Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 2, bara 2014
#Xumura Leenjii Seera Daldalaa fi Madaallii ragaa dhimma yakkaa #Bishooftuu
Leenjiin mata-dureewwaan #Seeraa Daldalaa Itoophiyaa haaraa bahee fi #Madaallii ragaa dhimma yakkaa irratti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif Magaalaa Bishooftuutti guyyoota sadiif kennamaa ture xumuramee jira. Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruu fi ogeessota mana hojii isaanii keessatti waliin hojjataniif qooduun tajaajilli beekkumsa gahaa irratti hundaa'ee fi haqa qabeessa ta'e mana hojii isaanii keessatti akka kennamuu fi fayyadamummaan ummataa akka mirkanaa'u hojjachuu akka qaban I/A Daayirekara Ol'aanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Marsaan 2ffaan leenjii kanaa magaalaa Shaashamanneetti kan itti fufu ta'uun baramee jira.
#Leenjii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa #Shaashamannee
Leenjiin Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa dhimmoota sirna gabaabaan dhiyaatanii fi raawwii deemsa caalbaasii irratti xiyyeeffate itti fufee magaalaa Shaashamanneettis kennamaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu yoo ta'u Abbootiin Alangaa sadarkaa naannoo hanga Aanaatti jiran hirmaachaa jiru.