Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSO, #Muddee 10, bara 2014 #Adaamaa
Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa leenjistootaa fi qorattoota haaraa fi duraan turanii cimsuuf kennamaa ture xumuramee jira. Leenjichi maloota leenjii fi qorannoo seeraa irratti ogeessota gama kanaan beekkumsaa fi muuxannoo gahaa qabaniin kennamaa kan tureedha. Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun leenjii seeraa gahumsa qabu kennuun akkasumas qorannoo seeraa gahumsa qabuu fi rakkoo hawaasaa hiikuu danda'u gaggeessuun bu'aa caalmaa galmeessisuu akka qaban kallattiin hojii kennameera.
ILQSO, Muddee 12, Bara 2014 #Adaamaa
#Workishoppii Dhiyeessa Qorannoowwan Seeraa ILQSO
Workishoppii kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yemmuu ta'u qorannoowwan seeraa sadi dhiyaatanii dhiyaatanii kan irratti mari'atamu ta'a. Isaaniis: 1.Sababootaa fi miidhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa, 2. Hojiirra Oolmaa Qorannoowwan ILQSO, 3. Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaati.
#ILQSO, #Muddee 12, Bara 2014 #Adaamaa
Qorannoo Sababootaa fi Miidhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa: Haala Qabatamaa Naannoo Oromiyaa dhiyaate irratti mariin gaggeeffamee jira. Gaa'illi ka'umsa maatiiti. Maatiin immoo bu'uura hawaasaati. Kanarraa kan ka'e eegumsi heeraa fi seeraa taasifameefi jira. Qorannoon kun diiggaan gaa'ilaa naannoo keenya keessatti baay'achaa kan dhufe ta'uu agarsiisee jira. Sababoonni diiggaa gaa'ilaa heddu ta'uu fi miidhaan inni walfuutota, maatii fi hawaasa irratti dhaqqabsiisaa jirus ol'aanaa ta'uun qorannichaan kan adda bahanii fi yaadotni furmaataa heddus kan kaa'aman ta'uu hirmaattotni workishoppichaa kaasaanii jiru. Itti Aantuu hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii kan ta'an Adde Samiira Faaris qorannoon kun miidhaa hawaasummaa fi diinagdee diiggaan gaa'ilaa keessumattuu dubartoota irratti geessisu kan agarsiisee fi falas kan kaa'e waan ta'eef qaamni hundi yaadota furmaataa ka'an akkaataa gahee isaatiin fudhatee hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru. Dhumarratti Caffetti walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Misooma Namaa kan ta'an Obbo Naasir Huseen qorannoon kun sababootaa fi miidhaa diiggaan gaa'ilaa hordofsiisuu akkasumas yaada furmaataa kan akeeke waan ta'eef yaadotni workishoppii kanaan ka'an dabalamanii hojiirra ooluu qaba jedhaniiru. Qaamni hundis hojiirra oolmaa isaatiif tumsuu qaba jedhaniiru