Bitootessa 4/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii ragaa irratti Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.
#Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota ragaan hubachiisuun barbaachisuu fi hin barbaachifne adda baafachuu,Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaaleen dhiyaatan yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.
B.B Daarekteera Dayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa #ILQSO Obbo Miilkii Makuriyaa haasaa baniinsaa woyta taasisan," mata duree kana irratti leenjiin bal'aan akka kennamu sakatta'iinsa fedhii leenjii ILQSOn gaggeessen ogeessota seeraa biraa fedhiin guddaan kan ka'e ta'uu ibsuun, hirmaannaa hoo'aan muuxannoo waljijjiiruun hubannoo leenjii kana irraa argamu qabatamatti akka jijjiiran dhaamanii jiru.
Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'uu leenjisaa Seeraaa ILQSO #Abdii__Gurmeessa(PhD) tu kennaa jira.

#Kutaa_7ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa 7ffaatin mata duree #Maalummaa_Haasaa_Jibbiinsaa jedhu qabannee dhiyaannee jirra.
#Haasaan_Jibbinsaa qaamni tokko ykn gareen tokko eenyummaa nama tokkoo irratti saba ,sanyii ,akkasumas amantaa fi wantoota biroo dawoo godhachuun namni sunis ta'ee amantaan sun akka jibbamu nama kakaasuu fi duula gaggeessudha.
Mata duree kana irratti ibsa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjisaa seeraa #Obboo_Tafarii_Haylamaariyam qabannee dhiyaannee jirra.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 jedhu irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qophichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.

Channel name was changed to «Oromia Legal Training and Research Institute»