Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Sadaasa 14, Bara 2014 (ILQSO)
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjistoota seeraa nama sadii fi qorattoota seeraa nama lama dhaabbiidhaan qacarachuuf beeksisa baasee dorgomsiisaa turuun isaa ni yaadatama. Dorgommii taasifame keessatti sadarkaan barnootaa, barreeffamni waraqaa eebbaa, maxxansi (publication), raawwiin hojii fi naamusni iddoo itti hojjachaa turanitti qaban sakatta’ameera. Dhuma irrattis qorumsi barreeffamaa fi af-gaffii kennamee bu’aan isaas akka armaan gadiitti dhiyaatee jira. Haata’u malee dorgomtoota kana ilaalchisee sakatta’iinsa naamusa isaanii Mana Hojii isaan keessatti hojjatan irraa argametti dabalataan yaada ummataa fudhachuun barbaachisaa ta’ee waan argameef namoonni yaada qabdan ifattis ta’ee gama keessaatiin yaada akka nuuf kennitan gaafanna.
#ILQSO, #Sadaasa 16, Bara 2014
#Leenjii Gaggeessummaa /Leadership/ #Bishooftuu
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree Gaggeessummaa /Leadership/ jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira. Leenjiin kun hoggansa Manneen Murtii fi Waajjira Abbaa Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif kan kennamu yemmuu tau guyyoota sadiif(3) itti fufiinsaan kan kennamu tauun hubatamee jira. Kaayyoon leenjii kanaas leenjifamtootni gaggeessummaa/leadership/ irratti hubannoo gahaa argatanii mana hojii isaanii gahumsaan akka hogganan taasisuu akka tae ibsamee jira. Leenjifamtootnis kaayyoo leenjii kanaa hubatanii leenjicha sirnaan hordofuu, hirmaannaa hooaa taasisuu fi hubannoo leenjicha irraa argatanis galanii hojiitti jijjiiruu qabus jedhameera.
#ILQSO, #Sadaasa 16, Bara 2014
# Beeksisa
Ogeessotni darbitan baga gammaddan jechaa guyyaa jedhame keessatti ILQSO tti dhiyattanii waliigaltee akka raawwattan isin beeksifna.
Leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa mata dure Gaggeessummaa/Leadership/ jedhu irratti guyyoota sadiif magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Itti Aantuu walitti qabduu Gumii Bulchiinsa ILQSO kan ta'an Adde Addunyaa Ahimad leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun hoggansa jijjiiramaa ta'anii argamuu akka qabanii fi kan biroofis qooduun hoggantoota biroo horachuu akka qaban dhaamanii jiru. Keessattuu dubartoota gahoomsuudhaan gara hoggansaatti fiduun xiyyeeffannoon hojjatamuu qaba jedhaniiru.