Oromia Legal Training and Research Institute
7.91K subscribers
3.11K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Marii Hojjattootaa
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Waliigaltee Nageenyaa Piritooriyaa fi Hiikkoo isaa" jedhu irratti marii gaggeessanii jiru. Marii kanarratti Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo waliigalteen kun birmadummaa (sovereignty) fi tokkummaa Bulchiinsaa (territorial integrity) biyya keenyaa kan mirkaneessee fi olaantummaa heeraa kan kabachiiseedha jedhaniiru.
Leenjii Naamusa Iddoo Hojii
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeetti raawachisummaa Ogeessotaa fi hojjattoota Inistitiyuutichaa cimsuuf mata dure "Maalummaa Hojii fi Naamusa Iddoo Hojii'' jadhu irratti leenji kenne jira. Leenjiin kuniis qajeeltoowwan naamusa gaarii manni hojii tokko qabaachu qabu adda baasuun hojjattootni hojjattootni naamusa iddoo hojii daran akka goonfatan taasisuu, kenna tajaajila hojii naamusa ol'aanaan maamiltootaaf kennuun ergama, mul'ata fi kaayyoo Inistitiyuutichi dhaabbateef dhugoomsuuf kan kaayyeffatee ta'u Daayirektarri Dhimma Leenjii fi Tajaajila Gorsaa Obbo Dhaabaa Dirribaa ibsaniiru.
#Sadaasa 10, Bara 2015, #ILQSO
#Workishoppii Dhiyeessa Argannoo Qorannoo
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorannoo mata duree "Sakatta'iinsa Itti quufinsa Maammiltoota Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeessaa ture workishoppiif dhiyeessuun qaamolee abbootii hirtaa waliin mari'achaa jira.