenjifamtoota Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa irratti mari'achuun murtii dabarsee jira.
#Onkoloolessa 22, bara 2015, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa haala kenniinsa tajaajila leenjii fi tajaajila waliigalaa Inistitiyuutichaan kennamu irratti Leenjifamtoota Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa waliin mari'ateera. Guyyaan Eebba leenjifamtoota Marsaa kanaatis Onkoloolessa 24 bara 2015 ta'uun baramee jira.
#Leenjifamtootni keenya asumaan Baga Geessan isiniin jenna!
#Onkoloolessa 24, Bara 2015, #ILQSO
#Sirna Eebba Leenjifamtoota
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa ji'oota sadiif leenjisaa ture guyyaa har'aa sirna hoo'aan eebbisiisee jira. Sirna eebbaa kanarratti gabaasa raawwii leenjii kan dhiyeessan Itti Aanaa Daayirektara Ol'aanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo, Eebbifamtootni guyyaa har'aa ji'oota sadan darbaniif mata dureewwan leenjii: Heera mootummaa, Naamusa Abbaa Alangummaa fi naamusa Abbaa Seerummaa, seera yakkaa, seera deemsa falmii yakkaa, seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, seera Bulchiinsa lafa baadiyyaa fi magaalaa, seera farra malaammaltummaa, seerota taaksii fi gumruukaa, seera dhaalaa, seera maatii, bilisummaa fi itti gaafatamummaa, hooggansaa /leadership/, kenniinsa tajaajilaa fi kanneen biroo irratti leenjii fudhatanii jiru, gahumsi ogummaa fi naamusni isaaniis bu'uura sirna jiruutiin itti fufiinsaan madaalamee kanas gumiin waan mirkaneesseef akka eebbifaman murtaa'ee jira jedhaniiru. Eebbifamtootni gahumsa, naamusaa fi miira tajaajiltummaa leenjiidhaan horatan hojiitti jijjiiruun haqni akka hin dabne, hin bitamnee fi hin gurguramne gahee keessan bahachuu qabdus jedhaniiru. Sirna Eebbaa kanarratti argamuun kallattii hojii kan kennan Itti Aanaan hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Biyyaa Raayyaa Eebbifamtootni hubannoo leenjichaan argatan hojiitti jijjiiruun rakkoolee kenna tajaajilaa fi hannaa sirna haqaa qoraa jiru hambisuuf itti gaafatamummaa qaban bahachuu qabu jedhaniiru. Sagantaa kana irratti leenjifamtoota qabxii Ol'aanaa fidanii fi koreewwan hojii leenjiif gumaacha taasisaniif waraqaan ragaa fi beekamtiin kennameera.
#Onkoloolessa 28, Bara 2015, #ILQSO
#Beeksisa
Ogeessotni Seeraa sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaatiin ILQSOtti leenji'uun Gargaaraa Abbaa Seeraa ykn Gargaaraa Abbaa Alangaa ta'uuf dorgomtanii leenjii akka seentan maqaan keessan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa gara ILQSO tti ergame hundi Sadaasa 3 fi 4 magaalaa Adaamaa Waajjira muummicha ILQSOtti argamuun akka galmooftan isin beeksifna. Leenjin kan eegalamu Sadaasa 5, bara 2015 ta'a. Leenjifamtootni yemmuu dhuftan: uffata qorraa, ansoolaa fi uffata boraatii, maallaqa ji'a tokkoof nyaataaf itti fayyadamtan, waliigaltee wabii waajjira abbaa alangaatti mallatteesistan koppii tokko; suuraa 02 (passport size); ragaa barnootaa (tiraansikiriiptii, ragaa bu'aa qorumsa biyyaalessaa (maatirikii), exit exam, ragaa ministirii kutaa 8 fi digirii) keessan haadhoo fi koppii wajjiin qabattanii dhufuu qabdu.

######Karaa Nagaa koottaa jenna!!!
#Onkoloolessa 16 bara 2016 #ILQSO
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa
Inistitiyuutiin leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakka malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa ta'e deebisiisuu" jadhu irratti Abbooti Seeraa, Abbooti Alangaa fi Qorattoota Poolisii sadarkaa Godinaatti hojjataniif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kunis guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.