Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSO, Adoolessa 13, Bara 2014
#Cuunfaa Raawwii Hojiiwwan Ijoo ILQSO Kan Bara 2014
1. Raawwii Gama Leenjitiin jiru:-
Aangoo fi hojii Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kenname keessaa tokko leenjiiwwan adda addaa ogeessota seeraatiif kennuudha. Bu’uuruma kanaan Inistitiyuutichi sagantaalee leenjii sadi (Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa, Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa fi Sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa) bocatee ittiin hojjachaa turee jira.
Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa ilaalchisee bara kana keessa leenjifamtoota marsaa 15ffaa ogeessota 227 leenjirra turan bu’uura kaarikulamii leenjii Inistitiyuutichaatiin leenjiin qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate kennamee jira. Madaallii gama hundaan taasifameen leenjifamtoota gahumsi isaanii mirkanaa’e 222 (gargaartota A/s = 125 (dhiira 97 fi dub 28) fi gargaartota Abbootii Alangaa= 97 (dhiira 90 fi dub. 7)) eebbisiisuun gara qaamolee haqaatti akka dabalaman taasifamee jira. Leenjifamtootni 2 sababa naamusaatiin, leenjifamtootni 3 immoo iddoo biraatti hojii waan argataniif fedhii isaanitiin leenjicha adda kutanii jiru.
Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa ilaalchisee sagantichi bara 2010 irraa eegalee kan adda cite ture yemmuu ta’u bara 2014 kana keessa akka eegalamu taasisuun leenjifamtoota 100 ofitti fudhannee bu’uura kaarikulamii leenjii inistitiyuutichaatiin leenjisuuf karoorfannee ogeessota 76 (Abbootii Seeraa 7(dh. 6 fi du. 1 )fi Abbootii Alangaa 69(dhi. 65 fi dub. 4) ji’oota sadiif leenjisuun madaallii itti fufiinsaa fi naamusaa gaggeeffameen hundumti isaanituu gahumsi isaanii mirkanaa’ee gara hojii isaaniitti akka deebi’anii ta’ee jira. Sababa ogeessotni leenjicha hin fudhatin sadarkaa naannootti jiranii fi hojiin kan itti baay’atu waan ta’eef Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa akkaataa karoora keenyaatiin leenjifamtoota hanga barbaadamee nuuf ergu hin dandeenye.
Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaatiin sakatta’iinsa fedha leenjii gaggeessudhaan fedhiin adda bahee jira. Bu’uuruma kanaan bara 2014 keessa mata dureewwan adda addaa irratti ogeessota seeraa 2831(dhiira 2576, dubartii 255) leenjiin kennamee jira. Bara darbe yeroo akkanaatiin walbiraa qabamee yoo ilaalamu ogeessotni 445 caalmaan leenjii fudhataniiru. Leenjiin kunis pirezidaantota manneen murtii fi ittigaafatamtoota waajjira abbaa alangaa, abbootii seeraa, abbootii alangaa, poolisoota manneen sirreessaa, qaadota, ogeessota seeraa manneen hojii adda addaa keessa hojjatan fi kkf kan kennameedha.
Walumaagalatti raawwii hojii leenjii bara 2014, kan bara 2013 wajjiin walbira qabamee yoo ilaalamu, yeroo fi baajatni walfakkaataan kan ramadameef ta’us raawwiin caalmaa qabu kan galmaa’e ta’uu agarsiisa.
Raawwii hojiiwwan gama Qo’annoo fi Qorannoo, Gorsa seeraa fi dhimmoota ijoo biroo itti aansinee kan maxxansinu ta’a.
#ILQSO, Adoolessa 14, Bara 2014
#Cuunfaa Hojiiwwan bara 2014 Gama Qo’annoo fi Qorannootiin Hojjatamanii:
Aangoo fi hojii Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kenname keessaa tokko rakkoolee seeraa fi hojmaataa irratti qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun yaadota furmaataa burqisiisuun hojiirra oolchuudha. Gama kanaan bara 2014 keessatti hojiiwwan gurguddoon sadi(3) raawwatamanii jiru. Hojiin jalqabaa qorannoowwan bara 2012 fi bara 2013 jalqabee gaggeeffamaa turan (backlog) xumuruun workishoppiif dhiyeessuudha. Bu’uuruma kanaan kurmaana 2ffaa bara 2014 keessatti qorannoowwan sadi(3) xumuramanii workishoppiif dhiyaatanii jiru. Qorannoowwan kunis:
1. Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Xiinxala Heeraa, Seeraafi Hojimaataa
2. Sababootaa fi Miidhaa Diiggaa Gaa’ilaa Oromiyaa fi
3. Hojiirra oolmaa qorannoowwan ILQSO (bara 2001-2012) kan jedhamaniidha.

Hojiin 2ffaan qorannoowwan haaraa bara 2014 karoorfaman gaggeessuun workishoppiif dhiyeessuudha. Bu’uuruma kanaan mata dureewwan sadi (3) irratti qorannoon akka gaggeeffamu karoorfamee gumii ILQSOtiif mirkanaa’ee jira. Dabalataanis Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta’uudhaan mata duree “Sakatta’iinsa Yaada Ummatni Oromoo Heera RDFI Irratti Qabu” jedhu irratti qorannoon akka gaggeeffamu ta’ee jira. Qorannoowwan kanneen keessaa sadi(3) xumuramanii jiru waan jiranii raawwiin keenyaa %100 ta’a. Qorannoon mata duree “Tajaajila Abbaa Seerummaa Gara Waraqa-maleessatti Ceesisuu” amala isaatiin ogummaa biraa kan gaafatuu fi qindoomina qaamolee adda addaa kan barbaadu waan ta’eef bara kana raawwatamuu hin dandeenye. Gama biraatin kurmaana 4ffaa bara 2014 kana keessatti workishoppii 2ffaa qopheessuun qorannoowwan lama (2) workishoppiif akka dhiyaatan ta’ee jira. Kunis qorannoo mata-duree “Seeraa fi Hojmaata Liizii: Haala Qabatama Naannoo Oromiyaa” jedhu irratti bara 2012 irraa eegalee gaggeeffamaa ture xiinxala isaa xumuruunii fi qorannoo mata duree “Haala Biiroon Abbaa Alangaa Waldiddaa Dhimma Hariiroo Hawaasaa Mala Filannoo Waldiddaa Hiiktuu Birootiin itti Hiiku: Seeraa fi Qabatama” kan jedhu haaraa kan hojjatameedha.

Hojiin ijoon inni 3ffaan qorannoowwan gaggeeffaman akka hojiirra oolan taasisuudha. Bu’uuruma kanaan bara 2014 kana keessatti:-
1. Qorannoon Mana Murtii Aadaa hojiirra akka oolu gochuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan qophii Dambii fi Qajeelfamaa keessatti kallattii hundaan hirmaannaan taasifamee jira.
2. Qorannoo “Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Xiinxala Heeraa, Seeraafi Hojimaataa” jedhu hojiirra oolchuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Lafaa waliin ta’uun ogeessota keenya ramaduun Labsiin Bulchiiinsaa fi Itti-Fayyadama Lafa Baadiyyaa 130/1999 akka fooyya’uuf wixineen labsii qophaa’eera.
3. Qorannoo “Bulchiinsa Qabeenya Uumamaa Oromiyaa: Seeraa fi Qabatama” jedhu hojiirra oolchuuf Wixineen Labsii Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii Oromiyaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii wajjiin ta’uun qophaa’eera.
4. Qorannoo “Seeraa fi Hojmaata Koree Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa” jedhu hojiirra oolchuuf Wixineen Dambii Wajjiira Qindeessaa SFSH fooyyessuu ogeessota keenyaan qophaa’ee waajjirichaaf kennamee abbootiin hirtaas akka irratti mari’atan ta’ee jira.
Hojiirra oolmaa qorannoo keenyaa dabaluuf dhaabbata OBN waliin ta’uu bu’aa qorannoo irratti hubannoon uumamee jira. Qorannoon “Hojiirra Oolmaa Qorannowwan ILQSO Bara 2001-2012” jedhu gabaabbatee joornaalii seeraa oromiyaa irratti maxxanfameera.
Walumaagalatti bara 2014 kana keessa qorannoowwan haaraa sadi(3) raawwachuun cinatti qorannoowwan duraan gaggeeffamaa turan xumuruun workishoppiif akka dhiyaatan kan taasifamee fi hojiirra oolmaa qorannoo irrattis hojiin bal’aan kan hojjatame waan ta’eef bara darbe yeroo walfakkaataa waliin yoo ilaalamu raawwiin caalmaa qabu kan galmaa’e ta’uu agarsiisa.
Raawwii hojiiwwan gama Joornaalii Seeraa, Guboo Jechoota Seeraa Afaan Oromoo fi kanneen birootiin galmaa'an itti aansinee kan maxxansinu ta'a.