#ILQSOn Leenjii Dandeettii Raawwachiisummaa cimsu kennaa jira.
(Waxabajjii 14/2017,ILQSO, Adaamaa )
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii dandeettii raawwachiisummaa Hooggantootaa cimsu mata duree #Mindset_and_Leadership jedhu irratti magaalaa #Bishooftuu tti kennaa jira.
Inistiitiyuutichi Leenjiwwan garaa garaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti murteessoo ta’an kennaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa haala addaatiin leenjiin ilaalchaa fi Hoggansaa /Mindset and Leadership ) irratti xiyyeeffate kennamaa jira.
Leenjii kana irratti MMWO,BAAWO fi Caffee irraa hooggantoonni kan hirmaatan yoo ta'u ,Leenjistoota ,Qorattootaa fi Koreen Bulcjiinsaa ILQSO irratti hirmaataa jiru.
I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obboo_Sulxaan_Abdoo Haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjiin kun leenjii addatti hooggantoota qaamolee garaagaraa irraa hirmaatan ,leenjistootaa fi qorattoota keenya, akkasumas, koree bulchiinsaa keenna gahoomsuuf xiyyeeffatee kennamaa kan jiru ta’uu ibsuun, leenjicha irraa hubannoo argamu hojitti jijjiiruuf hirmaannaa hoo'aa taasisuun muxannoo argamu qabatamatti jijjiiruun barbaachisaa ta'uu himanii jiru.
lenjicha kan kennaa jiran #Dr_Robsan_Margo ( Associate Professor) Hoji Gaggeessaa Dhaaɓata Tajaajila Gorsaa Laandmaark fi Barsiisaa Yunivaraiitii Arsii ti.

Waxabajjii 17/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii dandeettii ilaachaa cimsu mata duree #Mindset jedhu irratti magaalaa #Bishooftuu tti Hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif kennaa jira.
Inistiitiyuutichi Leenjiwwan garaa garaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti murteessoo ta’an kennaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa haala addaatiin leenjiin ilaalchaa fi dandeettii yaaduu hojjattootaa cimsu kennaa jira.

Leenjiin Labsii Haaraa 1364/2017 Qabeenya Deebisiisuu kennamaa jira.
Waxabajjii 19/1017, Adaamaa,ILQSO.
Inistiitiyuutuun Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Abbootii Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif mata duree #Qabeenya_Deebisiisuu jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.
kaayyoon leenjichaa, Qabeenya bu'aa yakkaa ta'e deebisiisuu ilaalchisee haguuggii seeraa jiru irratti hubannoo uumuu, hojmaata jiru jijjiiruu fi dandeettii barbaachisu horachuun rakkoowwan raawwii qabeenya deebisiisuu irratti muudachuu danda'an dursanii tilmaama kaa'uuf akka ta'e ibsame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Sulxaan_Abdoo woyta haasaa baniinsaa taasisan akka jedhanitti, akka biyya keenyaatti riifoormiwwan garaagaraa gama sirna haqaatin fooyya'an keessaa labsiin Qabeenya deebisiisuu kun isa tokko yoo ta'u, maalummaa isaa fi hojiirra oolmaa labsii kanaa irratti hubannoo uumuun barbaachisaadha jedhan.
Itti dabaluunis Obbo Sulxaan, labsichi qabeenya karaa hin malleen horatamu deebisiisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabuuf ogeessonni seeraa kana irratti muuxannoo qaban waljijjiiruun hubannoo isaanii cimsachuun rakkoolee gama kanaan muudatan furuu irratti hubannoo walfakkaataa horachuun gahee isaan irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.
Leenjichi kan turu guyyoota lamaaf yoo ta'u, leenjistoota Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abdii_Asaffaa fi #Obbo_Geetaachoo_Kabbadaa tin kennamaa jira.