Oromia Legal Training and Research Institute
8.19K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
30 links
Download Telegram
Leenjiin Labsii Haaraa 1364/2017 Qabeenya Deebisiisuu kennamaa jira.

Waxabajjii 19/1017, Adaamaa,ILQSO.

Inistiitiyuutuun Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Abbootii Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif mata duree #Qabeenya_Deebisiisuu jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

kaayyoon leenjichaa, Qabeenya bu'aa yakkaa ta'e deebisiisuu ilaalchisee haguuggii seeraa jiru irratti hubannoo uumuu, hojmaata jiru jijjiiruu fi dandeettii barbaachisu horachuun rakkoowwan raawwii qabeenya deebisiisuu irratti muudachuu danda'an dursanii tilmaama kaa'uuf akka ta'e ibsame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Sulxaan_Abdoo woyta haasaa baniinsaa taasisan akka jedhanitti, akka biyya keenyaatti riifoormiwwan garaagaraa gama sirna haqaatin fooyya'an keessaa labsiin Qabeenya deebisiisuu kun isa tokko yoo ta'u, maalummaa isaa fi hojiirra oolmaa labsii kanaa irratti hubannoo uumuun barbaachisaadha jedhan.

Itti dabaluunis Obbo Sulxaan, labsichi qabeenya karaa hin malleen horatamu deebisiisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabuuf ogeessonni seeraa kana irratti muuxannoo qaban waljijjiiruun hubannoo isaanii cimsachuun rakkoolee gama kanaan muudatan furuu irratti hubannoo walfakkaataa horachuun gahee isaan irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

Leenjichi kan turu guyyoota lamaaf yoo ta'u, leenjistoota Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abdii_Asaffaa fi #Obbo_Geetaachoo_Kabbadaa tin kennamaa jira.