Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Ebla 9, Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moosaajii SPSS jedhamuu fi daataa xiinxaluuf gargaaru irratti qorattootaa fi leenjistoota isaatiif magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota 2f kan kennamu yoo ta'u kaayyoon isaas ogeessotni Inistiitiyuutichaa qorannoo gaggeessan moosaajii kanatti fayyadamuun karaa saayinsawaa ta'een xiinxaluu akka danda'an taasisuuf akka ta'e hubatameera.
#Xumura Leenjii moosaajii SPSS #Bishooftuu, Ebla 9, 2014 @Hoteela Baabbugaayyaatti
Leenjiin leenjistummaa mata duree 'Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadaa (MGS): Seera, Hojimaataa fi Rakkoolee Mul'atan' jedhu irratti Abbootii Alangaatiif kennamu itti fufee marsaan 2ffaan isaa magaalaa #shaashamanneetti kennamaa jira. Hojiin mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa hojii bal'aa Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa hojjatu ta'us kanaan dura xiyyeeffannoo argatee leenjiin irratti kennamaa kan hin turre ta'uu fi yeroo ammaa mata duree kanarratti leenjiin kennamuun dandeettii raawwachiisummaa ogeessota hojii kana raawwatanii kan cimsuu fi hanqinaalee kenna tajaajilaa gama kanaan jiranis furuuf kan gargaaru ta'uun ibsamee jira.