Oromia Legal Training and Research Institute
8.15K subscribers
3.15K photos
27 videos
297 files
29 links
Download Telegram
#Sagantaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dahaabbata Hojii Addunyaa (ILO) waliin ta'uudhaan Mata Duree "Falmii Hojii Ittisuu fi Hiikuu"jedhu irratti waltaasistoota, miseensota boordii hojjataa fi hojjachiisaa Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa sadarkaa Godiinaa fi Aanaalee irraa dhufaniif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaas, Mirga hojjattootni hojii keessatti qaban, gosoota falmii hojii mirga hojjattotaa, qajeeltoowwanii fi qabiyyee adeemsa wal taasiisu ijoo ta'an irratti akkaataa wal dhabbi fi falmiin hojii itti uumamu, toftaaleen falmiin ittin hiikkamu fi kkf irratti beekumsa, dandeettii fi gahumsa ogeessota kanneenii dabaluu akka ta'e Daareektarri ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa sirna baniinsa irratti hubachiisani jiru.
Pirojeektii Ijaarsaa
Pirojeektii ijaarsa gamoo Mana Kitaabaa, gamoo Kaafteeriyaa fi gamoo eegumsaa ILQSO dhiheenya eegalamee ture haala yeroo ammaa irra jiru suuraadhaan.