#Onkoloolessa 17, bara 2015 #ILQSO Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa mata duree "Seroota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irrattii Abbooti Alangaa fi Qorattota Polisiitiif marsaa 3ffaaf magaalaa #Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufee kan kennamu ta'a.
#Onkoloolessa 18, bara 2015 #ILQSO
Leenjiin mata duree "Seerota Yakkoota Shororkeessummaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Too'annoo Meeshaalee Waraanaa" jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiitiif magaalaa #Adaamaatti kennamaa ture xumuramee jira. Bu'uuruma kanaan Itti Aanaan Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo leenjiin kennamuun galma waan hin taaneef leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiirra oolchuu fi kanneen biroos akka hubatan gochuu qabu jedhaniiru. Xumura leenjichaa irratti argamuun kallattii hojii kan kennan Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa fi hoogganaan Damee Yakkoota Adda Addaa Obboo Kumasaa Araarsaa leenjifamtootni hubannoo argatan hojiitti jijjiiruun tajaajila haqaa si'ataa, haqa qabeessaa fi hannarraa bilisa ta'e kennuu qabu jedhaniiru.

#Onkoloolessa, 20, Bara 2015, #ILQSO
Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa walgahii idilee 105ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen ajandaalee adda addaa irratti mari'achuun murtiiwwan garaagaraa dabarsee jira. Gumichi jalqaba irratti Gabaasa raawwii hojii ILQSO Kurmaana 1ffaa bara 2015 irratti bal'inaan erga irratti mari'ate booda gabaasicha sagalee walta'iinsaan mirkaneessee jira. Itti aansuudhaan Gumichi mata dureewwan Qorannoo bara 2015 gaggeessuuf sakatta'iinsa fedhii Qorannoo taasifameen adda bahan irratti mari'achuun mata dureewwan 4 (afur) ILQSO'n baajata ofii isaatiin Qorannoo irratti gaggeessu murteessee jira. Kana malees Gumichi haala simannaa Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa irratti kan mari'ate yemmuu ta'u leenjifamtootni Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaatiin calalamanii dorgommii taasifame darban walumatti ogeessotni 200 simatamanii leenjicha akka eegalan murteessee jira. Dhumarratti Gumichi haala eebba Leenjifamtoota Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa irratti mari'achuun murtii dabarsee jira.