Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#Amajjii 09, Bara 2015, #ILQSO

#Gamaaggama Raawwii Hojiiwwan ILQSO kurmaana 2ffaa Bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa Bara 2015 ( ji'oota jahan darbanii) Inisititiyuutichaa magaalaa Adaamaatti qorachaa jira. Bu'uuruma kanaan Daayirektoreetiiwwan ILQSO hundi raawwii hojii isaanii dhiyeessa jiru.
#Sagantaa "Mijuu Seeraa"
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa tajaajila gorsa seeraa kennu hawaasa bal'aa biraan gahuuf Dhaabbata Adaamaa Biroodkaastiing Sarvis jedhamu irraa yeroo qilleensaa bitachuun sagantaa "Mijuu Seeraa" jedhamu qopheessee raadiyoon tamsaasuuf hojiitti galee jira. Sagantaa "Mijuu Seeraa" kanaan dhimmoota seeraa hawaasni keenya hubachuu qabu irratti ibsii fi barumsi ogeessota seeraatiin kan kennamuu fi hawaasnis kallattiin bilbiluun/hirmaachuun/ dhimma seeraa irratti hubannoo kan argatu ta'a.
Baga Geessan Amajjii 10,2015 ILQSO

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaan Baga Ayyaana cuuphaatiin isin gahe jechaa,ayyaanichi kan nagaa fi gammachuu akka isiniif ta’u hawwa.
Ayyaana Gaarii !!