Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 12, Bara 2014 #Adaamaa
Qorannoo Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa: Haala Qabatamaa Naannoo Oromiyaa dhiyaate irratti mariin gaggeeffamee jira. Gaa'illi ka'umsa maatiiti. Maatiin immoo bu'uura hawaasaati. Kanarraa kan ka'e eegumsi heeraa fi seeraa taasifameefi jira. Qorannoon kun diiggaan gaa'ilaa naannoo keenya keessatti baay'achaa kan dhufe ta'uu agarsiisee jira. Sababoonni diiggaa gaa'ilaa heddu ta'uu fi miidhaan inni walfuutota, maatii fi hawaasa irratti dhaqqabsiisaa jirus ol'aanaa ta'uun qorannichaan kan adda bahanii fi yaadotni furmaataa heddus kan kaa'aman ta'uu hirmaattotni workishoppichaa kaasaanii jiru. Itti Aantuu hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii kan ta'an Adde Samiira Faaris qorannoon kun miidhaa hawaasummaa fi diinagdee diiggaan gaa'ilaa keessumattuu dubartoota irratti geessisu kan agarsiisee fi falas kan kaa'e waan ta'eef qaamni hundi yaadota furmaataa ka'an akkaataa gahee isaatiin fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru. Dhumarratti Caffetti walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Misooma Namaa kan ta'an Obbo Naasir Huseen qorannoon kun sababootaa fi miidhaa diiggaan gaa'ilaa hordofsiisuu akkasumas yaada furmaataa kan akeeke waan ta'eef yaadotni workishoppii kanaan ka'an dabalamanii hojiirra ooluu qaba jedhaniiru. Qaamni hundis hojiirra oolmaa isaatiif tumsuu qaba jedhaniiru
#ILQSO, Muddee 13, Bara 2014 #Adaamaa
Dhiyeessin bu'aa qorannoowwanii itti fufee qorannoo mata duree ''Hojiirra Oolmaa Qorannoowwan ILQSO bara 2001 hanga 2012tti'' jedhu irratti mariin gaggeeffamaa jira. ILQSO'n bara 2001 - 2012 tti kanneen keessoo isaa ilaallatan osoo hin dabalatin qorannoowwan 54 gaggeessee qaamolee hojiirra oolchaniif kan erge ta'uun baramee jira. Haata'u malee qorannoowwan kun hojiirra oolaa hin jiran komiin jedhu waan jiruuf qorannoo kan gaggeessuun barbaachisee jira. Bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti qorannoowwan 54 gaggeeffaman kanaan yaadotni furmaataa 287 kan kennaman yemmuu ta'u kanneen keessaa yaadotni furmaataa 179 (62.36%) guutumatti hojiirra oolanii jiru. Yaadotni furmaataa 39(13.5%) walakkaan hojiirra oolanii kan jiran yoo ta'u yaadotni furmaataa 69(24%) hojiirra hin oolle. Yaadota furmaataa guutumatti hojiirra oolanii fi kanneen walakkaan hojiirra oolan yoo walitti dabalaman qorannoowwan hojjataman keessaa 76% adeemsa hojiirra oolmaa keessa kan galan ta'uu agarsiisa. Kunis hojiirra oolmaan qorannoowwan ILQSO sadarkaa gaarii irratti kan argamu ta'uu kan agarsiisu ta'us daran irratti hojjatamuu qaba jedhameera.
#ILQSO, #Muddee 13, Bara 2014 #Adaamaa
Workishoppiin Dhiyeessa Bu'aa Qorannoowwan Seeraa ILQSO guyyoota sadiif magaalaa #Adaamaatti gaggeeffama ture xumuramee jira. Xumura Workishoppichaa irratti Hoggantuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi W/Q/I/A Gumii ILQSO kan Adde Addunyaa Ahimad qorannoowwan guyyoota sadan darban dhiyaatan rakkoolee seeraa, hojimaataa fi bulchiinsa gaarii hawaasa keenya miidhan turan adda kan baasanii fi yaada furmaataa kan kaa'an waan ta'eef qaamni dhimmi ilaalu hundi fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru