Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Bitootessa 2/2017
Jilli Pirezidantii Mana Murtii waliigala Naannoo Amaaraa kabajamoo Obbo Alam’anta Aggidawutiin Durfamu Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Daawwate.

Jilli Pirezidantii Mana Murtii waliigala Naannoo Amaaraatiin durfamu kun woyta gara Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa (ILQSO) dhufan hawaasni Inistiitiyuutichaa simannaa hoo’aa taasiseefii jira.
Jilli kun Hojiilee hojjatamaa jiran kanneen akka Pirojektii Mana kitaabaa fi Kaafteeriyaa akksumas leejifamtootaa leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa , marii leenjistoonni fi Qorattoonni gaggeessaa turanii fi haala waliigala inistiitiyuutichaa daawwatanii jiru.waan daawwatanittis akka gammadan ibsanii jiru.
Bitootessa 2/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Jila Pirezidantii Mana Murtii waliigala Naannoo Amaaraa waljijjiirraa Muuxannootiif dhufeef Haala waliigala Inistiitiyuutichaa ibse.

Marii bal’aa gaggeeffame kanaan Bara hundeeffama ILQSO irraa kaasee hanga ammaatti hojiileen gama Leenjii fi Qorannootiin jiran B.B Daayrekteera Daayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila gorsa seeraa Obbo Miilkii Makuriyaatin kan dhiyaate yoo ta’u, yaadni fi gaafileen garaagaraa jila kana irraa ka’anii jiru.

Yaadaa fi Gaaffilee ka’an keessaa ijoon, ILQSOn Inisttiyuutii guddaadha. Garuu akka humnaa fi maqaa gaarii qabuun walbira qabamee yoo ilaallame,Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin hariiroo uumuu irratti maal fakkaata? Yuunivarsiitiwwan biyya keessa jiran waliin hariiroo akkamii qaba? Gama leenjii hojii irraa yeroo gabaabaatiin immoo leenjicha teeknoolojii fayyadamuun karaa Diijitaalawaa ta’een kennuu irratti maal hojjachaa jira? kan jedhuufi kanneen biroo kan ka’an yoo ta’u, deebiin yaadota ka’aniif ta’u, akkasumas hojiileen akka waliigalaatti Inistiitiyuutichi hojjachaa jiru ibsameefii jira.

Pirezidantiin Mana Murtii waliigala Naannoo Amaaraa Obbo Alam’anta Aggidawu Simannaa hoo’aa Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa taasiseef galateeffachuun, Inistiitiyuutichi humnaa fi beekumsa guddaa waan qabuuf muuxannoo bal’aa isinirraa fudhachuuf gara keessan dhufuu keenyatti jilli keenna baay’ee gammadeera jedhan. Dabalataanis, obboo Alam’antan, muuxannoo wal jijjiiruun kun kan jalqabaati malee kan xumuraa akka hin taane ibsuun, nuti akka biyyaatti hiika seeraa walfakkaataa ta’e akka qabaannu waan barbaannuf cimnee waliin hojjachuun barbaachisaadha jedhan.

Daayrekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa( ILQSO) Obbo Oliyaad Yaaddessaa keesummootaan “Baga Nagaan Dhuftan!” erga jedhanii booda, Inistiitiyuutii keennaf xiyyeeffannoo kennuun muuxannoo wal jijjiiruuf nu filatanii gara keenna dhufuu jila kanaatiif galateeffatanii jiru. Dabalataanis Obbo Oliyaad, Leenjii Inistiitiyuutii kanaatiin manneen Murtii fi Waajjirri Abbaa Alangaa kan hedduu irraa fayadaman ta’uu ibsuun ILQSOn sirna haqaa naannichaa fooyyessuu keessatti shoora ol’aanaa bahaa jiraachuu dubbatanii jiru. Gama qorannootinis hojiileen hanga ammaatti hojjataman keessaa harki 70 ol fudhatama argatanii jiru jedhan. Gara fuula duraatiis yaadota isni nuuf kennitanii fi hojiiwwan nuti eegalles cimsinee itti fufuun dhaabbilee garaagaraa fi Yuivarsiitiwwan akkasumas isin waliin hojjachuun inistiitiyuuticha caalatti beeksisuuf ni hojjanna jedhanii jiru.

Dhuma irrattis ILQSOn jila kanaaf kennaa Aadaa Oromoo kennuun jaalalaa fi kabaja isaaniif qabu kan agarsiise yoo ta’u, isaanis kennaa guddaa fi kabajaa Aadaa Oromoo kanatti baay’ee gammaduu isaanii ibsanii jiru.
Bitootessa 4/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii ragaa irratti Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaaleen dhiyaatan yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daarekteera Dayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa #ILQSO Obbo Miilkii Makuriyaa haasaa baniinsaa woyta taasisan," mata duree kana irratti leenjiin bal'aan akka kennamu sakatta'iinsa fedhii leenjii ILQSOn gaggeessen ogeessota seeraa biraa fedhiin guddaan kan ka'e ta'uu ibsuun, hirmaannaa hoo'aan muuxannoo waljijjiiruun hubannoo leenjii kana irraa argamu qabatamatti akka jijjiiran dhaamanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'uu leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.