#Dhimma Abbootii Seeraa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa guyyaa kaleessaa seeraan ala to'ataman ilaalchisee Murtii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa
MMWO, Onkoloolessa 26,2015
————————-
#Murtii_Gumii_Blchiinsa_Abbootii_Seeeraa_Oromiyaa
…………………………….
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa’ii ariifachiisaa 16ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen gochaa guyyaa kaleessaa (25/2/2015) Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Dhaddacha Bahaa sadii irratti raawwatame Heera Mootummaa kan faallessu,sirna dimokiraasii biyyi keenya ijaaraa jirtu kan miidhuu fi ol’aantummaa seeraa fi bilisummaa manneen murtii fi abbootii seeraa daran rakkoo keessa kan galchu waan ta’eef gochaa hidhaa adeemsa seeraan ala raawwatame kana kan mormu ta’uufii hatattamaan to’annoo jalaa gad lakkifamanii qaamonni badii kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan hubachiiseera.
Akkuma beekamu manneen murtii bilisa ta’an sadarkaa federaalaatti heera mootummaa Rippaabliika Federaalaawaa Dimookraatawaa Ityoophiyaa Keewwata 78tiin, sadarkaa Naannootti Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keewwata 61n hundaa’uun isaanii ni beekama.Akkasumas labsii Caffeen Oromiyaa baase Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii Lak.216/2011 Kew.8n Abbaan Seeraa kamiyyuu bilisummaadhaan hojjachuu akka qabuu fi qaamoleen mootummaa, miti-mootummaa fi hawaasaa, akkasumas abbaan aangoo kamuu bilisummaa mana murtii fi kan abbaa seeraa kabajuuf dirqama kan qabu ta’uu ifatti tumee jira.
Gama biraatiin labsii armaan olitti caqasame labsii lakk 216/2011, kew 40 irratti Abbaan Seeraa yakka cimaa osoo raawwatuu harkaa fi harkatti yoo qabame malee, hayyama Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatiin ala akka hin qabamne,yakkaanis akka hin himatamne akkasumas akka hin hidhamne ifatti tumamee otoo jiruu guyyaa kaleessaa humni poolisii hidhate Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa dhaquun abbootii seeraa hojii dhaddachaa irra jiran sadii haala heeraa fi seerota biyyaa fi naannoo keenyaatiin faallaa ta’een to’annoo jala oolchee jira, hojiin abbaa seerummaas akka gufatu taasisee jira.Yakki abbootiin seeraa raawwatan yoo jiraate bu’uura seerota rogummaa qabaniin Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatti iyyachuun, Gumiinis cimina yakkichaa,haala raawwatiinsa isaa,miidhaa dhaqqabe yookiin dantaa hawaasa bal’aa duubaan jiru,yookiin dhiibbaa inni maqaa gaarii mana murtii irratti qabu madaaluudhaan murtii kan kennu ta’uun otoo beekamuu ol’aantummaa seeraa haala rakkoo cimaa keessa galchuun gochaan hidhaa abbootii seeraa irratti raawwatame kan mormu ta’uu Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen ifoomsee jira.
Waan ta’eefis qaamonni abbootii seeraa adeemsa seeraatiin ala to’annaa jala oolchan hatattamaan haal duree tokko malee to’annoo jalaa akka gad lakkisan hubachiisaa ,qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi qaamolee gocha sirna seeraa biyyaa fi naannoo keenyaa daran miidhu raawwatan seeraan akka itti gaafataman akka taasisu hubachiiseera.
Onkoloolessa 26/2015

#Dhimma Gargaartota Abbootii Alangaa, #Iftoominaaf
Bara 2015 kana keessa Gargaartota Abbootii Alangaa 158 Sagantaa Leenjii Hojiin Duraatiin Leenjisuuf karoorfachuun keenyaa fi karoorri kunis Gumii ILQSO tiin mirkanaa'uun ni yaadatama. Gargaartotni Abbootii Alangaa hojiirra kan jiran waan ta'eef shaakalliin ji'oota afuriif warroota haaraaf barbaachisu isaan hin ilaallatu. Kanarraa kan ka'e yeroon simannaa Gargaartota Abbootii Alangaa yeroo simannaa warra haaraa irraa ji'oota muraasaaf duubatti kan hafu ta'a. Gama biraatiin ogeessota Seeraa 358 yeroo tokkotti leenjisuun qulqullina leenjichaa irratti dhiibbaa waan qabuuf Sagantaan leenjii lama ta'a jechuudha. Sagantaa leenjii lamaanuu dhiyeenyatti kan isin beeksifnu ta'a. Hubatamuu kan qabu garuu leenjifamtootni haaraa simannu 200 fi gargaartotni Abbootii Alangaa yeroma tokko leenjii kan xumuranii fi kan eebbifaman ta'uu isaati.

#Gadda Guddaa!!!
Gaaddisa aartii Oromoo, falmaa bilisummaa fi waqixxummaa dhala namaa, Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun gadda ulfaataadha. Dr. Kabajaa Alii Birraa rabbi jaannataan sihaa qananiisu! Ummata Itoophiyaa, ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif jajjabina hawwina.
#Rest In Peace Legend Dr. Ali Birra!

#Onkoloolessa 28, Bara 2015, #ILQSO
#Beeksisa
Ogeessotni Seeraa sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaatiin ILQSOtti leenji'uun Gargaaraa Abbaa Seeraa ykn Gargaaraa Abbaa Alangaa ta'uuf dorgomtanii leenjii akka seentan maqaan keessan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa gara ILQSO tti ergame hundi Sadaasa 3 fi 4 magaalaa Adaamaa Waajjira muummicha ILQSOtti argamuun akka galmooftan isin beeksifna. Leenjin kan eegalamu Sadaasa 5, bara 2015 ta'a. Leenjifamtootni yemmuu dhuftan: uffata qorraa, ansoolaa fi uffata boraatii, maallaqa ji'a tokkoof nyaataaf itti fayyadamtan, waliigaltee wabii waajjira abbaa alangaatti mallatteesistan koppii tokko; suuraa 02 (passport size); ragaa barnootaa (tiraansikiriiptii, ragaa bu'aa qorumsa biyyaalessaa (maatirikii), exit exam, ragaa ministirii kutaa 8 fi digirii) keessan haadhoo fi koppii wajjiin qabattanii dhufuu qabdu.
######Karaa Nagaa koottaa jenna!!!

#Sadaasa 1, Bara 2015, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Ogeessota gulaaltota Joornaalii Seeraa Oromiyaa turani namoota 10 galateeffachuun Waraqaa ragaa kennee jira. Ogeessotni kunis:
1. Obbo Waqgaarii Dullumee
2. Obbo Geetaachoo Fayyisaa
3. Obbo Alamaayyoo Waggaarii
4. Obbo Habtaamu Bultii
5. Obbo Abdii Gurmeessaa
6. Obbo Tasfaayee Niwaay
7. Obbo Shamanii Beenyaa
8. Obbo Jeetuu Iddoosaa
9. Obbo Ayyaanaa Tolinaa
10. Obbo Daawit Geetaachoo dha.
Sirna galateeffannaa fi kenniinsa Waraqaa ragaa kana irratti Gulaalaan Ol'aanaan Joornaalii Seeraa Oromiyaa Obbo Tafarii Baqqalaa, ogeessotni kun yeroo adda addaatti artikiloota joornaalicha irratti maxxanfaman gulaalaan kan turanii fi yeroo turtii isaanii raawwateedha jedhaniiru. Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo Waraqaa ragaa kennuun haasaa taasisaniin Joornaaliin Seeraa Oromiyaa sadarkaa amma irra jiru kana irra akka gahuu fi biyya keessattis ta'ee biyya alaatti beekamtii akka argatu gochuu keessatti gumaachi ogeessota kanaa olaanaa waan ta'eef galata guddaatu isaaniif mala jedhaniiru.